Araraa ABO fi Mootummaa Itiyoophiyaa


Nagaan bu’ura waan hundaati jennee waa’ee barbaachisummaa Nagaa heddu jechaa turre,ammas waa’ee Nagaa dubbachuufi barreessuu hin dhiifnu.Yaada barreessuufis Nagaatu barbaachisa waan ta’eef nagaan keenya eegamuu qaba.Nutis hawaasa waliin taanee Nagaa keenya ni eegganna.Dhimma Nagaa irratti xiyyeeffannee hojjenna.Hundumtuu waa’ee Nagaa irratti hojjechuu qaba.
Koreen araara Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) shanee maalirra jira laata? jechuun namuu yaadaan gaafachaa ture.Koreen torban muraasaan dura hundeeffamuun socho’aa jiru turtii guyyoota 18 booda dhimma carraaqqii taasisaa jiruu irratti kaleessa sagaleesaa dhageessiseera.
Karoorri guyyoota 20 keessatti hojii eegalame fixuufi hidhattoota ABO gara qabsoo karaa Nagaatti deebisuuf qabame yeroo jedhame guyyoota 20 keessatti xummuramuu waan hin dandeenyeef jecha hojii eegalame xummuruuf murtii waliin wajjiniitiin guyyoonni 10 akka dabalaman ibsa kaleessa Abbaa Gadaa kanaan duraa Bayyana Sanbatoo miseensoota koree wajjin dhaabbatanii kennaniin mirknaa’eera.
Koreen araaraa kun haala kanaan waan jiruufi adeemsa irra gahame irratti hawaasa isa eegaa jiruuf odeeffannoo kennuunsaa waan dansaadha.Murtii waliin wajjiniitiin bakka barbaadamu ga’uuf jecha guyyaan dabalamuunis rakkoo miti,waan gaariidha.
Ibsa koree abbootii Gadaafi teeknikaatiin kenname kana irratti akka himametti miseensonni koree gareedhaan qoqqodamuudhaan Roobii Guraandhala 06 bara 2011 irraa eegalee gara godinaalee Oromiyaa gara garaatti ni bobba’u jedhamee eegama.
Ibsa kenname irraa akka hubatametti gara godinaaleefi iddoo adda addaa hidhattoonni itti argaman deemuun kan barbaachise miseensoota WBO wajjin dhimmicha irratti mari’achuudhaan adeemsi Nagaafi araaraa galmasaa akka ga’u taasisuudha.
Erga koreen kun ibsa kennee booda yaadawwan gamaa gamanaa ganama kana afarfaman tokko tokko koreen kun gara godinaaleetti akka hin bobbaaneef kan dorsisuufi  kan yaaddessudha.Qaamni koree araaraa doorsisu kun eenyu? jennee gaafachuu qabna.
Oromoon Nagaa barbaadu kana godha jedhamee gonkumaa hin yaadamu.kan Oromoon akka Nagaa argatee jiraatu hin feene garuu doorsisuu miti kana biras darbee koree araaraa kana irratti miidhaa geessisuunsaa hin oolu.Garuummoo Sabni Oromoo Nagaa barbaadu utuu jiruu miseensoonni koree kanaa homaa hin ta’an.
Galma yaadan ga’uunsaaniis waan hin oolledha.WBOn miseesoota koree araaraa kana bakka dhaqanitti hanbisuu qaba jechuun maal jechuu akka ta’e ifa miti.Qaamni yaada akkanaa dabarsu diina Saba Oromoo akka ta’e hubatamuu qaba.
Amma kanneen doorsiftan doorsisa keessan dhaabaa! Nagaan haa bu’u ijoolleen Oromoo karaa Nagaatiin yoo socho’an of fayyadanii biyyasaaniis fayyaduu danda’u.Yoo dandeessan namni bosona keessa jiru bosona keessaa akka ba’uuf shoora gama keessanii gumaachaa.
Hundumaafuu Karoorri koree araara ABOfi Mootummaa Itiyoophiyaa galmasaa ni ga’a,kana irratti shakkiin hin barbaachisu.Sababi
insaa Oromootu biyya hoogganaa jira.Oromoon wal hubata,wal qalbeeffata.Haalli qabatamaan amma jirra jirrus kanuma mul’issa.Yaa Oromoo ati ofirra dabartee kaaniifuu akka geessu beekamaadha.Nagaan ati buustus hunda fayyada.Yoo ati wal taatee Nagaa amansiisaa buuftu diinnikee ammoo qarqaratti hafuudhaan mataa gadi qabatti.Kun ammoo dhufaa jira waan hin oolledha.Nagaa barbaanna!Nagaadhaaf hojjenna nuhundumtuu Nagaa keenya amansiisaa taasisuuf haa hojjennu! Horaa bulaa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa