Dhimma Finfinnee Oduudhaan utuu hin taane hojiidhaan mul'isuu qabna!
Finfinnee Gurraandhala 20/2011(Tolawaaw waarii) Dhimma Finfinnee wajjin wal qabatee bara baay'eedhaaf waan hedduutu jedhame ammaan tanas waan hedduutu jedhamaa jira.Inni bu'aa siyaasaa hammaarrachuu barbaadu gara ofiif tolutti harkisuudhaan waan barbaade jechaa oola.
Nuti Oromoon ammoo dhugaa qabnu qabachuudhaan falmaa jirra.Falmiin Finfinneef taasifnu gara fuulduraattis itti fufa.Dhimma Finfinnee irratti boqonnaa hin qabnu,kutannoodhaan itti fufiinsaan hojjenna.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dhimma Finfinnee irratti hirmaattoota yaa'ii idilee 9ffaa Caffee Oromiyaatiin gaafatamanii deebii kennaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma Finfinnee irratti ejjennoo Ummanni Oromoo qabuun ala ejjennoo biraa hin qabu,Finfinneen kaleessas har'as borus kan Oromooti jedhaniiru.Gaariidha!
Hanga har'aatti dhimma Finfinnee irratti waan baay'ee odeessineerra.Amma Oduun ni ga'a.Qabatamaan hojjechuu qabna!Hojiin kutaawwan magaalaa Finfinnee gara garaa keessatti hawaasa Oromoofi Qeerroo sochoosuudhaan hojjetamaa jiru daran finiinee itti fufuu qaba.
Finfinnee keessatti Afaan Oromoo sirritti dubbatamuu qaba!Dhalataan Oromoo hundumtuu Finfinnee keessa jiraatu dhimma Finfinnee irratti qaaniifi saalfii tokko malee lapheesaa dhiibee dubbachuu danda'uu qaba.Kana yoo godhu garuu mirga qaama biraa sarbuurraa of eeguu qaba.Kaanitti buunee balleessitoota akka taanuuf kan hojjetan akka jiran beekuu qabna.Kana jechuun yaaddoodhaan haa sochoonu jechuu miti.Karaa seera qabeessa ta'een wanti hundumtuu hanga dhumutti Finfinneen urgaa Oromoo akka qabaattuuf kutannoodhaan haa hojjennu.Kana gochuuf:-
1.Afaan Oromoo xiyyeeffannoo ol'aanaa argatee Finfinnee keessatti bal'inaan dubbatamuu qaba.Oromoo ta'ee bakka Oromoon jirutti Afaan Amaaraa caccabsaa Oromoo wajjin kan dubbatu qaana'uu qaba.
2.Dhimma Finfinnee wajjin wal qabatee olola afarfamaa jiruuf iddoo kennuun hin barbaachisu.Qabatamaan hojjechuutu nu baasa.
3.Hojiin baruumsaa Afaan Oromootiin Manneen barnootaa Finfinnee keessatti eegalame daran cimee itti fufuu qaba.Mootummaan dhimma kana irratti kallattii kennee taa'uu qofa utuu hin taane raawwiisaa hordofuu qaba.
4.Wal gayiiwwan dhimma Saba Oromoo irratti xiyyeeffatan kamiyyuu galmawwan wal gayii Finfinnee keessatti adeemsifamuu qabu.
5.Biiroleen Oromiyaa walgayiidhaaf gara Adaamaatti kaachuu dhaabuu qabu.Haala mijeessuudhaan walgayiin kamiyyuu Finfinnee keessatti akka adeemsifamu taasisuun inuma danda'am,kun waan ulfaataa miti,fiigicha durgoodhaaf taasifnuun yoo butamne malee.
6.Caasaan OBN Adaamaa jiru hatattamaan Magaalaa Finfinneetti galuu qaba.Gamoon OBN'f Finfinneetti akka ijaaramuuf waggootaan dura dhakaan bu'uraa kaa'ameef ijaarsisaa xummuramee OBN yeroo gabaabaa keessatti Finfinnee keessaa tamsaasuu eegaluu qaba.Yoo kana goone Finfinneen urgaa Oromoo qabaachaa deemti.Finfinneen seenaadhaanis seeraanis heeraanis kan Oromooti jechuudhaan daadhachuun qofaasaatti hiika hin qabu.Waan hundumaa ta'uu qabu qabatamaan hojjennee haa mul'ifnu.Yaada dhuunfaakoon barreesse,kan hafe itti dabalaa dogongorri yoo jiraate yaadaan sirreessaa.Horaa bulaa #Oromiyaa #Ethiopia
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ