Jette jettee diinaatiin hi-gowwoominaa!

Jette jettee diinaatiin of gowwoomsuun miidhamaaf Nama saaxila.Humnoonni farra Nagaafi misoomaa ta’an yoomillee ta’u gocha diigumsaa raawwachuu irraa of hinqusatan.Kanaan duras ta’e wayita ammaa itti qophaa’anii karoorfachuudhaan ajandaawwan adda addaa qopheeffachuun socho’an.
Tibbanas barattoota Yuuniivarstii burjaajessuufi miidhamaaf saaxiluuf kutannoodhaan socho’aa akka jiran gochuma qabatamaan raawwachaa jiran irraa hubachuun rakkisaa miti.

Humnoonni kun ammas akkuma kanaan duraa olola adda addaa afarsuudhaan barattoota dhaabbilee baruumsa ol’aanaa burjaajessuudhaan rakkoodhaaf saaxiluuf carraaqaa jiru.
Ministeerri barnootaa torban darbe keessa ibsa baaseen akka mul’isetti tibbana sagantaalee baruumsaa irratti waggaan akka dabalame odeeffamaa jira.Oduu jette jettee kana itti qophaa’uudhaan afarsaa kan jiru humnoota farra Nagaafi caasaa isaanii akka ta’e shakkamuu hin qabu.
Humnoonni kun waan harkaa baate deebisanii harkatti galfachuuf wixiffachaa jiru.Asirratti labsii yeroo hatattamaa Nagaan akka bu’uuf shoora ol’aanaa gumaache busheessuufi fudhatama dhabsiisuudhaaf waan danda’an hunda gochaa turan.Labsichi akka fudhatama hin hinrarganneef kanaan duras hojjechaa turaniiru.Carraaqqiin gama kanaan taasisan deeggarsa akka dhabeefi sababa labsichaatiin Nagaan boora’e deebi’ee hawaasni gara hojiisaa idileetti deebi’uusaa wayita beekan ijoollee Ummataa dhaabbilee barnoota ol’aanaa keessatti tasgabbaa’uudhaan barachaa jiran shororkeessuun maatiinis yaaddoo keessa seenee hojiisaa idilee irraa akka duubatti deebi’u taasisaa jiru.oduu jette jettee isaan afarsaa jiran kana hordofuudhaan burjaaja’uun isaaniif milkaa’ina guddaadha.
Hundumaafuu ministeerri barnootaa akka mirkaneessetti yeroo xumura sagantaalee baruumsa Yuuniivarstii kamirrattiyyuu waggaan dabalames ta’e hir’ifame hin jiru.Wanti hunduu akkuma kanaan dura karoorafmeefi saganteeffameen kan itti fufu akka ta’e ministeerichi himuudhaan barattoonni hundumtuu tasgabbaa’uudhaan baruumsa isaanii akka hordofaniif ministeerichi dhaameera.
Duulli dhaabbilee baruumsa ol’aanaa irratti labsame kun kaayyoon isaa adeemsa baruufi barsiisuu gufachiisuudhaan Nagaa booressuu ta’us Nagaafi tasgabbiin tarkaanfii fudhatameen bu’e gara duubaatti akka hindeebine mootummaan kan amanu akka ta’es ibsi ministeerichaa mul’iseera.
Farreen Nagaa tooftaa kana maalif filatan?
Humnoonni farra Nagaa biyya keessaafi biyya alaa jiran Mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa labsuudhaan guutuu biyyattiitti Nagaan akka bu’u taasisuu danda’uusaatiin baay’ee gaddaniiru,bu’aa barbaadanis dhabaniiru.Sababa tarkaanfii mootummaa kanaan imalli warraaqsa halluu isaan taasisan jalaa gufateera.Bu’aa galmeessuuf karoorfatan dhabnaan tooftaa addaatiin dufaa akka jiran beekamuu qaba.Qajeelfamni warraaqsa halluu akka mul’isutti sababa adda addaa uumuudhaan caasaa mootummaas ta’e hawaasa burjaajessuun nidanda’ama.Jarreen kun wayita ammaa tooftaawwan warraaqsa halluu fulachuudhaan kamtu nuuftola jechuun keessaa filachuudhaan hojiirra oolchaa jiru.

Hidhattoota garee shoroorkeessaa Ginboot 7 100 caalan gara Itiyoophiyaatti galchuun miidhaa geessiisuuf yaaluunis qaamuma tooftaa warraaqsa halluu akka ta’e shakkamuu hinqabu.Humni dilbiin mootummaan Itiyoophiyaa qabu ergamtoota wixxiffatan kanaan kan injifatamu akka hintaane beekamus tooftaa jarreen kanaa hubachuudhaan sochii guyyuu taasisuun barbaachisaadha.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman