Sanda shirtuun qopheeffattee ittiin gadi baate
Qaammee 01,2014 Finfinnee (TW)
sanada qopheessuudhaan muuxannoo waggoota dheeraa qabdi.Ammas lubbuun keessaa
baatee du’uudhaan dura akkuma barte sanada umurii ittiin dheereffachuu
dandeessu akka qopheeffatte dhageenye.Qabiyyeen sanada waayyaannees maalfa’i
akka of keessaa qabu dubbisuudhaan hubanne.
Sanadni
kun sanada shororkaa wayyaaneen qophheeffattedha.Malaafi tooftaawwan gochoota
shororkeessitummaa ittiin babal’itu qopheeffachuudhaan gadi baate.Garuu warri
shiraa akka yaadaniifi karoorfatanitti milkaa’uufii didee jalaa fashalaa’eera.Karaatti
hafaniiru.Hammeenyaan deemta taanaan ardii kana irratti wanti siif milkaa’uu
danda’u hin jiru.Wayyaaneen shiraafi dabaan deemti waan ta’eef imallishii karaatti
jalaa gufateera.
Sobaafi
waakkachuu silaa hin dadhaban Getaachoo Raddaa ibsa kaleessa galgala mira abdii
kutannaa ol’aanaadhaan kennen ‘sanada kana nuti hin qopheessine’ jechuun
waakkateera.Akka itti waakkataniifi soban muuxannoo yeroo dheeraa qabu waan ta’eef
fakkeessuudhaan waakkataniiru.
Getaachoon
‘sadarkaa sanda ittiin qopheeffannu irra hin turre.Harkaan barreessaa
turre,ibsaa hin qabnu,utuu tajaajila ibsaa hin qabaatiin akkamitti sanada
qopheessuu dandeenyaa?kun sobadha!Sanada keenya miti’jechuudhaan waakkannaa
isaa dhageessisee jiranamtichi.Akkaataa sanada shororkaa waayyaanneen
qoheeffatte kanaan dhimmoonni ijoon sanadicha keessa jiran maalfa’i akka ta’an
hubachuun barbaachisaadha.
1ffaa.Sanada
kanaan wayyaaneen Nagaadhaaf dursa akka hin kennine mul’iftee jirti.Filmaata Nagaa
Mootummaan Itiyoophiyaa dhiyeesseef iddoo akka hin kennineefi mootummaa Itiyoophiyaa
wajjin marii nagaa taasisuuf fedhii akka hin qabne mul’ifte.Agarsiiftuun kanaa Mootummaan
Itiyoophiyaa garee marii Nagaa irratti hirmaatuufi itti aanaa muummicha
ministiraafi ministira dhimma alaa obbo Dammaqa Makonniniin hoogganamu
qopheessuudhaan tarsiimoo mariin nagaa ittiin adeemsifamu qopheessee eegaa utuu
jiruu waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabeera jechuun karaa Qobbootiin waraana
bante.
Kallattii
dura irratti kaawwataniin’Dirqamaan funyaan isaanii qabuudhaan waan barbaadnu
goona’jechuun akkuma dura taa’aa wayyaanee Dabrtsiyoon Gabramikaa’eeliin himame
mootummaa Itiyoophiyaa dirqamsiisuudhaan fonqolchanii taayitaa irraa bu’anitti
akka deebi’an dhaadatan sana qabatamaan sochii eegalan.Kan yaadan hin
milkoofneef jalaa fashalaa’eera.
2ffaa.Wayyaaneen
sanada kanaan tuffiifi diinummaa saba Amaaraa irratti qabdu mul’iftee jirti.Karaa
naannoo Amaaraatiin weerara marsaa sadaffaa kan bante tuffiifi diinummaa Amaaraa
irratti qabdu mul’isuuf akka ta’e beekameera.Sanadicha keessatti akka eerametti
‘Qonnaan bulaan Amaaraa yeroo argachuudhaan omisha qonna gannaa yoo walitti
qabate waan omishate nyaachaa nuwaraana’yaaddoo jedhu akka qabdu mul’iftee
jirti.Kanaaf midhaan utuu hin ga’in waraana jalqabuudhaan waan hundumaa
baballeessuuf waraana marsaa sadaffaa jalqabde.
3ffaa.Naannoon
Affaariifi Sumaalee diina isaanii akka ta’an sanada kana irratti mul’isaniiru.Naannoleen
lamaan maalif diina jedhaman?Naannoon Affaar wayyaaneen karaa Affaariin
dabartee taayitaa irraa buutetti akka hin deebineef gufuu ta’eera.Karra ba’uumsaa
Jibutii jalaa cufeera.Weerara irra deddeebiidhaan wayyaaneen raawwattes ga’uumsaan
qolachuudhaan ofirraa deebiseera.Diddaan Ummanniifi mootummaan Naannoo Affaar
mul’isan wayyaanee xiiqii keessa galcheera.Kana irraa ka’uudhaan ollaa isaanii Affaariin
diina jechuudhaan ibsan.
Naannoon
Sumaaleetis shira wayyaaneen yeroo adda addaatti shiruudhaan hojirra oolchuuf
ittiin sochoote jalaa fashaleessee jira.Keessumattuu waliigaltee wayyaaneen
garee shororkeessaa al-Shabaab waliin taasifte kan jalaa fashaleesse raayyaa
ittiisaa dabalatee humnoota tasgabbii Naannoo
Sumaalee jiranidha.Bu’aan kun akka galmeeffamuuf hooggansi pirezidaantiin Naannoo
Sumaalee obbo Musxafee Mahaammad kennan ammoo fakkeenyummaadhaan kan
fudhatamedha.Kanaaf wayyaaneen Naannoon Sumaaleetis diina ishii akka ta’e wayyaaneen
sanada kanaan mul’iftee jirti.
4ffaa.Wayyaaneen
sanada kanaan gareen shororkeessaan Shaneen akka cimee socho’uuf kan deeggartu
akka ta’e mul’iftee jirti.Kanaanis akkuma kanaan duraa wayyaaneen diina saba Oromoo
akka taate qabatamaan mirkaneessitee jirti.Shaneen akka cimee socho’u taasisuun
Ummata Oromootiif yaaduu irraa kan maddu akka hin taane ni beekama.Shanee maqaa
Oromootiin sochootu akka fardaatti yaabbachuudhaan wayyaanneen Oromiyaa keessa
gulufuuf fedhii ol’aanaa akka qabdu sanada iccitiidhaan qophaa’ee miqilee jalaa
ba’e kana irraa hubatameera.Habadan kun hin taatu!Wayyaaneen weerara marsaa
3ffaa jalqabde finiinsuu dadhabuudhaan gootummaa Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaafi
humni qindaa’een mul’isaniin lubbuun keessaa ba’uuf wiciffachaa jirti.Fayyaa ta’aa!
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ