Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa hojiilee Hidha Haaromsaarratti hojjetamaniif,waliigaltee mallatteesse
(Tolawaaq Waarii Finfinnee
Guraandhala 11/2011)-Humni Elektiriikaa Ityoophiyaa Hidha Haaromsaarratti
hojiilee madda anniisaa maddisiisuun dura hojjetamaniif, dhaabbata Chaayinaa
CGGC waliin waliigaltee koontiraata fooyyessuu mallatteesse.
Waliigaltichis hojiilee
sibiilaa, dabarsa bishaanii, kaalvartiif meeshaalee hir'atan dhiyeessuu, rakkoo
qulqullinaarratti muul'atan sirreessuu, oomishaa fi meeshaalee dhaabuu,
hojiilee karroota to'annaa dabalata.
Waliigaltichas hoji gaggeessaa
olaanaa Humna Elektiriika Ityoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaayii fi
Ityoophiyaatti bakka bu'aa dhaabbata CGGC miistar Yaangitu mallatteesse.
Waliigalteen har'a mallattaa'e
ijaarsa hidhichaa ariifachiisuu keessatti ga'ee kan qabu ta'uu Dooktar Abrahaam
ibsaniiru.
Miistar Yaang gama isaanitiin
dhaabbanni isaanii hojicha qulqullinaa fi ariitiin hojjechuuf, muuxannoo qabuun
dhaabbilee biroo waliin akka tumsu eeraniiru.
Hoji gaggeessaan Hidha Haaromsaa
Injiinar Kiflee Horroon waliigalteen hojii madda anniisaan duraa
Koorporeeshinii Injinariingii Sibiilotaa waliin waliigalamuu yaadachiisanii,
waliigalteen har'aa hojii duubatti hafe ariifachiisuuf gargaara jedhan.
Waliigalteen har'aa kan Doolaara
Ameerikaa miiliyoona 40.1.
Gama biraatin yuunitootaa fi
raabsaa anniisaa olaanaa qindoominaan hojjechuuf dhaabbata Vooyit Haaydroo
Shaangaay waliin waliigalteen mallatteeffameera.
Waliigaltichas Dooktar Abrahaamii
fi itti aanaan preezdaantii dhaabbatichaa miistar Taang Shuun
mallatteessaniiru.
Waliigaltichis kan Doolaara
miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 13.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ