Qabsoon Oromoo Finfinnee keessattis finiinaa jira!
Konfaransiin dhaabbattummaa Dh.D.U.O 7ffaan Magaalaa Finfinneetti tibbana hooggantoota
miseensota dhaabbatichaa kutaalee magaalichaa kurnan keessatti guyyoota lamaaf
haala ho’aa ta’een erga geggeeffameen booda, guyyaa 3ffaasaatti ammoo iddoo
tokkotti Galma Aadaa Oromoo Finfinneetti milkaa’inaan xumuramee jira.
Konfaranicha irratti qabxiileen mariif ka’umsa ta’an dhihaatanii gadi
fageenyaan irratti mari’atameera.
Gaaffiwwan jajjaboon dhimmoota mirgoota, fedhiifi faayidaa ummata Oromoo heera mootummaatiin taa’e eegsisuu fi kabachiisuu irratti fuulleeffatan ka’anii irratti mar’atamaniiru. Hojiirra Oolmaan sirna Federaalizimii biyyatti, gaaffii keessa galuu Ol’aantummaa heeraa fi seeraas qabxii xiyyeeffannaa hirmaattotaa ta’eera.
Kun qabsoo injifannoo Sabichaa as dhiheessuuf taasifamaa jiru, Finfinnee keessattis finiinaa jiraachuu agarsiisa. Kanaaf ammoo ka’umsa kan ta’e qabsoo ummanni Oromiyaa daangaa hanga daangaatti tokkummaan socha’ee geggeessaa jiruufi Mootummaasaaf ta’u argateen akka ta’es irratti walii galameera.
Qabsoo ummanni Oromoo mirga abbaa biyyuummaasaa mirkaneeffachuuf taasisaa jiru keessatti wareegama qaqqaalii kaffaleen tarkaanfilee fedhiifi faayidaa sabichaa eegsisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaromsaan as fudhachuu jalqabe injifannoowwan mataa ol nu qabachiisetu hirriibaa nu dammaqse; ammaan booda nutis qabsichatti makamuun qabsoo itti aanuufis of qopheessineerra; Ummata Oromoo Magaalicha keessa jiraatan hunda sochoosuun injifannoowwan galmaa’uu eegalame galma akka gahu kutannoofi xiiqiidhaan ni hojjenna jedhan hirmaattonni konfaransii Dh.D.U.O 7ffaa Magaalaa Finfinnee.
Nuti ummanni Oromoo akkuma aadaafi duudhaa bareedaa sirna gadaa keenyarraa dhaalleen baroota dheeraaf saba biroollee of keessatti hammachuun waliin jiraachaa turre; fedhiifi faayidaa saboota sablammoota biroollee eeguufi eegsisuuf dirqama qabna; tokkummaan Oromoo tokkummaa ummata biyyattiifillee bu’uura; nuti karaa nagaatiin kan qabsoofnuuf mirgootaafi haqa nu jalaa sarbaman kabachiifachuuf jedhaniiru.
Gaaffileefi
yaadota hirmaattota konfaransichaa irraa ka’an keessaa gurguddoon akka itti
aanutti dhihaataniiru.
Haaromsa gadi fageenyaa geggeefameen as hooggansi mootummaa naannoo Oromiyaa tarkaanfilee jajjaboo fedhiifi faayidaa ummata Oromoo eegsisuuf fudhataa jiru, qabsoon kiraasassaabdummaa naannichatti geggeeffamaa jiru jajjabeessaa ta’uufi kan nu boonsedha; rakkoolee bulchiinsa gaarii waliin walqabatan maqsuuf sochiin godhamaa jirus gaarii ta’uutu ilaalame.
Finfinneetti garuu geggeessummaan jiru laafaa waan ta’eef ammas cimsuu gaafata; maxxantoonnifi kiraasassabdonni magaalichatti gosummaafi faayidaan walsassaabanii maandheffatan ammas karaa adda addaatiin nusakaalaa oolu; Naannoo Oromiyaatti gingilchaan qamadii keessaa Inkirdaada gingelchuun adda baasaa gataa jiru Finfinnee keessattis gingilchuutu barbaachisa jedhaniiru. Sababnisaas Finfinneen Wiirtuu diinagdeefi siyaasaa biyyattii waan taateef O.P.D.O.n hooggansa cimaa as keessatti horachuu yoo baate fayyadamummaan sabichaa akkuma kaleessaa borus mirkanaa’uu akka hin dandeenye akeekkachiisuun.
Waliiti bu’iinsa Mootummaa Naannoo Sumaalee Itoophiyaa fi Oromiyaa jidduutti uumammeen miidhaan Ummata Oromoorra gaheefi ammas gahaa jiru ol’aantummaa heera biyyattii kan cabsee fi gaaffii keessa kan galcheedha; Miidhaan saba oromoorra gahe, ulfaataafi sukuneessaa ta’ullee, Ummanniifi Mootummaan naannoo Oromiyaa saba Sumaalee naannicha keessa jiraatanirratti tarkaanfii wal fakkaataa kan fudhatu osoo ta’ee jiraate, gaaga’amni uumamu naannichaafi biyyattiirra darbee kan gaanfa Afrikaafi addunyyaa ta’uu akka danda’u hubatee haalli itti qabe sirrii ta’uu kaasaniiru. kunimmoo sadarkaa bilchina siyaasaafi fageessanii ilaaluu hooggansaafi ummanni naannoo Oromiyaa irra gahe kan agarsiisu ta’uufi saboonni dur Oromoo ija shakkiitiin ilaalaa turan har’a Ummata Oromoorratti amantaa horachaa akka dhufan taasiseera; Walitti dufeenyi Obbolummaa saba Amaaraafi Oromoo cimsuuf tibbana taasifames kanuma agarsiisa; deemsi kun saboota obbolaa naannoo hafan waliinillee itti fufee geggeeffamuu qaba jedhaniiru.
Miidiyaan sagalee ummataa ta’e OBN haaromsaan booda jijjiiramni inni fide seenaa miidiyaa biyya keenyaa keessatti haala mula’atee hin beekneen hojjechaa waan jiruuf geggeessitootaafi Gaazexeessitoota dhaabbatichaa ni dinqisiifanna; haaluma amma jalqabeen cimee itti fufuu qaba jechuun yaada kennniiru.
Sirna Federaalizimii biyya kanaa ijaaruu keessatti gaheen ummata Oromoo ol’aanaa ta’ee osoo jiruu shiraafi daba adda addaa qindeessuun shakkii akka horatu taasifamuun maaliif barbaachise? Ummanni Itoophiyaa kutaalee biyyattii keessatti iddoo barbaadetti nagaadhaan socho’ee jiraachuufi qabeenya horachuu akka danda’u osoo ifatti taa’ee jiru, kunis naannoo keenya keessatti kabajamee osoo jiruu, faallaa kanaatiin gochaan ummata Oromoorratti raawwatame ol’aantummaa heera biyyattii kan cabse waan ta’eef, Heera Mootummaa cabeef eenyuutu itti gaafatamaa?
Qaamolee ol’aantummaa heera mootummaa cabsuun gochaa kana keessatti hirmaatan irratti tarkaanfiin sirreessaa maaliif fudhatamuu dhabee? Humna Liyyuu Poolisii Mootummaa Naannoo Sumaalee meeshaa waraanaa baranee hidhachuun Ummata Oromoo ajjeesuu, qabeenyaafi qe’eesaarraa buqqisuun miidhaa sukuneessaa geessise kana eenyutu hundeesse? Eenyutu hogganas? Mootummaan Federaalaa aangoosaaf kennameen rakkoo kana hiikuu maalif dhadhabe? Raayyaan ittisa biyyaa walitti bu’iinsa kana keessaa bilisa jechuu dandeenyaa?
Gochaa sukuneessaan biyya keenyaafi Addunyaa yaaaddessuu danda’u kun biyya waliin qabnu keessatti miseensa biyya kanaa kan ta’e saba Oromoorratti raawwatamee osoo jiruu dhaabbileen obbolaa keenya ta’an gochicha ifatti maaliif balaaleffachuu dhadhaban? Shirriifi dabni saba keenyarratti raawwatame boru mataasaaniirra gahuufi gahuu baachuu wabii maal qabu?
Sirna Federaalizimii ittiin geggeeffamaa jirru keessatti karaa haqa qabeessa ta’een irraa fayyadamaa jirraa? Oromoon saba bal’aa ta’ee osoo jiruu hanga yoomitti Muummicha Minsteeraa kan hin taaneef?
Minstirri Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Dr. Nagarii Leencoo yaada ejjannoo Mootummaa ibsuuf aangoo ifa ta’e kennameefi osoo jiruu, Abbaan Taayitaa Biroodkaastingii Itoophiyaa ibsi sun “Yaada dhuunfaa ministirichaati” jechuun isaa maal agarsiisa? Oftuulummaafi ol’aantummaan akkasitti calaqqisiifame kun maalirraa madde?
Qonnaan bulaan sababa misoomaa jedhamuun Finfinnee keessaa buqqa’e deebisanii dhaabuuf sochiin jiru maalirra jira? Ammas lafasaarraa buqqa’uun itti fufeera; Kan jirus rakkoo hammaataa keessa jira; tajaajlia bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaaniifi daandii argachaa hin jiru; kun hanga yoomitti itti fufa? Akkasumaan qotee bulaa -qote- bulaa jechaa sirba baaqqee sirbaa turiin dhaabbachuu qaba. Wanti nutti himamuufi gochaan wal gitee arguu barbaanna jechuun hubachiisan.
Faayidaan addaa Oromiyaan Finfinneerraa arggachuu qabu karaa ifa ta’een furmaata dhumaa akka argatu maaliif hin taasifamne? Xiyyeeffannaan kenname waan qabbanaa’e fakkaataa, geggeessummaan Dh.D.U.O Magaalaa Finfinnee laafaadha; Kutaalee magaalichaa keessatti geggeessummaan sekkataroota hogganuuf Oromoodhaaf kennamu sadarkaa itti aanaa qofatti murtaa’ee jira. Kunimmoo gahee geggessuummaa keenya Magaalaa Finfinnee keessatti sirnaan akka hin baane, dhaabbilee obbolaa biroo waliin walqixa akka hin murteessine nu taasisaa jira; Kootaan sadarkaa itti aanaatiin nuuf kennamu kun maaliif hin sirratu? Waa’ee Oromummaafi Oromiyaa Finfinnee keessatti yoo kaafne ammas taargaan nuuf kennamuu hin dhaabbanne, Daangaan bulchiinsaa Finfinnee fi Oromiyaa bara 1986 seeraan murtaa’ee jiru cabee jira, kun maaliif hanga yoonaatti sirraa’uu dhabe?
Aadaa,seenaafi afaan keenya Finfinnee keessatti dagaagsuuf, ittiin hojjechuuf barnoonni Afaan Oromoo manneen barnootaa Finfinnee keessa jiran hundatti kennamuu osoo qabanuu kun ta’uu dhabuunsaa mirga sabichaa kan sarbeedha. Kanaaf maaltu yaadame?
Gaaffileen kkf. ka’anii bal’inaan irratti mar’atanii jiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidantiitti Itti gaafatamaan Waajjira Dh.D.U.O giddu galeessaa Dr. Abiyyi Ahimadiifi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Dirribaa Kumaa gaaffilee ka’aniif deebii kennuun kallattii qabsoo fulduraa sadarkaa qabsoon Ummata Oromoo yeroo ammaa irra gaheen geggeeffamuu akka qabu kaa’aniiru.
Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidantiitti Itti gaafatamaan Waajjira Dh.D.U.O giddu galeessaa Dr. Abiyyi Ahimadiifi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Dirribaa Kumaa gaaffilee ka’aniif deebii kennuun kallattii qabsoo fulduraa sadarkaa qabsoon Ummata Oromoo yeroo ammaa irra gaheen geggeeffamuu akka qabu kaa’aniiru.
Dr. Abiyyi, humni miseensota dhaabbatichaa Finfinnee keessatti argamu abdii kan namatti horuudha jedhanii,kunimmoo qabsoon ummata Oromoo abbaa baay’ee waan qabuuf duubatti deebi’uu akka hin daneenye abdii guddaa natti uumeera jedhan. Dh.D.On jiraates yoo jiraachuu baates sadarkaa abdachiisarra gahuusaa mirkaneeffanneerra jedhan.
Humna guddaa Finfinnee keessatti argamu kana qindeessuun cimee sadarkaa barbaadamurra akka gahu gochuun ammoo murteessaa akka ta’e yaadachiisaniiru. Hunda dura garuu sammuu gabroome bilisoomsuun murteessaadha jedhan Dr. Abiyyi.
Tokkoon tokkoon miseensotaafi hoggantoota Dh.D.U.O Finfinnee gahee qabnuun hojii saba keenya kabachiisuufi dantaasaa eegsisu hojjechuu qabdu jedhaniiru. Qormaatilee siyaas- diinagdeen addunyaa qoraa jiru nus qoraa waan jiruuf sabni keenya diinagdeen akka cimu, fayyadamummaansaa akka mirkanaa’u kutannoofi xiiqiin qabsaa’uu qabdus jedhaniiru. Kana gochuufis tokkummaa ummatichaa cimsuun murteessaa ta’a jedhaniiru.
Tokkummaan ummata Oromoo bu’uura cimaarratti akka dhaabbatu, tarsiimoodhaan hoogganamuun sirna cimaa ta’e uumuun nurra jiraata; dargaggoo, hayyootaafi ummata keenya hirmaachisuudhaan qabsoo hiyyummaa jalaa bahuuf taasisifamu cimsuun Warraaqasa dinagdee Oromoo jalqabame finiinsuu, gaaffiiwwan mirgootaa heerarra taa’e osoo hin ququnxuramin hojiirra akka oolu qabsaa’uudhaaf waadaa ofii galuu qabdan jedhaniiru.
Jaarraa 21ffaa kana keessatti meeshaa waraanaatiin mo’uun hin danda’amu kan jedhan Dr. Abiyyi, qaamni akkasitti yaadu yoo jiraates wallaalummaafi gowwummaadha; Jaalalaan garuu waa hunda moo’uun akka danda’amu dubbataniiru. Yaada tarkaanfataafi mo’aa ta’een injifachuun ni dand’ama. Qabsoon uummanni Oromoo yeroo ammaa geggeessaa jirus
kanaan ibsama.
Haala kanaan hojii jalqabne itti fufuudhaan rakkoolee nu qoraa jiranirratti kutannoon qabsaa’aa keessaa bahuun gara injifannootti imaluu qabna jedhaniiru. Sirni federaalaa qabsoon ijaarres hanqina qabu sirreessuun dhugoomsina; fuuldurri keenyas ifa jedhaniiru Dr. Abiyyi.
Kanatiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Dirribaa kumaas haaluma wal fakkaatuun gaaffilee hirmaattotarraa ka’aniif deebii kennuun konfaransii kun hanga kutaalee Magaalichaa hundatti geggeessuun ejjennoo walfakkaataan akka qabamu dubbataniiru. Gaaffileen dhimma dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabu, dhimmoonni Afaan, Aadaafi Seenaa Oromoo Finfinnee keessatti dagaagsuu, Manneen barnootaa Finfinnee kutaalee magaalichaa hunda keessatti barnoonni Afaan Oromoo Afaan Amaaraa waliin walcinaa kennamu, dhimmi bu’uuraalee misoomaarraa qonnaan bultoonni magaalicha keessai jiraataniis ta’ee magaalota Oromiyaatiif diriirsuu hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Dhimmi daangaa bulchiinsa Finfinneefi Oromiyaas haaluma bara 1986 daangeffamee tureen qorannaadhaan waan adda baheef tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhatama, qonnaan bultoonni qe’eesaanirraa sababa misoomaatiin buqqa’an baay’innisaanii abbootii warraa 9,000 fi maatiisaanii 30,000 ol ta’an qorannaan adda bahee hojiin deebisanii dhaabuu jalqabameera jedhaniiru.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ