Gammachuun ummataa haadaddabalamu!

Dandeettii,ga’uumsaafi bu’a qabeessummaan medaallii muudamtoota tibbanaa akka ta’e ni beekama.Kanumaan duraa medaalliin kun akkaataa barbaadamuun hojiirra utuu oolee jeeqamsaafi badiin ol’aanaan biyya keenya mudate hin mudatu ture.


Haata’u kan darbe darbeera,hojmaanni haarawaan eegalame garuu utu hin shaarafamin utu irraa hinqunxuramni itti fufiinsaan hojiirra ooluu qaba.

Hawaasni keenya sababa rakkoolee bulchiinsa gaariifi fayyadamtummaa dhabuutiin dararamaa ture tarkaanfiin sadarkaa hooggansa ol’aanaatiin fudhatame hooggansa sadarkaa gara gadiirrattis hojiirra akka ooluuf yaada kennuun gaafachaa jira.Dhuguma kan gara olii gara gadiittis hojiirra ooluu qaba,cinaan filatanii cinaan haaddachuun hinjiru.

Waajjirri Dhimmoota Koomuniikeeshinii Mootummaa Federaalaa haaromsi lammaffaan gadi fageenyaan taasifamu caasaa olaa’aanaa irratti kan eegalame mootummaan Itiyoophiyaa maxxantummaarraa bilisa ta’uun caasaa cimaa uumuuf kan kutatee ka’e ta’uusaa qabatamaan kan mul’ise akka ta’e himeera.

Mootummaan waadaa uumataaf seene raawwachaa akka jirus tarkaanfiin hanga ammaatti fudhatame kan mul’isu akka ta’e waajirichi ibsa haala yeroo irratti ejjeennoo mootummaa balballoomsuun beeksiseera.

Kaabineen haarawaan muummichi ministiraa Hayilamaariyaam Dassaalany tibbana hundeessanis argisiistuu milkaa’ina galmeeffamee akka ta’edha kan himame.

Kaabinee haaraa keessatti hayyoonni ga’umsa isaanitiin qofa akka tajaajilan carraa kan ittiin argatanii fi kan kanaan duraas raawwii isaanitiin madaalamanii kan itti fufan akka itti fufanii fi kanneen hafan ammoo akka itti hin fufne murtaa’uusaa ibsa waajjirichi kenneen eerameera.

Jijjiirramni jalqabame kun cimuudhaan sadarkaa biyyoolessaatti kan itti fufu ta’a.Caasaa mootummaa gara gadiittis haaluma walfakaatuun hirmaannaa ummataa finiinsuudhaan kan gaggeeffamu ta’a jedhameera.


Aangoo faayidaa dhuunfaaf oolchuun hafee tajaajiltummaan ummataa akka sadarkaa hundatti akka cimuuf qabsoon gaggeeffamu kan itti fufu akka ta’e jalqabbiin ammaa mul’iseera.Jijjiiramni gara olii ummata bal’aa gammachiisaa jiru gara gadiittis itti fufuudhaan gammachuu ummataa haadaddabalu!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman