Dhiifama gibiraafi hojii investimantii

Warshaaleefi pirojaktoonni Investimantii gara garaa sababa jeeqamsaatiin miidhaman waggaa tokkoof gibira kaffaluu irraa bilisa akka ta’aniif kan murteeffame ta’uu komishiiniin investimantii Itiyoophiyaa himeera.

Komishinarri komishinichaa obbo Fitsum Araggaa akka beeksisanitti sababa jeeqamsa yeroo darbe mudateetiin qonna Abaaboo,kuduraafi muduraa 24 miidhame keessaa 23 guutummaafi walakkeessaan gara hojii omishaatti deebi’aniiru.
Akkasumas warshaalee 23 sababa jeeqamsaatiin miidhaman keessaa warshaaleen 21 guutummaafi walakkeessaan hojiitti deebi’aniiru.
Hanga ammaatti qonna Abaaboo,Kuduraafi muduraa irra miidhaa ga’e beekuuf qorannoon taasifamaa ture kan xumurame yammuu ta’u dhaabbileen investimatii humna guutuun akka hojjetaniif deeggarsi mootummaan taasisu akka adda ba’e obbo Fitsum himaniiru.
Akkaatuma kanaan haaragalfii gibiraa waggaa tokkoof kenuu,maashinoota biyya alaa irraa ashuuraan ala galchuu akka danda’an taasisuufi meeshaa omishaa miidhame bakka buusuun deeggarsi akka taasifamuuf komishinarichi ibsa kaleessa kennaniin mirkaneessaniiru.


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

invastimantii Oromiyaa caalmatti cimsuuf qajeelfamni dambii haaraan ba'ee hojiirra ooluu eegaleera

የኦሮሞ ሕዝብ ዴሞክራሲያዊ ድርጅት(ኦህዴድ) 7ኛ ደርጅታዊ ኮንፍራንስ ተሳታፊዎች የአቋም መግለጫ

ቆይታ ከጄኔራል ብርሃኑ ጁላ ጋር