Dhaamsa pireezidaant Lammaa Magarsaa Ummataafi qaama dhimmi ilaallatu hundaaf dabarsan

Hundaa ol Nagaan barbaachisaa qofa utuu hin taane jiruufi jireenyaaf murteessaadha.Addunyaa irratti yoo agarre Namni biyyasaa dhiisee kan baqatu,biyya ormaatti kan baqatu saba Afaansaa hinbeeknetti kan baqatu Nagaa waan dhabuufi,waan biraa barbaachaaf jedhee miti.Nagaa dhabuun qayee ofirraa Nama buqqisa.Biyya jaallataniifi keessatti dhalatanii guddatan akka dhiisanii baqatan Nama taasisa.Jiruufi jireenyi yaahafuutii yoo Nagaan jiraatee teenyee ilaallu waan salphaa nutti fakkaachuu danda’a.Garuu Nagaan yoo dhabamu gatiin inni nama kaffalchiisu hammam guddaa,ulfaataa akka inni ta’e hundi keenya kan agarre.

Guyyaa tokko guyyaa lama torban tokko Nagaan dhabamuusaatiin gatiin nuti kaffallu baay’ee guddaadha.Nagaaf hojjechuun kan hunda keenyaati,kan Nagaa namaa fidu nama biraa miti qaama biraa miti.Nagaa dhabuun Bakakkaa waaqa irraa gadi namatti bu’u miti.Nagaan harka keenyarra kan jiru.Nuharka jira nukeessa jira nunagaan hojjennaan hundi keenya nuti waliigallee nagaaf yoo hojjenne yeroo hunda  nagaa qabna yeroo hunda nagaa arganna.
Nagaan gabaa irraa kan bitatan miti,yookin qaamni biraa kan gadi namaa roobsu utuu hin ta’in tokkoon tokkoon keenya walii keenyaaf nagaan barbaachisaadha jennee yaadina taanaan yeroo hunda Nagaa qabna,yoo sun ta’uu baate ammoo rakkoodha.Gaafa rakkoon dhalatu gatiin nuti kaffallu ammoo hammaataadha,jibbisiisaadha.
Rakkoo amma dhalate kanaaf kaan keessan barsiisaadha jettan,Dargaggeessa jettan maalis jettan walitti qabnee yoo ilaallu rakkoonsaa rakkoo hunda keenyaati.Rakkoo barataa duwwaa miti rakkoo Dargaggeessaa qofa miti rakkoo hunda keenyaati.Rakkoon inni guddaan ammoo rakkoo Mootummaa bira jirudha.Rakkoon inni guddaa nu mootummaa caasaa mootummaa warraa biyya bulchu bira rakkoo jirudha,maddi rakkoo kanaa inni tokkoffaan.Amma warra biraattis yoo qabanne isa miti.Rakkoo keessa keenyatti biqile keessa keenyatti margee balbala keenya banaa godhee akka itti galee harkatti galfatee waan barbaade waan fedhu akka inni hojjetu kan taasise rakkoo alaa rakkoo iddoo kaanii utuu hin taane rakkoo nukeessa jirudha.
Warri biyya bulchinu gandaa kaasnee hanga mootummaa gubbaatti dhaabannee of ilaaluu,akki itti hojjechaa jirru akki itti biyya bulchaa jirru,akki itti nama keessummeessaa jirru,akki itti rakkoo namaa dhaggeeffannee hiikaa jirru,akka itti bulchiinsa qajeelaa hawaasaaf itti kennaa jirru dhaabannee of ilaaluun barbaachisaadha.Har’a rakkoon dhalatee waa’ee warshaa gubatee,waa’ee FTC(jiddu gala leenjii qonnaan bulaa)gubatee waa’ee Ambulaansii gubatee haadubbannu malee ummanni komii qaba,mufii qaba.Deemsa deemaa dhufne keessatti ammoo hanqina guddaa nul’ifnee jirra,hanqinni guddaan gama mootummaatiin nurratti mul’atee jira.
Rakkoon bulchiinsa qajeelaa ummataaf kennuu dhabuu caasaa keenya biratti rakkoo har’a ka’e miti,durumaa ka’ee rakkoo dubbatamaa ture.Haqni akka shaqaxaatti maallaqaan gurguramuun rakkoo har’a ka’e miti.durumaa hawaasni nutti himaa turtan.Haqni maallaqaan malee abbaa dhugaaf,abbaa haqaaf laatamuu dhabuun bubbulee jira.Wanti kaleessa nuti qabannee kaane jiruufi jireenya saba kanaa jijjiiruudha.Ummata keessatti dhalanne keessaa baanee bulchaa taane,har’a oollee bullee sana dagachuu jalqabne warri bulchitoota ummataa taane.Deebinee ummata kana miidhuu jalqabne,kanaan ummanni nutti mufatee jira,ummanni nutti mufattanii  jirtu,nukomattanii jirtu.Lapheen keenya akka kaleessaa waliif fayyaa miti.Rakkoo guddaa tokko kun.
Waldhabuun keenya,lapheen keenya walitti madaa’uun rakkoo guddaa ture.Dargaggeesi har’a jennu kunis bineensa bosonaa dhufe miti.Warruma nujidduutti dhalatanii kanaan geenye,sirni kun barsiisee kanaan ga’e.Garuu baratee akka barbaadutti,akka yaadutti hojii argachaa hin jiru.Carraan hojii hamma yaadame banamaafii hin-jiru,mufii qaba,komii qaba.carraankoo boruu maal ta’a jedhee yaaddoo qaba.Namni waan har’a argateen miti kan inni jiraatu,abdiidhaan jiraata ilmi namaa.Gara  abdii dhabuutti,gara abdii kutachuutti dhufuu jalqabeera dargaggeessi,abdii itti horaa hin-jirru waan taaneef.diina waan ta’eef miti.Namni jireenyisaa tollaan maraatuu yoo ta’e malee gadi ba’ee dhakaa darbachuu hin-barbaadu.Abdii itti horuu dadhabne dargaggeessatti nus akka mootummaatti.Yoo rakkoo hiikna taane gamaafi gamana ilaallee akkamitti rakkoo kana hiikna qofaa utuu hin ta’in isin waliin hawaasa waliin mootummaafi hawaasni tokko ta’ee isinis kana balleessitanii jirtu,nus kana balleessinee jirra,badii kana irraa haadeebinu karaan qajeelaan kana jennee walitti himnee rakkoo kana hiikuun baay’ee barbaachisaadha,dirqama.Mootummaan kan barbaachisu rakkoo hawaasaa hiikuufi,mootummaan hojii biraa hin-qabu,rakkoo hawaasaa rakkoo ummataa hiikuudha hojiisaa.

Nuti mootummaa taanee itti fufuuf rakkoo hawaasaa hiiknee argamuu danda’uutu nurra jiraata.Yoo kana gochuu baanne mootummaa ta’uun keenya maali? eessa?Kanaaf nutis akka mootummaatti caasaan mootummaa ganda irraa kaafnee jirru dhaabbannee of ilaaluun barbaachisaadha.Rakkoon hiikamuutu irra jiraata.Kanaaf nutis akka mootummaatti caasaan mootummaa ganda irraa kaafnee jirru dhaabbannee of ilaaluun barbaachisaadha.Simannaa gaarii nurraa dhabdan,namni nuharkatti du’e qabeenyi nuharkatti gubate naannoon keenya nagaa dhabee kana keessa turuun cubbuu rabbi irraa nutti darbatame miti nutti kenname miti,kan qaamni biraa nutti fide utuu hin ta’in rakkoo tokkoon tokkoon keenya uumnedha,rakkoo nuti walirratti uumnedha.Utuu Nagaan bulchina ta’e,utuu hattu nukeessa jiru of keessaa baafnee seeratti dhiyeessinee,of keessaa qulqulleessinee qulqullummaadhaan hojjenna taanee maalif namni nukomata?namni nunkomatu,ummanni nunjibbu.Kaleessa waan gaarii hojjennee ummanni kun wayita nukabajjan agarree jirra waan ta’eef.Waan gaarii hojjennee jijjiirama isinii fidnee ulfina yeroo nuuf laattan garreerra waan ta’eef.Kanaaf nus akka mootummaatti badii ni qabna hanqina bal’aa qabna.
Hanga humni dandeettiin mootummaa dhaqqabetti,hanga harki mootummaa dhaqqabetti ummata kanaaf hojjechuuf yoomillee duubatti hindeebinu,duubattis deebinee hin-beeknu.Guyyaa tokkotti waggaa tokkotti daandii aanaan hundi gandi hundi argachuu dhiisuu danda’a,waggaa tokkotti yeroo tokkotti gandi aanaan godinni hundi bishaan argachuu dhiisuu danda’a,garuummoo walduraa duubaan guutaafii jirra iddoo qabeenyaafi bajanni nuhanqatutti ammoo yeroo itti bitannee guutuuf deemaa jirra,kana hojjechuuf nuuf rakkoo guddaa hin ta’u,dura qalbiin keenya walitti haadeebi’u,lapheen keenya walitti haafayyu yoo kana goone dhakaa walitti darbachuu hin-dandeenyu.Garuu ammoo kamis haa ta’u wanti nuti balaaleeffachuu qabnu jira.Oromoon safuu qaba.Safuun kun yeroo hunda eegamuu qaba kunuunfamuu qaba.Bilisummaan qabeenya ofii gubuudhaan dhufu addunyaa kana irra hin jiru.Yoo namni du’e malee dhiigni gabbarame malee,lubbuun namaa gabbarame malee,qabeenyi gubate malee bilisummaan hindhufu taanaan haahafu.Mana ofirratti gubaa bilisummaan dhufu eessa jiramee?Lafa dubartiin itti deessu kilinika ofirratti gubaa kanatu bilisummaa fidaa? Ambulaansii dubartiin ciniisifatte akka hin duune lubbuushee hakimaan dhaqabsiisuuf ittiin fiigamu gubuudhaan bilisummaan dhufaa?qabeenyi kun hundi kan ormaa miti,mootummaan ni-dhufa ni-darba qabeenyi kun qabeenya saba kanaati qabeenya ummata kanaati.Kilinika fudhatee deemaa mootummaan?mootumaan jiddu galawwan leenjii,manneen barnootaa fudhatee deemaa?qabeenya mootummaa miti mallaqa keessaniin ijaarame.Ambulaansiin gubame qabeenya keessaniin bitame,mootummaan maallaqa tumee iddoo biraatii fidee isiniif hin-binne.Waajjirri mootummaa itti ba’amee gubame qabeenya mootummaatii?sanada keessantu keessa jira bulchiinsa magaalaa keessa kaartaa lafa keessaniitu jira kaartaa ummataatu jira,maallaqa mootummaa miti kan achi keessa jiru.Daandiin nagaa fidu kanadhaa?borus yoo ta’e miti kun,maalif waa’een amantaa yoo ka’u kan waalqoodu numa,waa’een gosummaa yoo ka’u kan walqoodu numa iddoon kaan nagaan jiraata,amantaan gaariidha,ilmi namaa hundi rabbiin uumame amanuu qaba gaariidha barbaachisaadha kun.Waa’een amantaa yoo dhufu maalif Oromoo qooduu barbaada?wanti hundi yoo dhufu nuun nuqooduu waa hundi yoo dhufu nuun adda nubaasuu gargaar nubaasuu maalif?Amantaa yoo ta’e warra biraa bira iddoo biraa hin jiruu?ni jira gosni iddoo biraas inuma jira nubiratti yoo dhufu garuu waan addaati.Har’as dhukkubnisaa qayee keenya keessaa hinbaane buqqa’ee,eenyu akka nuuf buqqisuuf eegina kana?wanti tokkummaa saba Oromoo diigu hundi nuunta’u!,nunfayyadu,adda qoodamnee miti tokko taaneeyyuu tabba nufuuldura jiru ba’uu hin-dandeenye ganaadha.Isinitti hin-fakkaatin kan bareennu kan humna godhannu,kan cimnu,dukkana keessaa ifatti ba’uu kan dandeenyu yoo tokko taane duwwaadha.Garaa garummaan siyaasaa maalif yoo Oromoo bira dhufu diina walitti ta’a?garaa garummaa siyaasaa qabaachuun addunyaa irra waan jirudha,garaa garummaa yaadaa qabaachuun ilma namaa wajjin waan ummame,waan jiru,nubira yoo dhufu maalif diina walitti taana?Iddoon ani garaa garummaa qabu irratti lakki kun naaf hin ta’u,lakki kun natti hinbareenne,waan ati jettu kun natti hin-mi’aawu jedhee dubbachuu mormuu,falmuu utuu qabuu maalif walballeessuudhaaf diina walitti ta’uudhaaf ariifanna?Ija banannee gurra banannee akkaataa addunyaan ittiin jiraatu maalif hin-ilaalle?biyyuma kana keessa akka sabni biraa ittiin jiraatu ija banannee maalif hin-ilaallu?akkanatti wal-quudoodhaan nuti bara baraan lubbuu namaa gabbaruu qabnaa?dhiiga ilmaan Oromoo bara baraan gabbaruu qabnaa?hundi keenya dubbii kana dhaabbannee ilaaluu qabna,dhaabbannee  gadi teenyee ilaaluu qabna nuti cubbuu maalii qabnamee?

Takka takka nama dhibamee,nus akka mootummaatti kan dhamaanu jiruu saba kanaaf malee daldala biraa hin-qabnu,gammachuun keenya gammachuu saba kanaati,gaddi saba kanaa gadda keenya,ulfunniifi kabajini keenya ulfina saba kanaa wajjini.qofaatti ulfinni nuti argannu hin-jiru,anaaf qofaakootti ulfinni naaf dhufu hin jiru.Ulfinan argadha taanaan kabajan argadha taanaan saba kana wajjini.sabni kun salphatee ani addatti ulfina argachuu hin-danda’u,sabni kun hiyyoomee ani addatti duroomuu hin-danda’u,sabni kun utuu gadduu ani addatti gammachuu argachuu hin-danda’u eenyuun keenyayyuu.Gaaddiifi gammachuun keenya waliini,kanaaf waan har’aa haadhiifnu dhaabbannee haailaallu,waliin haamari’annu maalif dubbiin kun nujidduutti akkas ta’a? qilleensi gamaafi gamanaa ba’u maalif lubbuu nuharkatti nyaata?qilleensi gamaa gamanaan ba’u maalif nuharkatti dhiiga dhangalaasa?maalif qabeenya balleessa?yoo dhuguma sabni kun waan biraa barbaada ta’e nuti gama biraa maalif dhaabanna saba kana irraa adda baanee?waliingaafachuu maalif dhakaa walitti darbanna iddoo waliin itti darbachuu qabnutti? Nuti kaayyoo biraa hin-qabnu kaayyoon keenya Oromoofi Oromoodha,saba kana ummata kana,biyya kana,waan saba kana hin-fayyadne yoo ta’e saba kana wajjin dhaabbannee iddoo itti sirraa’uu qabutti akka sirraa’u godhuudha.Nuufis qaaniidha bar,lubbuun ilma namaa nu-keessatti mootummaa nuti bulchinu keessatti yoo darbu dhiigni ilma namaa yoo dhangala’u nuufis qaaniidha gammachuu argachuu hin-dandeenyu,madaa sammuuti,ijoolleen duute qaama keenya,dhiiga keenya diina miti,maaliis haa ta’u maal,waan hundaa ol walgorfachuu qabna.walgorsuun barbaachisaadha,karaatti waldeebisuun barbaachisaadha,ilaafi ilaameedhaan wal-dhaggeeffachuun barbaachisaadha,jaarsi dhaga’amuu qaba jaartiin dhaga’amuu qabdi,namni umuriin bule abbootiin Gadaa dhaga’amuu qabu,aadaa keenya kun, seera keenya kun,kana balleessinee diignee eessa dhaquufi?seera ittiin mari’annuufi ittiin walgorfannu qabna yoo kana goone malee nagaan amma arganne kun itti fufuu hin-danda’u.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman