Murtee seena qabeessa koree jiddu galeessa Dh.D.U.O
Koreen jiddu
galeessa Dhaabbata Demookraatawa Ummata Oromoo raawwii sochii haaromsaa
waggoota 15'n darbanii tibbana qorachaa ture xumureera.
Koreen jiddu
galeessa dhaabbatichaa walga'iisaatiin murteewwan adda addaa kan dabarse yammuu
ta'u murteewwan darban keessaa jijjiiramuun dura taa'oota dhaabbatichaa isa
tokkodha.
Akkaatuma kanaan
dura taa'aan Dh.D.U.O obbo Muktaar Kadiriifi itti aantuun dura teessuu
dhaabbatichaa adde Asteer Maammoo iddoo dura taa'ummaa irraa ka'aniiru.Gaaffiin
obbo Muktaariifi adde Asteer hooggansa dhaabaa irraa ka'uuf koree jiddu
galeessaaf dhiyeeffatan fudhatama kan argate yoo ta'ellee hojii
raawwachiiftummaadhaan kan itti fufan ta'a jedhameera.Akkaataa kanaan obbo
Muktaariifi adde Asteer sadarkaa tokko gadi bu’uun hojii raawwachiiftummaadhaan
kan itti fufan ta’a jedhameera.
Rakkoolee
Oromiyaa keessatti mudataniif hanqinni ga'uumsa hooggansaa sababa akka ta'e kan
himame yammuu ta'u tarkaanfiin kunis kan fudhatme kanuma irraa ka'uun akka ta'e
eerameera
Iddoosaaniitti
obbo Lammaa Magarsaa dura taa'aa Dh.D.U.O,Dr.Warqinaa Gabayyoo ammoo itti aanaa
dura taa'aa dhaabbata Demokraatawa Ummata Oromoo ta'uudhaan filatamaniiru.
Koreen jiddu
galeessa dhaabbatichaa dhaamsa ummata Oromootiif dabarseen Ummanni Oromiyaa
akkuma kanaan duraa Dh.D.U.O maddi akka hiriiruuf waamicha dabarseera.
Hoogganaan
waajjira koree jiddu galeessa dhaabbata Demokraatawa Ummata Oromoo obbo Bakar
Shaalee ibsa galgala kana Televizyinii Oromiyaatiif kennaniin dura taa'aafi
itti aantuun dura taa'aa dhaabbatichaa fedhiisaaniitiin kan ka'an haaromsi
lammaffaan kan milkaa'e akka ta'uuf ofumaan murteessuudhaani jedhaniiru.
Tarkaanfiin haala
kanaan eegalame kun hanga caasaa gadiitti kan itti fufu akka ta'e obbo Bakar
beeksisaniiru.
Gaaffiin
hooggansa irraa ka’uu dura taa’oonni dhaabbatichaa naamusa gaariidhaan kan
dhiyaateefi koreen jiddu galeessaas
yeroo fudhatee dhimmicha irratti mari’achuudhaan gaaffii seera qabeessa
dhiyaate fudhachuun hooggantoota dhaabbaticha keessatti guddatan akka bakka
buuse obbo Bakar himaniiru.
Wal ga'ii addaa koreen jiddu galeessa Dh.D.U.O murteewwan adda addaa dabarsuudhaan xumurame kana booda miseensoonni sadarkaa hooggansa ol'aanaa irratti argaman kan lakkoofsaan 500 caalan haala walfakkaataadhaan Adaamaatti mari'achaa jiru.
Tarkaanfiin fudhatameefi murteewwan darban faayidaa Ummata Oromoo hunda kan kabajisiisaniifi sochii haaromsaa hanga sadarkaa gadiitti finiinsuuf shoora kan gumaachu akka ta'e himameera.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ