Dhaaba Dhiphoota mataa gadi qabsisaa jiru

Dhaabbanni Demookraatawa Oromoo Ummata(Dh.D.U.On) dhaaba dhiphootaafi of tuultoota mataa gadi qabsiisaa jiru akka ta’e diinnis ta’e firri sirritti hubateera. 

Dhaabbanni ijoollee Ummata Oromootiif quuqamaniin waggoota 25 dura hundeeffameefi yaa’ii  8ffaa adeemsisuuf ga’e kun waggoota darban keessa qoruumsawwan hedduun mudataniiruuni.Garuu ammoo rakkooleefi hudhaawwan adeemsa keessa mudataniin hunda caccabsee bira darbuudhaan irkoo Saba Oromoo ta’uusaa qabatamaan mul’iseera.
 
Har’a iddoo dhaabbanni Demookraatawa Ummata Oromoo(Dh.D.U.On)  jirutti of tuultoonniifi dhiphoonni sadarkaa kamittuu argaman waa’ee Saba Oromoo akka ofiif barbaadanitti jallisanii dubbachuufi roorrisuu hin danda’an.
 
Balaballi sobaan Ummata burjaajessanii bituu waan cufameef fakkeessitoonni wayita ammaa wanti raawwachuu danda’an tokklee hin jiru.Kun bu’aa qabsoo dhugaati!
 
Bu’aan kun kan argame dhaabbanni Saba Oromoo ijoollee Oromoo kutannoo qabaniin guutame kun humnoota Demookraatawa kanneen biroo wajjin qindaa’ee fayyadamtummaa Ummata Oromootiif kutannoodhaan qabsaa’aa waan jiruuf akka ta’e kan haalu yoo jiraate diina qofa.
 
Dh.D.U.On  humnoota Demookraatawa wajjin qindaa’uudhaan mirgaafi faayidaawwan Ummata Oromoo akka kabajamaniif waan socho’eef ergamtuu wayyaanee jedhamuun arrabsameera,Miseensonni dhaaba kana jalatti hiriiruudhaan qabsaa’aa jiranis warra garaaf bulan jedhamuudhaan arrabsamaa turaniiru.
 
Duulli humnoota dhiphootaan maqaa Dh.D.U.O balleessuudhaan raawwatamaa tureefi har’as itti fufee jiru kun ol’aantummaadhaan duurfamaa kan ture adda bilisa baasaa Oromoo(ABOn) akka ta’e beekamaadha.
 
ABOn erga hundeeffamee waggoonni umurii ga’eessa tokkoo caalan kan lakkaa’aman ta’ullee dhaabbanni maqaa Ummata Oromoo dha’uun akka saree maraattuu oliigadi kaachaa ture kun amma iddoo baay’eetti qoqqoodameera.
 
ABOn Dh.D.U.O dadhabsisuuf jecha miseesoota adda duree Daabbanni Damookraatawa Ummata Oromoo horate hedduus ilaalchasaa dhiphummaatiin xaxee qabuudhaan daandii qabsoo dhugaa irraa maqseera.
 
Namoota gocha ABOn daandii dhugaa irraa maqan
 
•    Hasan Alii
 
•    Almaaz Makkoo
 
•    Tshaala Abarraa
 
•    Kamaal Galchuu
 
•    Yoonaataan Dhiphisaa fi kanneen biroo hedduun daba ABOn xaxeen kallattii qabsoo dhugaa irraa maqanii badaniiru.
 
Summiin dhiphummaa ABOn bara 1984 irraa eegalee  facaase ammas haala mijaa’aa wayita argatutti rakkoo uumuuf kan carraaqu yoo ta’ellee haala qabatmaa jiruun wanti raawwachuu danda’u tokkollee hin jiru jechuun ni danda’ama.Haa ta’uutii Namoonni dhuunfaan summii dhiphummaatiin laaqamanii rakkachaa jiran hin jiran jechuun hin danda’amu.
 
Egaa wayita ammaa Dh.D.U.On qabsoo kutannoodhaan eegale finiinsuudhaan itti fufeera.Sadarkaan irratti argamus amansiisaa akka ta’e bu’aawwan qabatamaa galmeessisaa jiruun hubachuun waan Nama dhibu miti.
 
Dhaabbanni seena qabeessi kun wayita ammaa miseensoota miliyoona 3fi kuma 100 caalan horachuu danda’eera.baay’inni miseesoota dhaabbatichaa kan dhaabbilee obbolaa kanneen biroo wajjin yoo wal bira qabamee ilaalamu kan caalu malee kan hanqatu akka hin taane mamii malee dubbachuun kan danda’amu yoo ta’elle baay’ina Ummata Oromoo wajjin yoo wal bira qabamee ilaalamu ammas miseensoota  hedduu horachuutu irraa eegama.Kanaaf ammoo adda durummaadhaan shoora ol’aanaa gumaachuu kan danda’an miseesoota dhaabbatichaati.
 
Hawaasa Saba Oromoo keessaa ammaan boodas adda dureewwan miliyoonootaan lakkaa’aman horachuun ni danda’ama.Kanaafi ammoo yaa’iiwwan dhaabaa yeroo yerootti adeemsifaman kallattii barbaachisaa kaa’uudhaan shoorri gumaachan ol’aanaadha.
 
Yaa’iin 8ffaan Dhabbata Demookraatawa Ummata Oromoo Dilbata Hagaya 17 bara 2007 eegalamuun guyyoota sadiif Adaamaa galma Abbaa Gadaatti adeemsifamus kallattiiwwan qabsoo gara fuulduraa kaa’uudhaan murteewwan fayyadamtummaa Saba Oromoo itti fufsiisan ni dabarsa jedhamee eegama. 

Hoogganaan waajjira koree jiddu galeessa Dhaabbata Demookrataawa Ummata Oromoo obbo Dhaabaa Dabalee tibbana ibsa kennanniin akka mirkaneessanitti yaa’ii miseesonni kuma 1 caalan itti hirmaatan kana irratti murteewwan  fayyadamtummaa Ummata Oromoo mirkaneesan hedduutu darba jedhamee eegama.
 
Miseensota yaa’iitti hirmaatan irraa maaltu eegama?
 
Miseensonni yaa’ii dhaabaa irratti hirmaatan iddoo jiranitti ga’uumsa kan qaban ta’uunsaanii mirknaa’ee hirmaannaa miseesotaatiin kan filataman ta’uun beekamaadha.
 
Haa ta’u malee akkuma Namoonni adda duree hin taaneefi yeroo adda addaatti adeemsaan ala wal beekumasaafi rakkoo naannumaatiin dhaabatti makaman yaa’ii 8ffaa kana irrattis kan hirmaachuu hin qabne rakkoo malaammaltummaafi ittiin bulinnaa irraa bilisa kan hin taane filannoonis ta’e hulluuqanii darbuudhaan hirmaachuun isaanii waan hin oolledha.
 
Kanaaf hirmaattoota irraa of eeggannoo ol’aanaa taasisuutu eegama. Yaa’iin dhaabaa Namoonni fakkeessitoota ta’aniifi faayidaa dhuunfaa qofaaf fiffiigan iddoo itti gaafatmaa qabachuu kan itti danda’an waan ta’eef kutannoon qabsaa’uuniifi kan dabe sirreessuun shoora miseesnsoota yaa’icha irratti hirmaataniiti.
 
Miseensoonni dhaabaa yaa’icha irrati hirmaatan of eeggannoo taasisuun kallattii qabsoon ittiin finuunu kaa’uu yoo danda’an qabsoon kutannoodhaan kiraa sasabdoota irratti eegalle galma ga’uunsaa waan hin oolledha.
 
Qabsoo duuba deebii hin qabneen akkuma humnoota dhiphootaafi of tuultotaa mataa gadi qabsisaa jirru diina keenya waggoota hedduuf haala jireenya Ummata keenyaa gadi quucarsee tures dhabamsiisuun ni danda’ama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman