Waa lama dhabuu Juneeddii Saaddoo
Obbo Juneeddii
Sadadoo iddoowwan Taayitaa Naannoo Oromiyaafi Federaalaa hedduu irratti
hojjeteera.Walumaagalatti waggoota 27’f
sadarkaa itti gaafatamaatiin akka hojjete dubbata.
Waggoota shaniin
dura fedhumasaatiin akka biyyaa baqateefi sagalee dhokfachuun erga turee booda
wayita ammaa humni dhiphaaniifi of tuulaan ol’aantummaa waan argate itti
fakkaannaan iddoo itti dhokate irraa sagaleesaa hammeenyaa dhageessiseera.
Itiyoophiyaa
keessatti danbaliin mormii ummataa akka ka’eefi Mootummaa wayyaanee tajaajiluun
isaa akka gaabbisiiseen dubbateera.Namni kun taayitaa hammaaramee itti kenname
da’oo godhachuudhaan murteewwan adda addaa dabarseen Oromoonni hedduun miidhamaniiru,dararama
ol’aanaadhaaf saaxilamniiru.Murteewwan Namni sobaan kun yeroo tayaitaa irra
turetti dabarseen:
1.Barattoonni
Yuuniivarstii lakkoofsaan 300 caalan baruumsa isaanii irraa ari’amuudhaan du’aniiru,bu’aa
malee hafaniiru.
2.Magaalaan
guddoon Oromiyaa Adaamaa akka taatu murteessuudhaan hojjettoonni manneen hojii
8 jireenya isaanii tasgabbaa’aa irraa buqqa’aniiru.
3.Juyuneeddiin
taayitaa qabutti da’eeffachuudhaan murteewwan dabarseen mankaraarsitummaan
Islaamaa Oromiyaatti akka babal’atuufi lubbuun Namoota baay’ee akka badu
taasiseera.
4.Maastar
pilaaniin Finfinneefi godina addaa Oromiyaa badiinsa lubbuufi barbdaa’uumsa
qabeenyaatiif sababa akka ta’u taasiseera.Balballi dhimma maastar pilaanii
murtee sirriifi seena qabeessa Dh.D.U.O’n dabarseen cufamuusaa kan hinbeekne
Juneeddii Saaddoo ammas ta’u Maastar pilaaniin sirrii miti jechuun hojii
ergamtummaasaa hojjechaa jira.
Obbo Juneeddii Saaddoo bara taayitaa isaatti
rakkoo ittiin bulinnaa,jaalatamummaa argachuufi jilbiinfachuutiin dogongorawwan
raawwachaa ture yaadachuudhaan ummata dhiifama gaafadheera jedha.Haa ta’uutii
obbo Juuneeddii Saaddoo waa lama dhabuusaa beekuu qaba.Hundumaafuu sobasaa kana
dhaggeeffadhaa.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ