Manni marichaa kaabinee haaraa muummichi ministiraa dhiyeessan raggaasiseera

Muummichi Ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalany kaabinee isaanii haaraa Mana Maree Bakka Bu'ootaa Ummataaf dhiyeessuun raggaasifatan.


Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’iisaa idilee har’a waaree dura gaggeessera.

Muummichi Ministiraa Haaylamaariyaam Dassaalanyis kaabinoota haaraa naaf yaa muudaman jedhanii fi bakka duraan itti gaafatamummaarra turanirra haa turan jedhan mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Muudamni kanaan dura ture; sadarkaan gorsaa ministiraa fi itti gaafatamummaan klaastaraa akka hafus dhiyaatee mariin irratti gaggeeffamuun akka hafu sagalee guutudhaan ragga'eera.

Kaabinoota bakka muudama isaanii duraarra akka turan muummicha ministiraan mana marichaaf dhiyaatan;

Obbo Dammaqaa Makoonnin - Itti aanaa Muummee Ministiraa
Obbo Siiraach Fageessaa - Ministira Ministeera Raayyaa Ittisaa
Obbo Kaasaa T/biraan - Ministira Ministeera Dhimma Federaalaa fi Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa
Getaachoo Ambaayee- Abbaa Alangaa Olaanaa Federaalaa
Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel- Ministira Ministeera Qunnamtii fi Infoormeeshin Teeknooloojii
Obbo Ahimad Abbitaw- Ministira Ministeera Indaastirii
Dooktar Yinnaagar Dassee - Koomiishinara Koomiishinii Plaanii Biyyoolessaa
Obbo Asmallaash W/sillaasee- Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Itti Waammamaa ministiraa Mootummaa
Obbo Abdulfattaah Abdullaahii -Ministira Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa
Kan 21 ammoo muudamaaf dhiyaatee, manni marichaa irratti mari'achuun sagalee guutudhaan raggaasiseera.

Muudamni haaraan kunis:

Ministira Dhimma Alaa - Dooktar Warqinaa Gabayyoo
Ministira Ministeera Pabliik Sarviisii fi Misooma Humna Namaa - Obbo Taaggasaa Caafoo
Maallaqaa fi Walta'umsa Diinagdee- Dooktar Abrahaam Takastaa
Ministira Ministeera Daldalaa -Dooktar Baqqalaa Bulaadoo
Ministira Ministeera Qabeenya Misooma Beelladaa fi Qurxummii - Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaa
Ministira Ministeera Qonnaa fi Qabeenya Umamaa – Dooktar Iyyaasuu Abrahaa
Ministira Ministeera Saayinsii fi Teeknooloojii – Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa
Ministira Ministeera Geejibaa -Ahimad Shiidee
Ministira Ministeera Misooma Magaalaa fi Manneenii -D/R Ambaachaw Makoonnin
Ministira Ministeera Koonistiraakshinii –Injiinar Ayishaa Mahaammad
Ministira Ministeera Bishaan, Jallisii fi Elektiriikaa - Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa
Ministira Ministeera Albuuda, Boba'aa fi Gaazii Uumamaa- Obbo Mootummaa Maqaasaa
Ministira Ministeera Naannoo, Misooma Bosonaa fi Jijjiirrama Qabeenya Qilleensaa - Dooktar Gammadoo Daalee
Ministira Ministeera Barnootaa - Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam
Ministira Ministeera Eegumsa Fayyaa -Proofeesar Yifruu Birhaanee
Ministira Dhaabbilee Misooma Mootummaa -Dooktar Girmaa Amantee
Ministira Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii - Dooktar Hiiruut Waldamaariyaam
Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii - Aadde Dammituu Hambisaa
Ministira Ministeera Dargaggoo fi Ispoortii - Obbo Ristuu Yirdaaw
Itti gaafatamaa Ministiraa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruukaa - Obbo Kabbadaa Caannee
Ministira Waajjira Dhimmoota Koomuniikeeshinii Mootummaa - Dooktar Nagarii Leencoo

Mariin mooshinii ammoo waaree booda gaggeeffama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman