Ayyaana Irreechaa bara 2009

Ayyaana Irreechaa bara 2009 Magaalaa Bishooftuu Hora Arsadeetti kabajamu karaa nagaa fi tasgabbii qabuun kabajuun ayyaanicha ayyaana aadaan keenya sadarkaa ol’aanaatti irratti miidhageefi hawwatee mul’atuufi kabajamu taasisuuf qophiin gahaan akka taasifame Hoogganaan biiroo Aadaa fi Turiizimii Oromiyaa obboo Geetuu Wayyeessaa himaniiru.


Obbo Geetuun akka jedhaniitti ayyaana irreechaa baranaa kan adda taasisuu jala bultii aayyaanichaatti yeroo jalqabaatiif fiigichi guddaan dargaggoonni hedduufi atiileettoonni beekamoon irratti hirmaatan kan gaggeeffamuu ta`uusaati

Sirna Gadaa Oromoo UNSCOtti galmaa’uuf deemuuf haala mijaawaa uumuuf keessummoonni idil-addunyaaraa fi biyyaa keessaa dhufan bal`inaan kan irratti hirmaataan ta`uunsaas ayyaana baranaa kana adda taasisa jedhaniiru.

Ayyaanni Irreechaa aadaawwan sirna Gadaa waliin walqabatanii raawwataman keessaa tokkoofi Aadaa eenyummaa Saba Oromoo callaqisuudha kan eeran obboo Geetuun,Iddoo ayyaanni irreechaa itti kabajamu hundatti ummanni Oromoo hundi sabaafi sablammoota obboloota isaa wajjin wal tahee uffannaa aadaa isaatiin miidhageefi meeshaalee faaya isaa qabatee, tolfannaa rifeensaa isaa bareechifatee fi sirba aadaa isaa weellifachaa lafa itti gammaduu fi aadaa isaa qofa itti gabbifatudha jedhaniiru.

Iddoon kabaja ayyaana irreechaa lafa qaamoleen siyaasaa gara garaa ergama siyaasaa isaanii itti dabarfatanii ykn. Alaabaafi asxaa isaanii itti muldhiisan osoo hin taanne lafa aadaan Saba Oromoo qofti itti gaggeeffamuu waan ta`eef Dhaabni siyaasaa kammiyyuus ta`ee namni kamiyyuu gochaa kanarraa ofqusaatuu qaba jedhaniiru

Aayyaanichi kan ummata Oromoo waan ta`eef namni kamiyyuu irratti hirmaachuu mirga qaba kan jedhan obbo Geetuu Wayyeessaa oloolli nama galmaa`e qofatu hirmaata jedhame jechuun midiyaalee hawaasummaatiin Oduun afarfamaa jiru sobadha jechaniiru

Mootummaan misoomawaa fi dimokraatawaan keenya gama misooma dinagdee hawaasummaatiin akkuma injifannoo galmeessisaa dhufeefi ammas galmeessisaa jiru hunda gama Seenaa, Afaan, Aadaa fi Aartiin ummata Oromoo akka guddatuufis hojiiwwan boonsaa tahe hojjechaa ture jiras jedhan.

Ayyaanni Irreechaa hawwata tuuristii miidhagaa fi aadaa ummataa Oromoo karaa calaqqisuu qofaan akka nagayaafi tasgabbiin kabajamu taasisuuf ummata abbaa aadaa isaa tahe waliin ciminaan hojjetamaa akka jirus obbo Geetuun beeksisaniiru.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa