Wanti guddaan ilaalcha sirreessuudha!
Tibbana leenjiin
barsiiftoot`a hirmaachise iddoowwan adda addaatti kennamaa jira.Akkuma
barsiiftoota Naannolee biroo Barsiiftoonni Naannoo Oromiyaas hojii baruufi
barsiisuu irratti leenji’aa jiru.Akkuma beekamu wanti guddaan hanqina gama
ilaalchaatiin jiru sirreessuudha.
Hanqinni ilaalcha
namaa bira jiru ammoo leenjii hubannoo Namaa gabbisuu danda’uun sirraa’aa
deema.Leenjii wayita tokko qofatti kennamuun ilaalchi Namaa sirraa’uu danda’a jechuun
yaaduun kan hin danda’amne ta’us leenjiin kennamaa jiru barsiiftoota hanqina
hubannoo qaban sirreessuufi dhaloota ga’uumsa qabu akka horataniif haala kan
mijeessu akka ta’e hinshakkamu.
Leenjichi kan
xiyyeeffate adeemsa baruufi barsiisuu irrattidha.Kana malees waa’een hanqinoota
adeemsa baruufi barsiisuu keessatti mudatan ka’uun hin oolu.Kun ammoo hojii
baruufi barsiisuu keessatti ammaan booda akka hindabalamneef ittisuuf gargaara.
Qaamoleen tokko
tokko leenjichi siyaasa Wayyaanee barsiisuu irratti xiyyeeffata jechuun
ololanis kun dhara akka ta’e Barsiiftoonni waltajjiiwwan leenjii irratti
hirmaatan mirkaneessaniiru.Humnoonni farra Nagaa kan akka ABOfi Ginboot 7 akka
jedhamu kan barbaadan leenjichi kaayyoo siyaasaa Wayyaanee irratti xiyyeeffata
jedhamuudha.
Kun garuu hin
taane.Kun ta’uu dhabuunsaammoo isaaniif salphina.Akka humnoonni kun yaadanitti
Barsiiftoonni waan isaaniif ta’u hinbeekan,Siyaasuma humni biyya bulchaa jiru
fudhatu.Kanaaf qaawwa kana barbaadanii dhaadhessuuf akka malee dhama’u.
Hundumaafuu
leenjichi qulquliina baruumsaa mirkaneessuufi hojii baruufi barsiisuu bu’a
qabeessa taasisuuf shoora ol’aanaa kan
gumaachudha.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ