Kokkee walqabuu!

Humni farra kiraa sassaabdotaafi kiraa sassaabdoonni bara taayitaa isaaniitti waa fuffnannatan kokkee wal qabuudhaan qabsoo cimaarra jiru.

Kiraa sassabdoonni lubbuu dheereeffachuuf wixiffachaa akka jiranis qabatamaan argaa jirra.Kutannoon humna farra kiraa sassaabdotaas sadarkaa hammamiitiin abdachiisaa akka ta'e qabatamaan mul'achaa jira.

Kiraa sassaabaan qabsoo irratti eegalame karaa irraa dabsuuf humna walitti kuufate qaba.Keessumattuu maallaqa seeraan ala walitti qabateen tarkaanfii irratti fudhatamu ofirraa ittisuuf wanti inni hin goone hin jiru.

Egaa akkuma hubatamaa jiru qabsoon ammaan boodaa daran hadhaawaadha.Qabsoon hadhaawaan kun bu'aa mi'aawaa barbaadamu akka argamsiisuuf ummata bal'aadhaan kan deeggarame ta'uu qaba!
Ummanni keenya kutannoo hooggansa haaromsaa hubateera.Waan gochuu qabu irrattis akka waliigale haaluma qabatamaan jirutu mul'isa.Bassoofi aannantu wal arge jechuun ni danda'ama.

Kana jidduutti kanneen bakkuma durii dhaabbataniifi mirgaafi faayidaa ummataa dura dhaabbatan akka jiran dagatamuu hin qabu.Kanneen yaada jijjiiramaa sammuutti fudhachuu dadhabuudhaan raafaman dhugaa qabatamaan jiru itti himnee karaatti haadeebifnu,Yoo didan kan maluuf haafilatan.

Qabsoon Ummata keenyaa haala duubatti hin deebineen daran finiinee itti fufeera.Tokkummaan Saba Oromoo mul'achaa jirus sabboonummaa Demookraatawa irratti kan bu'uraaye akka ta'uuf qaamni dhimmi isa ilaallatu hundi hojjechuu qaba.Tokkummaa daandii sabboonummaa Demookraatawa irratti bu'uraayetu saboota sab-lammootaafi ummattoota biyya keenyaa waliin nujiraachisa.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman