Dhimma Finfinnee Oduudhaan utuu hin taane hojiidhaan mul'isuu qabna!
Finfinnee Gurraandhala 20/2011(Tolawaaw waarii) Dhimma Finfinnee wajjin wal qabatee bara baay'eedhaaf waan hedduutu jedhame ammaan tanas waan hedduutu jedhamaa jira.Inni bu'aa siyaasaa hammaarrachuu barbaadu gara ofiif tolutti harkisuudhaan waan barbaade jechaa oola. Nuti Oromoon ammoo dhugaa qabnu qabachuudhaan falmaa jirra.Falmiin Finfinneef taasifnu gara fuulduraattis itti fufa.Dhimma Finfinnee irratti boqonnaa hin qabnu,kutannoodhaan itti fufiinsaan hojjenna. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dhimma Finfinnee irratti hirmaattoota yaa'ii idilee 9ffaa Caffee Oromiyaatiin gaafatamanii deebii kennaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma Finfinnee irratti ejjennoo Ummanni Oromoo qabuun ala ejjennoo biraa hin qabu,Finfinneen kaleessas har'as borus kan Oromooti jedhaniiru.Gaariidha! Hanga har'aatti dhimma Finfinnee irratti waan baay'ee odeessineerra.Amma Oduun ni ga'a.Qabatamaan hojjechuu qabna!Hojiin kutaawwan magaalaa Fi...