Ibsa Ejjannoo Hirmaattota Haaromssaa Gaggeesitoota Ol’aanaa Dh.D.U.O.

Dhabbanni keenya Dh.D.U.On sadarkaa har’a irra jiru irra kan gahe, toorasaa ummatummaatiin hogganamee,qabsoo walirraa hin cinneen ofhaaromsaati. Gaaffileen hundeefamasaatirraa kaasee qabsaa’aa fi qabseessisaa tureef ammas ittifufanii jiran bu’uura ummattummaa bal’aa kan qabanidha.Sababni dhaabni keenya qabsoo keessatti dhalateefis kanumma.Gaaffileen mirga sabummaa fi cunqursaa gitaa qabsoo wareegama lubbuu gaafatuun ofirraa fonqolchuun hundeefama dhaaba keenyaan duras ka’aa turan dhaabbilleen maqaa qabsoo ummata Oromootiin hundoofnee jirra jedhanii of himan tokkoon isaaniyyuu deebisuu kan danda’an hinturre,sababni isaa inni guddaanis fedhii ofiitiin dura fedhii ummata bal’aatiif abboomanii qabsicha karaa gurmaa’eef ummata hirmaachiseen hogganuu dhabuusaati.Ergamoota ummattuumma kana kallattii sirrii ta’een hogganee injifannoodhaan xumureef boqonnaa qabsoo ammaatiin murannoodhaan qabsaa’aa kan jiru dhaaba keenya Dh.D.U.O dha.

Qabsoon hidhannoo sirna dargii kuffisuudhaan injiffanoodhaan erga xumuramee booda egereen biyya keenyaa keessattuu kan Naannoo Oromiyaa toora milka’ina galmeessaa dhufe kan dhaaba keenyaan ta’uunsaas dirqama ture. Gaaffii murteessaa yeroo sana boqonnaan irra gahame gaafatu nageenya amansiisaa ummata bal’aa Oromoo wajjiin ta’uudhaan mirkaneessuurraa calqabe.
Sirna ijaarsa dimokraasii qabsoon hidhannoo itti adeemsifame sadarkaa sadarkaadhaan diriirsuun,fayyadamummaa ummataa kallattii hundaa’aan mirkasneessuudhaan qabsoon ture murannoo ol’aanaa kan gaafatuudha.Dhaabni keenya Dh.D.U.On hummnoota dimokraatotaa fi ummata wajjiin ta’uun boqonnaa kanas injiffannoodhaan keessa baheera.Gaaffiin sabummaa fi dimokraasii,gaaffiin ofiin ofbulchuu, gaffiin fayyadamummaa diinagdee fi waliigalaan mirgi siyaasaa, hawaasummaa fi kan diinagdee wabii heera mootummaa erga argatanii kaasee jijjiiramni naannoo Oromomiyaa keessatti dhufe ol’aanaadha.
Guddina diinagdee akka biyyaatti waggoottan darban walitti aanee galmaa’an keessatti ga’een naannoo Oromomiyaa hogganssa Dh.D.U.Otiin dhufe kanaaf agarsiiftuu tokkodha. Injiffannoo karaa siyaasaa filuuf filatamuu,deeggaruu fi mormuu, ijaarama adda addaatiin gurmaa’uun dhufes seenaa biyya keenyaa fi naannoo keenyaa kessatti boqonnaa haarawaadha.Injifannoowwan eeramanii fi kanneen biroos bu’uurrisaanii heera mootummaa biyya keenyaa fi kan naannoo keenyaa ta’us imaammatii fi tarsiimoon itti aansuudhaan dhaabbata keenyaan qophaa’e ga’een gumaache ol’aanaadha.
Imaamatni misooma qonnaa, misooma magaalaa, misooma Induustrii, kan ijaarsa sirna dimokraasii fi hariiroo dhimma alaa jijjiirama har’a mulachuu danda’eef bu’uura ta’aniiru.Injifannoon kun kallattii hundaan humnoota misoomaa kessumattuu ummata bal’aa hirmaachisuudhaan kan argamedha.
Sadarkaa har’a irra geenye kan ittin madaallu inni biraa waltajjiilee hudhaa milkaa’ina keenyaa ittin qorachaa fi kallatti ittiin sirraa’an kaa’aa dhufe yoo ta’u, gama kanaan waltajjiin haaromsaa waggoottan kudha shanaan har’aa hanga ammaatti ittiin hogganamaa dhufne isa tokko.Haaromsa kallatti kaawwanne kanaan sirna ijaaraa deemnurratti iftoominni qabameera,Qormaatni qabsoo keenyaa kan itti aanu kiraasasaabdummaa akka ta’ee fi kanarratti araarama malee qabsaa’uun gaaffii yeroon gaafatu akka ta’e kallattiin kaa’amee waggoottan kudha shanan darbaniif ittiin hogganamaa,ittin qabsaa’aa fi qabsseessisaa asgeenyee jirra.
Boqonnaa har’a irra jirru yeroo madaalluus gaaffileen ummata keenyaa deebii argatanii fi fayyadamummaa isaa mirkaneessan hedduu ta’uusaani argina.KGT marsaa 1ffaa xumurre keessatti injiffannoon kallatti hundaan argame sagantaa, misoomaa,kan nagaa fi dimokraasii dhaabni keenya baase sirrii ta’uusaa qabatamaan kan agarsiisee fi ammas itti hiojjetamaa kan jirudha.Injiffannoon boonsaan gaaffilee ummata keenyaa deebisuudhaan galmaa’e jiraatus rakkooleen keessoo dhaabaatti uumamanii fi faayidaa ummataa irratti danqaa ta’anis hedduudha.Kanneen keessaas aantummaa ummataa dagachuun taayitaa ummatni nutti kenne seeraan ala fayyadamuun,bulchiinsa gaarii sadarkaa barbaadamuun mirkaneessu dhabuun, gochaa fi ilaalcha kiraasasaabummaa irratti qabsaa’uu dhabuu fi keessatti hirmaatanii argamuun walumaagalatti dimokrasaasummaan keessoo dhaaba keenyaa rakkoo keessa galuun isaan gurguddoodha.
Rakkooleen kun kallattii haaromsa waggoottan kudha shan darban kaa’een gama tokkoon guddina dhufu duukaa kan dhalatan ta’uunsaanii gama biraatiin ammoo laafina eenyummaa siyaasummaa keenyaa wajjiin karaa walitti hidhamuun akka dhufan kallattiin kaa’amee ture.Waltajjii har’a irra geenyeenis ifatti ilaalaa kan jirrudha.Dhaabni keenya Dh.D.U.On rakkooleen gama kanaan mudatan qabsoo keessatti jiraachuusaanii qoratee waltajjiilee dhaabbatummaa gara garaa irratti adda baasuudhaan kallatti furmaataas ka’aa dhufeera.Muuxannoo gabbataa rakkoo muudatan itti hiikus qaba. Kanaafidha sadarkaa amma irra geenyeen haaromsi rakkoolee jiran gadigfageenyaan qoratee kallatti fuuladuraa ka’uu barbaachisaadha jedhee sochii qabatamaatti seenaa kan jiru. Rakkooleen kunis muuxannoo kanaan dura qabso keessatti qabnutti gargaaramnee hundaa ol ammoo ummata bal’aa karaa adda addaan hirmaachiisuun ni hiikna jennee amanna.Gaggeesitoonni ol’aanoo dhaabbata keenyaa boqonnaa haaromsaa kana irratti qooda fudhachuu calqabnes kallattii dhaabni keenya kaa’een bu’aa gaggeesummaa dhaaba keenyaan waggoottan darban keessatti galma’an gadifageenyaan kaafnee irratti mar’anneerra.
Maree keenya kana boddees madda rakkoo keenyaa adda baafnee furmaatas keenyee jirra.Rakkooleen kunis,qabsoo ittifufiinsa qabuun ni hiikamu.Maddi rakkoo ammaas gocha keenyarraa kan madde malee rakkoo toora keenya akka hintaane amanuudhaan maree guyyaa jahaaf taasfinee dhumarratti ibsa ejjannoo armaan gadii baafanneerra.
1ffaa.Aadaa dhaabbanni keenya yeroo kamiyyuu kaayyoo jalqaba qabateerraa ka’uudhaan rakkoolee isa mudatan hunda dura keessoo isaa haroomsuudhaan ummataaf caasaa keenya ofcina hiriirsee,qorrannoodhaan of qulqulleesuudhaan dhaaba beekamudha.Kanaafuu, har’as injifannoowwan goonfanne akkumma jirutti ta’ee rakkoowwan numudatan haaromsa keenyaan qulqulleesinee aantummaa ummata keenyaa qabannee qabsoo keenya finiinsinee itti fufuuf waadaa ni seenna!
2ffaa.Maddi rakkoo keenyaa hanqina gaggeesummaa keenyaa akka ta’eefi kunis rakkoo ilaalchaa dhiphummaa, oftuulummaa, ittiin bulinnaa fi walumaagalatti taayiytaa mootummaa dhunfaaf oolchuu akka ta’e hubanneerra.Kanaafuu, ijaarsaa fi gurmaa’insa cimaa dhaabaa fi mootummaa mirkaneessuudhaan gaggeessummaa boqonnaan qabsichi gaafatu kennuudhaaf sadarkaa sadarkaadhaan fedhii hawaasa keenyaa guutuudhaaf qophaa’ummaa keenya ni mirkaneessinaa!
3ffaa.Rakkoolee bulchiinsa gaarii jireenya Ummata keenyaa guyyaa guyyaan danqanii qaban addaan baasuudhaan,sadarkaa isaanii fi walduraa duubaan yeroo gabaabaa,giddu galeessaa fi dheeraa jedhamu keessatti hiikkamuu qaban hirmaannaa fi miira abbummaa ummataatiin hiikuudhaan,ilaalchaa fi gochaalee kiraa sassaabdummaa qabsoo tokkummaa keenyaa fi araarama tokko malee moo’annee ilaalchi Misoomawaa toorri haaromsa keenyaa akka milkaa’u qabsoo obsa fixachiisaa ni goona!

4ffaa.Haala qabatamaa Naannoo keenyaatii fi guddina biyyi keenya irra geesse bu’uura godhachuudhaan misoomni humna namaa keenya sadarkaa ol’aanaadhaa fi ariitiidhaan guddachaa dhufee jira.Haa ta’u malee humni baratee fi dargaggootni naannoo keenyaa sadarkaa barbaaddamutti fayyadamaa ta’uu dhabuusaaniitiin maatiinis ta’ee dargaggootni keenya gaaffii fayyadamummaa haqa qabeessa gaafachuu isaanii miira itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan amantaadhaan fudhachuudhaan rakkoolee kana hiikuudhaaf xiyyeeffannaa addaa fi ol’aanaa kennuudhaan hojjachuu fi hiikuu akkuma jalqabnetti daran cimsinee, baldhifnee fi tumsa ummataa,humnoota misoomaa hundaa fi dargaggootni kallattiidhaan akka hirmaatan gochuudhaan jijjiirama bu’uuraa fiduu akka dandeenyyu amantaa guutuudhaan ibsina.
5ffaa.Dhaabbanni keenya aantummaa ummatummaa isaa irraa kan ka’een dhimmoota gaaffii qonnaan bulaa deddeebi’anii ka’an keessumattuu sababa misoomaatiin lafa isaanii irraa ka’an gad fageenyaan qorachuudhaan fayyadamummaa isaanii sadarkaa ol’aanaatti mirkaneessuudhaaf caaseffamaa fi hojmaata cimaadhaan deeggarree rakkoolee kana dura raawwii keessatti mul’achaa turan bu’uuraan hiikuudhaan fayyadamummaa isaa dhugoomsuuf hojii calqabne cimee akka itti fufu miira yeroo hinqabnuutiin ni hojjanna.
6ffaa.Nageenyi waan hundaaf bu’uuraa fi utubaa ta’uu isaa ummata keenyaa ol namni beeku jira jedhanii yaaduun hin danda’amu.Hundaa ol rakkoolee keenya gadi teenyee hiiknee hawaasni hundi nagaan bobba’ee akka galu yeroosaa misoomaa fi guddina isaatiif akka oolchu nageenya amansiisaan mirkaneessuun murteessaadha,haa ta’u malee humnoonni badii alaa fi keessaa harka waliiti hidhatanii duula hiyyummaarratti taasisaa jirru nu gufachiisuudhaan aangoo qaxaamuraan qabachuudhaaf dhagaan isaan hin gargaalchine hin jiru.Dhaabni keenya Dh.D.U.On yeroo kamiyyuu dinni ummata keenyaa hiyyummaa ta’uusaa hubatee kanarraa otoo fuula keenya hin garagalchin ummata waliin ta’uudhaan daandii guddinaa keenya ittifufsiisuudhaad waadaa galla!
7ffaa.Akkuma Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuun dhimma murteessaa ta’e hunda ol’aantummaa seeraa jiraachuun nageenya lammiileef wabii ol’aanaadha.Kanaafuu hirmaanaa baldhaa Ummata keenyaa fi qaamota nageenyaa fi haqaa cimaadhaan harka wal qabannee ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaan,lammiin hundi sodaa tokko malee miira xiiqii ol’aanaatiin hojii misoomaa fi ijaarsa sirna Dimokiraasii galmaan ga’uudhaaf adda durummaan qabsaa’u qopha’ummaa keenya ni ibsina!!
8ffaa.Qabsoo waltajjii haaroomsa kanaanis mul’ata hawaas-diinagddee tokko ijaaruuf akka biyyaatti qabame akka milkaa’u ga’ee keenya gumaachuuf qopha’ummaa keenya ni haaromsina!
Kabaja bara baraa qabsaa’oota warreegamaniif!!
Gadifageenyaan of-haaromsinee haaromsa naannoo keenyaa fi biyya keenyaa fiixa baafna!!
Gaggeesitoota Ol’aanaa- Dh.D.U.O.
Fulbaana 15, 2009
Adaamaa


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa