Murteewwan gurguddoo koonfaransii dhaabbatummaa 7ffaa Dh.D.U.O

Ibsa Ejjannoo Hirmaattota Konfaransii Dhaabbattummaa 7ffaa DhDUO
******
Ummanni Oromoo ummata sirna Gadaa Dimookiraasii bulchiinsa ammayyaa keessatti ilaalamu har’aa ta’e maddisiisee ittiinis kan bulaa ture fi addunyaafis kan gumaachesha.
Sirni kun amalasaatiin sirna tokkummaa labsuu fi cimsu waliin jireenya soneessudha. Har’as ta’u, ummanni Oromoo bulchiinsa ammayyaa keessatti mootummaa hundeeffatee hogganamaa bakka jirutti duudhaalee keenya keessatti dhimmoota murteessoo qaama sagantaalee misoomaa, nageenyaafi ijaarsa sirna dimookiraasii, akkasumas, fayyadamummaa ummata Oromoo mirkaneessuurratti tokkummaa ilaalcha cimaa uumuudhaan umurii hiyyummaa gabaasuuf ciminaan hojjetaa jira.
Nuti hirmaattonni konfaransii dhaabbatummaa DhDUO 7ffaan konfaransii keenya Onkololeessa 19-23 bara 2010 Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti geggeessaa turre milkaa’inaan xummurree jirra. Qaama haaromsa gadi fageenyaa kan ta’e konfaransii dhaabbattummaa kanarratti sochii haaromsa keessatti waadaa ummata keenyaaf galle haala raawwiisaa gamaaggamnee kallattiiwwan qabsoo itti aanaan irratti walii galtee irra geenyee jirra. Gaaffiwwan Siyaasaa, dinagdeefi dimookiraasii tartiibaan deebii akka argachuu qabu walii gallee jirra.
Ijaarsa sirna federaalizimii keenya cimsuu keessatti ummatni fi hoggansi gahee isarraa eegamuu bahuun murteessaa akka ta’e, mirgi heera mootummaa irratti kaawwaman utuu hin ququnxuramin hojiirra akka oolan hoggansi fi miseensi dhaaba keenyaa hundi gahee isarraa eegamu bahuu akka qabu, hokkara tibbana naannoo Oromiyaa keessatti uumameee tureen miidhaa lubbuu namaa, qaamaafi qabeenya irratti qaqqabe ilaalchisee gaddi guddaan kan nutti dhagahame yoo ta’u,, kakkoon kun fedhii ummata keenyaa kan hin taane ta’uu hubannee jirra.
Rakkoon akkasii irra deebiin akka hin uumamne nageenya naannoo keenyaa qindoomina ummata naannichaa fi qaamota nageenyaatiin mirkaneessuun dhimma murteessaa akka ta’e walii galteerra gahameera. Walumaa galatti rakkoowwan haaromsa gadi fageenyaa keessatti addaan baafnee furmaata laachuuf tattaaffii dhaabni fi mootummaan taasisaa jiru cinaatti ummanni keenya qaama furmaataa olaanaa fi murteessaa ta’ee itti fufuu akka qabu walii galteerra gahuun danda’ameera. Kanaafuu marii bal’aa erga geggeessinee booda nuti hirmaattonni konfaransii kanaa ibsa ejannoo abbaa qabxii 10 akka armaan gadii kanaan baafanneerra.
1. Injifannoowwan hanga ammaatti sochii haaromsaatiin argaman kunuunsuufi boqonnaa itti aanutti ceesisuun murteessadha. Haaluma kanaan tokkummaa Oromoo keessatti uumamaa dhufe cimsuun, wal amantaa fi waldhaggeeffachuu uumaa dhufe akka carraatti fayyadamuun abdii ummatni hoggansa haaromsaa gubbaadhaa hanga dakaatti jiru irratti horachuu calqabe cimsuun qabsoo ummata Oromoo injifannoo cululuqaatti ceesisuuf ni qabsoofna.
2. Ijaarsa sirna Federaalawaa Dimookiraatawaa keessatti ummanni oromoo fi dhaabbanni keenya gahe olaanaa akka qabu beekamaadha. Faayidaa ummata keenyaa kabachiisuuf sirna Federaalizimiin alatti carraa biraa akka hin qabne hubachuun, hanqinootaafi rakkoowwan ijaarsa sira federaalizimii keessatti muudatan obsaafi miira itti gaafatamummaa olaanaatiin hiikaa, tokkummaa Itoophiyaa cimsuun mirga heerri mootummaa ummata keenyaaf kenne utuu hin quqnxuramin karaa guutuu ta’een akka hojii irra oolu cimsinee ni qabsoofna.
3. Rakkoowwan gurguddoo sochii haaromsa gadi fagoo keessatti addaan baafnee karaa waaraa ta’een hiikuun itti quufinsa ummata keenyaa mirkaneessuuf keessoo dhaabaa cimsuu fi hoggansa egeree ijaaruun, hojii dhaabaa karaa ilaalcha jijjiiruu danda’uufi tarsiimowaa ta’een qabsoo eegalame boqonnaa haaraatti ni ceesifna.
4. Fayyadamummaa haqa qabeessa dinagdee ummata keenya mirkaneessuuf sochii eegalle warraaqsa dinagdee Oromoo eegalame feniinsuun hawaasa hiyyummaa fi gadadoo keessaa bahe uumuuf qabsoo eegalame cimsinee itti fufsiifna.
5. Komii ummanni keenya rakkoo bulchiinsa gaarii irratti kaasaa jiru uumata keenya qaama furmaata gochuun riifoormiwwan eegalaman karaa guutuu ta’een hojiirra akka oolan taasisuuf gahee adda durummaa keenya ni baana.
6. Qabsoo ilaalchaa fi gocha kiraassassaabdummaa irratti eegalame ummata keenya guutummaatti hirmaachifnee boqonnaa qabsoo duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan gahuun siyaas dinagdee kiraassassabdummaa diiguun siyaas dinagdee misoomawaafi dimookiraatawaa ta’e hawaasni bal’aan irraa fayyadamu ijaaruuf ni qabsoofna.
7. Nageenya ummata naannoo keenyaa booressuuf shira kiraasassaabdonnii saamicha itti fufsiisuuf jecha ummata keenya tuxxuquun lubbuu, qaamaafi qabeenya ummata keenyaa irratti miidhaa qaqabsiisaa jiran akka dhaabbatu qochuuf, Sabaafi sablammootni naannoo keenya keessatti jiraatan soda tokko malee hojjetanii akka bulanifi human qabsoo keenyaa ta’anii akka itti fufan taasisuuf cimnee ni qabsoofna.
8. Sadarkaa qabsoo dhaabni keenya irra ga’een karaa madaaluu danda’uun karoora tarsiimo’aa waggoota 10 qophaa’e hirmaannaa ho’aa miseensa keenyaan gabbisuudhaan ilaalcha moo’aafi tarkaanfataa qabannee gurmaa’insa dhaabaafi mootummaa misoomowaafi dimookiraatawaa keenya karaa ammayyaa’aa ta’een ijaaruun Fayyadamummaa ummata Oromoo akka mirkanaa’uuf cimsinee ni hojjenna.
9. Barnoonni furtuu waa hundaa fi meeshaa jijjiiramaa olaanaadha. Kanaafis ummanni Oromoo dheebuu beekumsaa fi jibbiinsa doofummaa irratti qabuun qabsoo hadhaawaa fi wareegam qaalii kaffaleera. Waan kana ta’eefis dhaloonni har’aa barnootarratti sekondii tokkoofillee osoo ija keenya hin libsatin barachuun faayidaafi fedhii egeree ummata Oromoo akka galma gahuf aggaammii dhaloota Oromoo barnootarraa fageessuuf godhamu hunda ni balaaleffanna.
10. Yeroo dhihoo asitti shirri gaaffii daangaa da’oo godhatee dhukkuba kontiroobaandistoonni ummata waliin jiraataa tureefi jiraataa jiru, gidduutti rakkoo akka uumamu taasisaa jira. Humnoonni maqaa daangaatiin daldaluuf yaalan lammiilee biyyattii kan ta’an dhalattoota Oromoo naannoo Sumaalee Itoophiyaa keessa jiraatan kuma dhibbaan buqqaasaniiru. Kanaafuu hirmaattonni konfaransii dhabbatummaa 7ffaa DhDUO olaantummaan heeraa akka kabajamu qaamooleen lammiilee keenya lubbuu baasan, qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqisuu keessatti hirmaatan seeratti akka dhihaatan fi hundaa ol ammoo mirgi hiree mootummaa keessatti lammiileen bakkaa bakkatti socha’anii akka hojjetani fi jiraatan tumame daangaafi danqaa malee akka hojiirra ooluuf ni qabsoofna!
Onkololeessa 23/2010
Galma Abbaa Gadaa, Adaamaa


Maddi: Oromia Communication Bureau


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman