Shira Eertiraan waamicha Nagaa ittiin didde


Muummichi ministiraa Dr.Abiyyi Ahmad borumtii taayitaa biyya guddittii Itiyoophiyaa bulchuu argatanitti waamichi Nagaa mootummaa Eertiraatiif dhiyeessan hooggansa abbaa irree Isaayyaas Afawarqiitiin gadi qicamee haal duree dhiyeessuudhaan didame abdii duwwaa irraa kan maddedha.
Isaayyaas Baadimmee gadi nuuf dhiiftan malee jechuudhaan waamicha Nagaa kabajaan dhiyaateef dide.Diddaan kun sababoota hedduu akka qabu beektuu laata?Haalli biyya keenya keessa turehoo maal gumaache?Abdiin Shaabiyaa maal ture?tartiibaan ilaaluun barbaachisaadha.
Hooggansi Shaabiyaa waamicha Nagaa irra deddeebiidhaan dhiyaateef hin fudhadhu jechuun kan dide ergama humnoota ergamtoota isaa ta’aniif kanaan dura kenne abdiidhaan waan eeggachaa jiruuf akka taé beekamuu qaba.
Ergamni Shaabiyaadhaan humnoota adda addaatiif kannemee hawwiidhaan eegamaa jiru yeroo adda addaatti yaaliin taasifamus galmasaa ga’uu hin dandeenye.Akka fedhiifi hawwii Shaabiyaatti utuu taée har’’a Itiyoophiyaan ergamtoota isaatiin harka lafa jalaatiin buluudhaan qabeenyi dilbiin biyyi teenya Itiyoophiyaan qabdu hooggansa Shaabiyaatiin saamama ture.Ergamtoonni Shaabiyaa garuu carroomanii ergama itti kenname milkeessuu hin dandeenye.
Mootummaa Eertiraa irraa ergama itti kenname fudhachuun sochoáa kanneen jiran keessaa adda durummaadhaan kan eeramu ABO Eertiraati.ABO’n Eertiraa akkamitti Shaabiyaatti abdii horuu dandaée?Gareen dulloomaan maqaa Ummata Oromoo waamuudhaan qabsaaáan jira jechuun lallabaa jiru ABO’n Eertiraa Shaabiyaan hawwiidhaan guutamee waamicha Nagaa Itiyoophiyaan yeroo adda addaatti dhiyeessiteef akka didu taasiseera.
ABO’n Eertiraa ergama badii itti kenname milkeessuuf jecha carraaqqiin taasisaa ture milkaaúufii hin dandeenye.Ergamni ABO’f kenname borus iftaanis mikaaúu hin danda’u.Shaabiyaan abdiidhaan guutamee haa jiraatu malee ergama kennuudhaan Itiyoophiyaa ammaa diiguudhaan hawwii galmaan ga’achuun gonkumaa hin danda’amu.Haalli qabatamaan amma Itiyoophiyaa keessa jirus hawwii Shaabiyaafi ABO Ertiraatti dongoraa cimaadhaan balbala akka cufe beekuun barbaachisaadha.
Ergama Shaabiyaa fudhachuudhaan hawwiidhaan sochoáa kan jiran kan biroo humnoota siyaasaa maqaa paartii siyaasaa seera qabeessaatiin biyya keessatti argamanidha.Paartiiwwan biyya keessatti karaa seera qabeessaan hayyama fudhatanii sochoáa jiran hawwii ol’aanaa taayitaa qabachuuf qabaniin ergamtuu mootummaa Shaabiyaa ta’anii sochoáa akka jiran beekamaadha.
Humnoonni tokko tokko wayita ammaas abdiidhuma kanaan sochoáa akka jiran beekamuu qaba.Humnoonni kun tokkummaa Saba Oromoo uumamettis gufuu akka ta’an hubachuun barbaachisaadha.Kanneen malees maxxantoonni biyya alaa taaánii Shaabiyaadhaaf ergamtuu taúudhaan socho’anis akka jiran beekuun barbaachisaadha.Kanneen keessaa adda durummaadhaan kan eeramu garee Ginboot 7 jedhamudha.
Mootummaan Shaabiyaa waan hawwaa jiru argachuuf humnoota kanas meeshaa taasifatee akka itti fayyadamaa jiru qalbeeffachuun humnoota biyya keessa taa’anii ergamtuu Shaabiyaa ta’an kanatti nyaara itti guuruun barbaachisaadha!
Haalli dhiyeenya kanaa asitti biyya teenya Itiyoophiyaa keessa jirus Shaabiyaatti abdii akka hore shakkuun barbaachisaadha.Haalli Dr.Abyyi Ahmad gara biyya hoogganuutti ittiin dhufeefi ololli kanatti aanee afarfamaa jiru Shaabiyaan ammas abdiidhaan guutamee akka jiraatuuf waan karra bane fakkaata.Dr.Abiyyi muummicha ministiraa Itiyoophiyaa ta’uu danda’uusaaniitiinis kanneen keessumaa mufatan jiraachuun Shaabiyaatti abdii horuu hin oolu.Shaabiyaan sababoota gubbaatti eeraman kanaan waamicha Nagaa akka dide qalbeeffachuudhaan humnoota kana qolachuun barbaachisaadha!
Humnoonni caasaa ADWUI keessa taa’anii jijjiirama argameen mufachuudhaan diina waliin wal ta’aa jiranis utuu adabatanii akka wayyuuf beekuu qabu.Sammuun coome yaaduu hin danda’u warri sammuun coomee mufatan kallattii sirriitti akka deebi’an taasisuun murteessaadha.Yoo didan ammoo gatii isaanii argachuu danda’u waan ta’eef rakkoon hin jiru.Horaa bulaa! 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman