Addii arqaay-Adrqaay walaboomte

 


Hagayya 30,2014 Finfinnee(TW) Aanaawwan 105 Mootummaan Naannoo Amaaraa qabu keessaa takkadha.Adrqaay jedhamuudhaan beekamti.‘Addi Arkay’ jedhuun.Adrqaay waggaa tokkoofi baatii lamaaf too’annoo waayyaannee jala turte.Amma bilisa baatee jirti.Raayyaan Ittisa biyyaafi humni qindaa’aan Naannoo Amaaraa da’oo cimaa naannawichatti waayyaaneen ijaarte cabsuudhaan seenee jira.

Kantiibaan Magaalaa Adrqaay Miliyoon Taaddasa akka himanitti ummanni gammachuusaa ibsuudhaan Raayyaa ittisaafi humna qindaa’eef deeggarsa taasisaa jira jechuun himaniiru.

Addawwan waraanaa gara garaatiin iddoowwan hedduun bilisa kan ba’an yoo ta’u waayyaanneen kan itti abdattu iddoon ‘Baadimmee’jedhamuudhaan beekmtus too’annoo Raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa jala akka oolte mirkanaa’eera.

Qondaaltoonni waayyaannee akka kanaan dura miliquudhaan gara gammoojjii Tambeenitti haalli ittiin miliquu danda’anis akka jalaa cufamedha,kan himamaa jiru.Waayyaanneen diinoota  alaa Gibtsiifi kanneen biroo abdattee waan hin dandeenyetti seenuudhaan adabamuun dirqama itti ta’eera.

Kun kanaan utuu jiruu waayyaanneen olola barteen loltoota hedduu too’annoo jala akka oolchite irra deddeebiidhaan himaa jirti.Booji’amtoonni jiddu gala booji’amtootaa Maqalee jiru akka galfamanis himtee jirti.Kan shira waayyaannee beekan garuu namootuma ishiitti uffata loltoota Itiyoophiyaa uffisuudhaan booji’e jetti jechuudhaan qeeqaa jiru.Waayyaanneen uffata loltummaa fakkeessuudhaan warshaa huccuu ‘Almadaa’jedhamutti akka omishitu ni beekama.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa