Ummannis nidogongora!

Akkuma Namoonni dhuunfaan dogongoran Ummannis nidogongora.Garaa garummaan jiru ummanni bal’aan garuu muuxannoo argatu irraa ni barata.Akka ilaalchakootti Ummanni Ameerikaa Nama Doonaald Tiraamp jedhmu filachuudhaan dogongoreera.


Akka har’a qabatamaan mirkanaa’etti Doonaald Tiraamp pireezidaantii Ameerikaa 45ffaa ta'uun caalmaa sagaleetiin filatamaniiru.

Walfalmiin cimaan kaadhimamtoota lameenii kan Hiilaarii Kiliintaniifi Doonaald Tiraamp kanumaan xumura argateera.

Bakka bu'aan paartii Riippaabliikaan Doonaald Tiraamp kan moo'atan sagalee 270 caalu waan argataniif akka ta'e beekameera.

Bakka buutuun paartii Demookraasummaa Hiilaarii kiliintan sagalee 218 qofa akka argatan sab-quunnamtiilee idila Addunyaatiin gabaafamaa jira.

Doonaal Tiraamp duula nafiladhaa taasisaa turaniin nama naamusa gaarii qaban akka hintaane haalawwan adda addaafi dhaamsawwan dabarsaa turaniin ibsaa turaniiru.Marree Ummanni Ameerikaa irra jiraan medaallii akkamiitiin Nama kana filate?

Namni kun yoonafilattan:-
·       -Godaantoota gara biyya isaaniittiin deebisa.
·       -Muusliimoota Ameerikaa keessaan ari’a.
·       -Dureeyyoota Ameerikaatiifan looga
·    -Hiilaarii Kilintan mana hidhaattin galcha jechaa tureera.Pireezidaant Doonaald Tiraamp waadaa galaa ture kana hojiirra oolchaa turamoo nidhiisa laata?


Karaa biraatiin Doonaald Tiraamp filatamuun biyya teenya Itiyoophiyaadhaaf carraan gaariin uume jira.Lammiiwwan Itiyoophiyaa Ameerikaa keessa dhokatanii biyya jeeqaa jiran yerootti waan harkasaanii argatu,Kanaaf haalli mijaawaan uumameera.Shoroorkeessitoonniifi dhaadheessitoonni Islaamaas amma adabatanii taa’uun isaanii hin oolu.

Hundumaafuu Ummanni Ameerikaa irra jiraan dogongoreera.Dogongorasaa ofumaan raawwate kana irraa ammoo gaaf tokko barachuunsaa hin oolu.Akkuma biyya keenyatti waggoota muraasa dura ta’e jechaadha.Filannoo bara 1997 wajjin walqabatee jiraattoonni Magaalaa Finfinnee hedduun wayita sagalee kennan dogongoranii turan.Dogongora raawwachuusaanii garuu adeemsa dabarsaniin muuxannoo argataniin barachuun bira darbaniiru.Ummanni Ameerikaatis dogongora kana irraa ni barata jedhamee eegama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman