IBSA KOREE GIDDU GALEESSA DH D U O haaromsa 2ffaa irratti xiyyeeffate
Koreen
Giddu Galeessa DH.D.U.O waltajjii haaromsa dhaabatummaa hundeedhaan lafa
qabsiisuufi gadi fageegnaan dhaabbaticha haaromsuun dhimma murteessaa boqonnaa
qabsoo yeroon barbaaduufi gaafatee akka ta’eefi waltajjii jijjiirama bu’uuraa,injifannoo
boqonnaa haarawaa itti galmeessuudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoodhaan
qabsaa’uudhaaf qophaa’ummaa qabu kan itti ibseefi miira addaatiin kan mari’ate
ta’uu isaa addeessuudhaan,waltajjicha waltajjii qabsoo yeroo murteessaa
jechuudhaan kan moggaase yoo ta’u mareewwaniifi waliigaltee seena qabeessarra akka
ga’e ifa godheera.
Haaluma
kanaan KGG DH.D.U.O maree haaromsa gadi fageenyaa,Fulbaana 4-10/2009 Magaala
Adaamaa’tti gaggeesseen milkaa’ina imala haaromsaa waggoota kudha shanii ,
qormaatilee nu qunnamaniifi ka’uumsa ijoo isaanii akka kanatti aanee jirutti
xiinxallee,kallattii fuulduraa kaayee jira.
Woggoota
kudha shanan darban keessatti hundaa olitti imala milkaa’e jennee kan fudhannu
keessaa ol’aanaan qabsoo duula hiyyummaa fi doofummaa,boodatti hafummaa irratti
gaggeessineen baadiyaafi magaalonni Oromiyaa abdi qabeeyyii akka ta’an yeroo
itti taasifnedha.
Misooma
baadiyaafi qonnaa keenyaan oomishaafi oomishtummaa guddisuudhaan,sirna deeggarsaa
ekisteenshinii babaldhifneen,akkasumas teeknolojii diriirsuudhaan diina keenya
guddicha hiyyummaa baadiyaadhaa dhawaataan hi’isuudhaan,qonnaan bulaan jireenya
isaa jijjiiruudhaaf daandiin deemne ol’aanaadha.Ragaa kana ummata baldhaa Oromootu
mirkaneessa.Carraa kanaan Dhaabbanni keenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa
akkasumas ogeeyyoota qonnaafi baadiyaa milkaa’ina kanaaf tumsan hundaaf
dinqisiifannaafi galata ol’aanaa galchaaf.
Misooma
horsiisee bulaa ilaalchisee jireenya ummata horsiisee bulaa jijjiiruudhaaf
xiyyeeffannaa ol’aanaa kennameen hawaasa jireenyi isaa fooyya’ee fi
fayyadamummaan isaa mirkanaa’e tajaajila bu’uura misoomaa akka argatu,fayyaafi
barnootaan dhaqqabamaa akka ta’u,gabaa Beeylada isaafi fayyaa Beeylada isaatiif
akkasumas tajaajiala ekistenshinii akka argatuuf sochii taasifameen sadarkaa ol’aanaadhaan
jijjiiramni mul’ate abdachiisaadha .
Baadiyyaa
Oromiyaa doofummaa jalaa baasuudhaaf misooma humna namaa irratti hojii ol’aanaa
hojjanneen lammiin Oromoo miliyoonotaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa osoo
hin fagaatin carraa barnootaa waliin ga’uudhaan har’a sadarkaa boonsaa irraan
geenyee jirra.Yeroo ammaatti doofummaan diina ummata Oromoo ta’e fokkisaan sun
akka harka kennatuufi lammii Oromoo baratee,qaroome arguudhaaf mana manaan
hedduu lakkayyuun danda’amee jira.Dhaabanni keenya injifannoo kana yeroo
galmeessu qooda fudhattoota, ogeessotaafi barsiisota milkaa’ina kanaaf ga’ee ol’aanaa
gumaachaniif dinqisiifannaa qabnu carraa kanaan ni ibsina.
Baadiyyaan
Oromiyaa qe’ee faalamaafi madda dhibee ta’uu jalaa ba’uudhaan imaammata dhibee
duursanii ittisuu irratti xiyyeeffateen ummata fayya qabeessa akka qabaannuuf
sochii taasifameen jijjiirama ol’aanaa fiduu bira darbee galmoota Barkumee
Addunyaa akka milkaa’u gochuu keessatti;keessumattuu,fayyaa Haadholee,kan
Daa’immaniifi to’annoo dhibee daddarbaa akkasumas dhaabbiilee fayyaa sadarkaa
gadaanaa irraa hanga ol’aanaatti diriirsuu keessatti hojiin hojjetame ol’aanaadha.Hojii
kanas yeroo raawwannu hooggansi dhaaba keenyaan kenname akka jirutti ta’ee,
ga’een hawaasa baldhaa,Ogeeyyoota fayyaafi qooda fudhattoota adda kanarratti
tumsaaniifi galmoota kanneen milkeessaniif galata guddaa galchinaaf.
Gama
hundaan Misoomni lafa qabachaa dhufe kun akka milkaa’uufi Misoomni bu’uuraa kan
akka waliin ga’iinsa Daandii,Bishaan dhugaatii qulqulluu,Ibsaa fi Bilbilaa
sadarkaa jaarraa tokkotti hojjatamee hin beekneen akka babaldhatan taasifamuu
isaatiin rakkooleen gurguddaan hudhaa turan akka furamanii fi ammas immoo
fedhiin ol’aanaa ummata keenyaa akka jiru dhaabbanni keenya gadi fageenyaan ni
hubata.Gama kanaan hanqinoonni akka: harkifannaa,waliin ga’uu dhabuu fi
qulqullinaa jiran akka eeggametti ta’ee,hojiin hojjatame madaallii kamiinuu
seenaa biyya keenyaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa kan jijjiire akka ta’e ummata
keenya irra darbee addunyaan ragaa ba’eera.Dhaabbanni keenya injifannoo guddaa
galmaa’e kanaan ni boona.carraa kanaan hawaasa,qooda fudhattootaa fi Ogeessota
damee kanneeniifs dinqisiifannaa ol’aanaa qabnu ni ibsina.
Damee
Misooma Magaalaa fi Induustriitiin hojiiwwan hojjenne kan Baadiyyaa fi Qonnaa
irraa boodatti hafnee kan eegalee fi bara 1997 as cimsinee kan itti fufne yoo
ta’u hojiin karaa kanaan rawwannes Ummata Magaalaa fi Baadiyyaa walitti hidhuudhaan
Misooma fulla’aa taasisuu,jireenya Magaalaa mijataa gochuufi giddu gala
daagaagina induustrii akka ta’an hojiilee gurguddaan hojjatamanii
jiru.Keessattuu Hojii dhabummaafi hiyyummaa magaalotaa diiguudhaaf,aadaa hojii
cimaa fi lammii hojii hin tuffanne,aadaa qusannaa gabbifachaa dhufe uumuudhaan,
misooma IMX lafa qabsiisuudhaan ofitti amantummaafi qabeenya dafqa isaaniitiin
akka horatan,bu’uura abbootii qabeenyaa Misooma’aa uumuudhaaf carraaqqii taasifameen
abdiin guddaan akka horatame hubachuun danda’ameera.Carraa kanaanis Dubartootaa
fi Dargaggoonni miliyoonotaan lakkaa’aman akka fayyadaman ta’uu isaaniitiin haqa
qabeessummaa guddina diinagdee keenya daandii sirrii fi abdachiisaa irra
jiraachuusaa mirkanaa’eera.Gama kanaanis qooda fudhattoota damee kanaatiif
dhaabbanni keenya dinqisiifannaa qabu ni ibsa.
Aadaa
fi seenaa ummata Oromoo gita bittootaatiin awwaalamee ture qabsoo aarsaa
boonsaa dhaabbanni keenya kaffaleen waggoottan kudha shanan darban keessatti
injifannoo ol’aanaa ummata Oromoo mataa ol qabachiise akka gonfachiifne yoo
ibsinu seenaa bara baraan ittiin boonaa jiraannuu ta’uusaa injifannoo toora
keenyaa akka ta’e mirkaneessuu barbaadna.Kanneen keessaa ol’aanaan guddina
afaan Oromoo; sadarkaa afaan barnootaa ,afaan hojii mootummaa,afaan qorannoo fi
qo’annooo,afaan saayinsii fi teeknolojii akkasumas miidiyaa akka ta’u gochuu
dandeenyee jirra.Gama biraatiin ,seenaa ummata Oromoo bakka dhokatee turee
ifatti ba’ee,afoolaan qofa osoo hin taane barreeffamaan dhalootaaf akka darbu
gochuu eegallee jirra,halli mijataanis uumamee jira.
Kana
bira darbee iddoowwan seena qabeessa seenaa ummata Oromoo wajjiin hiikkoo ol’aanaa
qaban xiyyeeffannaa ol’aanaa itti kennuudhaan,misoomsuudhaan seenaa bara baraan
yaaddannuu fi siidawwan dhalootaa dhalootatti darbu ijaaruu dandeenyee jirra.
Carraa kanaan Maanguddota Oromoo itti fufinsa seenaa kanaatiif shoora isaanii
gumaachaniif,Hayyoota Oromoo ga’ee isaanii taphatanii fi dhaloota haarawaa
abbaa carraa kanaa ta’eef gammachuu ol’aanaadha jennee amanna.
Dhaabbanni
keenya seenaa haarawaa kan birootiifis fakkeenya ta’e raawwate keessaa:Yeroo
jalqabaatiif Miidiyaa Naannoo keenyaa ijaaruudhaan tokkummaa fi waalta’uu afaan
ummata Oromoo dagaagsuudhaan,odeeffannoo waqtaawaa akka argatu biyyaa fi
addunyaadhaan walitti akka hidhamu,guddina hawaasa kenyaatiif akkasumas
misoomaaf akka kaka’u, muuxannoo akka wal jijjiiru,gochuu keessatti Miidiyaa
ergama misoomawaa qabu hundeessuudhaan hojii fakkeenyummaa qabu kan rawwanne
ta’uu isaa hubatamuu qaba.injifannoo guddaa kanaaf kanneen gumaachan:ogeessota
Miidiyaa fi komunikeeshiniitiif Dhaabbanni keenya kabajaa ol’aanaa qabu ibsuu
barbaada.
DH.D.U.O’n
milkaa’ina hojii isaa yeroo qoratu hunda,ka’uumsi isaa hojii darbee fi
injifannoo darbeen boonee dhaabbatee isuma faarsuuf osoo hin ta’in hiikkoo fi
iccitiin injifannoowwan kanneenii qabsoo fuula duraa keessatti ga’ee isaan
qabanii fi hanqinoota mudatan irraayis akka mana barnootaatti irraa barate
boqonnaa itti aanuuf of qopheessuun aadaa isaa akka ta’e ni hubachiisa.
Yoomiyyuu
taanaan ka’uumsa injifannoowwan keenyaa yeroo xinxallu, Tokkoffaa sirrummaa
tooraa fi kaayyoo qulqulluu fi ifa ta’e jalqabaa fi dhumni isaa faayidaa Ummata
keenyaa ta’e qabaachuu keenyaan,hooggansaafi miseensa toora kanaaf abboomee
kutannoodhaan qabsaa’ee aarsaa ta’u horachuu keenyaafi aadaa fi dudhaa
dimokiraatawaa yeroo yeroodhaan rakkoo keenya sakattaanee sirreeffachuudhaaf
qophii ta’uu keenyaan akkasumas iddoo gufuun nu quunname hundatti dafnee amala
sirreeffachuu qabaachuu keenyaan akka ta’e hubachuu dandeenyee jirra.
Hundaa
olitti immoo Ummata yoomiyyuu toora misoomaa fi dimokraasii kan ofii godhatee
fi amala keenya hubatee,yeroo cimnus ta’ee yeroo laafnu akka ijoollee isaatti
nutti dheekkamaa nu guddisee fi aangoo isaa nuuf kenne akka qabnuu fi yoomiyyuu
taanaan faaydaa isaa akka eegsifnuuf abdii nurraa qabu qabaachuu keenyaan akka
ta’e amantaa guutuu qabna.
Kun
kana ta’ee osoo jiruu Dhaabbanni keenya,DH.D.U.O’n qormaatilee gurguddoo imala
haaromsaa dheeraa kana keessatti nu qunnaman yoo xiinxallu ammoo akka diinotaa
fi masaanonni keenya “Dhaaba kufuuf deemu!” jedhanii qoosan osoo hin taane,
haala saayinsaawaa fi dhugaa qabeessaa ta’een xiinxaluudhaan kallattiiwwan
gurguddaa furmaata isanii ifaan kaa’uu dandeenyee jirra.
Akkuma
beekamu qabsoo imala haaromsaa,woggoottan kudha shanan dabarsine keessatti
hanqinoonni nu mudatan mataan isaanii rakkoole hojii keessatti nu qunnaman qaama
qabsoo keenyaati malee rakkoolee toora keenyaa akka hin taane jala sararuudhaan
rakkoolee kanneenis irraa barannee fi sirreeffannee injifannoo boqonnaa
haaromsa keenya hundeedhaan lafa qabsiisuutiif bu’uura cimaa tokko godhannee
ka’uudhaaf waliigalteerra geenyee jirra.
Rakkoolee
hunda keessaa inni ijoo jennee amantaan addaan baafne keessaa:-rakkoo ilaalchaa
toora aantummaa ummatummaa fi kaayyoo worraaqasa dimokiraasii qabannee kaane
osoo jiruu ilaalcha ufittummaa sadarkaa sadarkaan nu keessatti dagaagaa dhufee
irraa kan ka’e akkaataan aangoon ittiin ilaalamu aangoon meeshaa hiyyummaa
keessaa ittiin baasanii fi fayyadamummaa Ummataa sadarkaa ol’aanaattii kan
ittiin mirkaneessan ta’uusaa dagachuudhaan dhawaataan madda jireenyaa, ummata
dura ofiin jijjiiramuu fi aantummaa ummataa hanqisuun waan mul’ateef, amala
aantummaa ummatummaa keenyaa irratti hanqinoota mul’atan sirreessuudhaan dafnee
iddoo keenya uumamaatti deebi’uu qabna ijjennoo jedhuun waadaa qabsoo keenya ni
haaromsina.
Ummatni
Oromoo yoomiyyuu taanaan hanqinoota kanneen keessa yeroo galletti
injifannoowwanii fi bu’aawwan galmaa’an madaallii isaaniitiin beekkamtii kennee
hanqinoota mul’atan yeroo osoo hin kennin,xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan akka
sirreessinu kan barbaadu ta’uusaa ni hubanna.Amala warraaqummaa duraan nurratti
beeku yeroo hanqisnu komii fi dallansuu akka nurraa qabu bifa adda addaatiin
ibsachuu isaa kabajaa fi miira aantummaatiin fudhannee dafnee bobaa ummata
keenyaatti deebinee fi dhiifama gaafannee fedhii misoomaa fi bulchiinsa gaarii
isaa tumsasaa adda hin cinneen akka galmaan geenyu amantaa guutuu qabnuun
mirkaneessuu barbaadna.
Gama
biraatiin rakkoolee bulchiinsa gaariifi hojii dhabummaa Baadiyyaa fi Magaalaa
keessatti mul’atan kallattii lamaan akka ta’an ilaallee jirra.Inni duraa sababa
qabsoo fi toorri haaromsaa keenya hawaasa fedhiin isaa dabalee fi dheebuun
misoomaa fi jijjiiramaa addaan hin citne uumameen hanqinoota humna
raawwachiisummaa nu mudate irraa kan ka’e fedhiisaa akka hawwutti guutamuu
dhabeef komii yoo qabaateyyuu,ummanni keenya rakkooleen kun dhimma yeroo yoo
ta’e malee tumsa isaatii fi qabsoo keenyaan akka hiikuu dandeenyu akka nu
hubatuu fi obsaan nu eeggatu kabajaa ol’aanaadhaan gaafanna.
Rakkoolee
raawwii keessoo keenyaatiin hanqinoota bulchiinsa gaarii gaagga’ama ummata
keenya qunnameef kabajaa ol’aanaadhaan Ummata keenya dhiifama gaafannee qabsoo
ol’aanaa keessoo keenyaa fi tumsa ummata Oromoo baldhaatiin hojjennee akka
kiisuunuuf waadaa keenya ni haaromsina.
Gufuuwwan
biroo,rakkoolee keessoo keenyaa fi hanqina keenyarraa kan ka’ee ololaa fi gocha
badii humnoota diinotaa fi masaanota keeenyaan Naannnoo keenya keessatti
iddoowwan murtaa’an keessatti rakkoolee nageenyaatiin lubbuu namaa fi qabeenyaarra
miidhaa ga’eef gadda guddaa nutti dhaga’ame ibsuudhaan yaalii humnootni badii sirnicha
hundeedhaan diiguudhaaf, injifannoowwan keenya duubatti deebisuuf wixxirfannaa
isaan godhaniin ummatni keenya akka yaaddoo keessa gale hubachuudhaan qabsoo
cimaa hirmaannaa ol’aanaa ummata keenyaatiin rakkooleen kun iddoo ga’anitti
akka dhaabbatan,akkuma aadaa keenyaatti rakkooleen kamiyuu maree ummataatiin
hiikuu akka qabnu kutaalee hawaasaa hundaaf waamicha wal irraa hin citne ni
dabarsina.
Ergamni
humnoota diinaa ammoo diigumsa sirnaa fi biyyaa isaan qaban akka hin milkoofne
gochuudhaaf gama keenyaan aarsaa qabsichi gaafatu akkuma kaleessaa
kanfaluudhaan, keessoo keenya gadi fageenyaan haaromsinee kan qabsoofnu akka
ta’ee fi tumsa ummata Oromoo barame ni gaafanna.
Humnootni
farreen nageenyaas jeequmsaan karaa qaxxaamuraan fedhii taayitaa qabachuu
yoomiyyuu milkaa’uu akka hin dandeenye hubatanii jeequmsaa fi gochaa
shororkeessummaa isaaniirraa akka of qusatan irra deebinee akeekkachiisuu
barbaanna.
Dhumarrattis
dhaabbanni keenya haaromsa gadi fageenyaa dhugoomsuudhaan gaaffiiwwanii fi
fedhii misoomaa fi nageenyaa ummata keenyaa hundeerraa qabsaa’ee hiikuudhaaf
qophii ta’uusaa ibsaa,murteewwanii fi ijjennoo kanatti aanee jiru dabarsee
jira.
1ffaa.Dhaabni
keenya sababoota alaa kamiyyuu dura keessoo isaa haaromsa gadi fageenyaan
gaggeessuudhaan hirmaannaa Ummataa fi tumsa ol’aanaa caasaa keenyaatiin keessoo
keenya qorannee qulqulleessuudhaan,dhaaba keenya daran cimsinee aantummaa ummata
keenyaatti deebinee qabsoo finiinsuudhaan faayidaa fi mirgoota ummata
Oromootiif akkuma kaleessaa hunda kutannoodhaan qabsaa’uudhaaf qophaa’ummaa
keenya ni mirkaneessina!!
2ffaa.Dhaabbanni
keenya ,DH.D.U.O’n akkaataan taayitaa ittiin madaalu,taayitaan meeshaa faayidaa
ummataa ittiin mirkaneessinu ta’uusaa amantaa qaburraa ka’uudhaan, akkasumas
haaromsa keenya sadarkaa ol’aanaatti ceesisuudhaaf akka nu dandeessisu kutannoo
fi aantummaa ummataa hanga ofirratti murteessuutiin ibsamuun hoggantooni ol’aanaan
dhaaba keenyaa itti gafatamummaa isaanii irraa fedhii isaaniitiin gad
lakkisuudhaaf gaaffii KGGtiif dhiyeeffataniin,dura taa’aa fi itt aanaa dhaabaa
irraa gadi lakkisuudhaaf gaaffii kan dhiyeeffatan KGG murtee kana miira itti
gafatamummaa ol’aanaatiin xiinxalee mirkaneessuudhaan bara,hooggananitti
gummacha qaban yaada keessa galchuudhaan miseensa koree hojii raawwachiistuu
ta’anii,sadarkaa tokko gadi buusuudhaan akka qabsaa’an murteessuudhaan iddoo
isaanii dura taa’aa fi itti aanaa dhaabbatichaa haaraa boqonnaa qabsichaa kana
hogganuudhaan fuldura deemsisuu danda’an bakka buuseera.
3ffaa
Rakkoo gaggeessummaa keenya irraa maddan gadi fageenyaan sakatta’uudhaan ijaarsaafi
gurmaa’insa cimaa dhaabaa fi mootummaa mirkaneessuudhaan gaggeessummaa
boqonnaan qabsichaa gaafatu kennuudhaaf sadarkaa sadarkaadhaan fedhii hawaasa
keenyaa guutuudhaaf qophaa’ummaa keenya ni mirkaneessinaa.
4ffaa.Rakkoolee
bulchiinsa gaarii jireenya Ummata keenyaa guyyaa guyyaan danqanii qaban addaan
baasuudhaan,sadarkaa isaanii fi walduraa duubaan yeroo gabaabaa,giddu galeessaa
fi dheeraa jedhamu keessatti hiikamuu qaban hirmaannaa fi miira abbummaa ummataatiin
hiikuudhaan,ilaalchaa fi gochaalee kiraa sassaabdummaa qabsoo tokkummaa keenyaa
fi araarama tokko malee moo’annee ilaalchi Misoomawaa toorri haaromsa keenyaa
akka milkaa’u qabsoo obsa fixachiisaa ni goona.Kanaafis tumsa keessan barame ni
gaafanna.
5ffaa.Sochiin
haaromsa keenya dhimma halkan tokkoon sadarkaa yaadamu irra akka hin geenye ni
hubatama.Haaromsi dhimma adeemsaa fi itti fufinsaan galma barbaadame ga’uu qabu
ta’uun isaa beekamaadha. kanaafuu haaromsa keenya hundeedhaan gadi fageessuu
dhaaf ammoo,gaggeessaa fi miseensota baldhaa akkasumas ummata baldhaa bira
ga’ee jijjiirama bu’uuraa fiduudhaaf yeroo osoo hin kennin akka hojjennuufi
milkaa’ina haaromsichaatiif ga’een hunda keenyaa ol’aanaa waan ta’eef har’as
akkuma kaleessaa miira abbummaatiin akka tumsitaniifi obsa adeemsi qabsichaa
gaafatu hubachuudhaan nu cina akka dhaabbattan waamicha keenya ni dabarsina.
6ffaa.Tokkummaa
keenya cimsuudhaan akkuma fayyadamummaa keenya dhugoomsinutti Ummattoota biiyya
keenyaa fi ollaa keenya wajjiinis walitti dhufeenya obbolummaa fi wal
danada’uutiin akkasumas wal kabajuudhaan akkuma kaleessaa har’as irree keenya
gamteeffannee duula farra hiyyummaa fi boodatti hafummaa waliin jalqabanne
cimsinee itti fufudhaan galma ga’iinsa haaromsa biyya keenyaatiif ni tumsina.
7ffaa.Ijaarsa
fi gurmaa’insa Ummataa fi dhaabbiilee Dimokiraasii cimsuudhaan hirmaannaa
ummataa karaa ijaarameen kallattii hundaan dhugoomsinee hundee ijaarsa
dimokiraasii lafa qabsiisaa gaabbisaa fi dagaagsaa deemuudhaaf hojiiwwan nu
dandeessisan gadi fageenyaan raawwachuudhaaf qophaa’ummaa qabnu ni
mirkaneessina.
8ffaa.Haala
qabatamaa Naannoo keenyaatiifi guddina biyyi keenya irra geese bu’uura
godhachuudhaan misoomni humna namaa keenya sadarkaa ol’aanaadhaa fi
ariitiidhaan guddachaa dhufee jira.Haa ta’u malee humni baratee fi dargaggootni
naannoo keenyaa sadarkaa barbaaddamutti fayyadamaa ta’uu dhabuusaaniitiin
Maatiinis ta’ee dargaggootni keenya gaaffii fayyadamummaa haqa qabeessaa
gaafachuu isaanii dhaabni keenya miira itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan,amantaadhaan
fudhachuudhaan rakkoolee kana hiikuudhaaf xiyyeeffannaa addaa fi ol’aanaa
kennuudhaan hojjachuu fi hiikuu akkuma jalqabnetti daran cimsinee,baldhifnee fi
tumsa ummataa,humnoota misoomaa hundaa fi dargaggoonni mataan isaanii
kallattiidhaan akka hirmaatan gochuudhaan jijjiirama bu’uuraa fiduu akka
dandeenyu amantaa guutuudhaan ibsaa, carraa kanaan dargaggoota Naannoo
keenyaatiif tumsa isaan irraa eeggamu akka gumaachaniif waamicha dhiyeessinaaf.
9ffaa.Dhaabbanni
keenya aantummaa ummatummaa isaa irraa kan ka’een dhimmoota gaaffii qonnaan
bulaa deddeebi’anii ka’an keessumattuu sababa misoomaatiin lafa isaanii irraa
ka’an gad fageenyaan qorachuudhaan fayyadamummaa isaanii sadarkaa ol’aanaatti
mirkaneessuudhaaf caaseffamaa fi hojmaata cimaadhaan deeggarree rakkoolee kana
dura raawwii keessatti mul’achaa turan bu’uuraan hiikuudhaan fayyadamummaa isaa
ni dhugoomsina.Gama hojiirra oolmaa labsii liizii lafa magaalaatiin gaaffiilee
qonnaan bulaa fi lammiileen sadarkaa sadarkaadhaan gaafachaa turan dhaabbnni
keenya qoratee haala bu’uuraan seericha hin faallessineen kallattii gaaffiin
ummataa karaa haqa qabeessaan deebii ittiin argachuu malu hojmaataa fi seeraan
akka deebi’u haaluma murtaa’een hojiirra oolmaa isaatiif cimsinee ni hojjenna.
10ffaa.Rakkoolee
walitti bu’iinsa daangaa yeroo yeroodhaan naannoo keenya mudatan kutannoo fi
xiyyeeffannoo addaatiin qaamota dhimmi ilaalu wajjin ta’uudhaan hundeedhaan
akka hiikaman gochuudhaaf kan yeroo kamiyyuu olitti akka hojjannu ibsaa,Ummatni
keenyas rakkoolee yeroof qunnaman kamuu karaa tasgabbii qabuun,karaa nagaa fi
qabsoo seera qabeessaan hiikuudhaaf obsaa fi bilchinaaan akka tumsa gootaniif waamicha
keenya ni dabarsina.
11ffaa.Nageenyi
waan hundaaf bu’uuraa fi utubaa ta’uu isaa ummata keenyaa ol namni beeku jira
jedhanii yaaduun hin danda’amu.Hundaa ol rakkoolee keenya gadi teenyee hiiknee
fi fooyyessuudhaaf guddina Hawaasni hundi sadarkaadhaan irraa fayyadamu
dhugoomsuudhaa fi kan qabnuu fi kan hedannuttis fayyadamuudhaaf dhimmi
murteessaan nageenyadha.Haa ta’u malee humnootni badii fi faallaa Heera
Mootummaa keenyaa lallabniifi waamichi isaanii alaafi keessaa walitti
hidhatanii nagaa fi tasgabbii nu dhoorguudhaan fedhii qaxxaamuraan aangootti
dhufuu isaanii milkeessuudhaafi abiddi saafaan akka qabatu gochuudhaan gufuu
misoomaa fi nageenya keenyaa ta’uu filatanii jiru.Dhaabbnni keenya DH.D.U.O’n
garuu yeroo kamiyyuu diinni ol’aanaa keenya hiyyummaadha,kan isarraa hafe ammoo
humnoota nageenya keenya booressuudhaan hiyyummaa keenyarratti akka hin duulle
nu taasisan fi gufuu nutti ta’aniidha.Darbees humnoota humnaan heera mootummaa
diiguudhaan aangoo karaa qaxxaamuraatiin qabachuu barbaadaniif ummatni hayyama
akka hin kennineef qabatamaadhaan mirkaneessee jirra.
Kanaafuu
ummatni keenya sadarkaa hundatti wareegama guddaa kanfaluudhaan qaamota nageenyaa
fi mootummaa wajjiin dhaabbatee fi adda durummaadhaan nageenya naannoo isaa
kabachiisuudhaaf tumsa taasiseef dinqisiifannaa fi galata ol’aanaa
galchinaaf.Kana boodas dhimma murteessaa jireenya keenyaaf bu’uura ta’e,
Nageenya keenya akka hin boorofnee fi badii lubbuu namaa fi barbadaa’uu
qabeenya keenyaa akka iddoo amma irra ga’etti dhaabsifnu sochiin misoomaa
keenya cimee akka itti fufu ummata keenya wajjiin harka wal qabanneei akka
hojjennu qophaa’ummaa keenya ibsaa ummata keenyaaf ammas daballee waamicha
dabarsinaaf.
12ffaa.Akkuma
Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuun dhimma murteessaa ta’e hundaa ol’aantummaan
seeraa jiraachuun nageenya lammiileef wabii ol’aanaadha.kanaafuu hirmaanaa
baldhaa Ummata keenyaa fi qaamota nageenyaa fi haqaa cimaadhaan harka wal
qabannee ol’aantummaa seeraa mirkaneessuudhaan,lammiin hundi sodaa tokko malee
miira xiiqii ol’aanaatiin hojii misoomaa fi ijaarsa sirna Dimokiraasii galmaan
ga’uudhaaf akka tumsitan waamicha keenya ni dabarsina.
Dhuma
irratti milkaa’inis Haaromsa keenyaa hundeedhaan akka lafa qabatu gochuu
keessatti hunda dura caasaan keenya qophaa’ummaa ol’aadhaan akka raawwatuu fi
raawwachiisu, dabalataanis ummanni sadarkaa sadarkaadhaan jiru hundi akkuma
kanaan duraa gahee isin irraa eeggamu sadarkaa ol’aanaadhaan bahachuudhaa fi
tumsa ol’aanaa akka gootan akkasumas haaromsicha hundeen akka lafa qabatuu fi
fayyadamummaan ummata keenyaa sadarkaa ol’aanaadhaan akka dhugoomu,akka
tumsitan waamicha ol’aanaa isiniif dabarsina!!
Koree
Giddu Galeessa- Dh.D.U.O
FULBAANA
11 ,2009
ADAAMAA
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ