Ameerikaan ejjennoo Itiyoophiyaa akka deeggartu mirkaneessite
Ejjennoon Ameerikaan qabatte ejjennoo Itiyoophiyaa wajjin kan walsimu akka ta'e Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dr.Injinar Silashii Baqqala himaniiru.
Amabaasaaddarichi kana kan himan pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan yaa'ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti haasawa dhageessisaniin rakkoon Nagaa Itiyoophiyaa karaa Gamtaa Afrikaatiin akka fala argatuuf Ameerikaan kan barbaaddu ta'uu erga dubbatanii boodadha.
Ambaasaaddar Silashiin haasawa Pireezidaant Baayidan kana irratti deebii kan kennan ergaa karaa Twtter isaanii dabarsaniin akka ta'e beekameera.
Mootummaan Itiyoophiyaa rakkoon ardii Afrikaa kamiyyuu karaa Gamtaa Afrikaatiin furmaata argachuu qaba jechuun ejjennoo cimaa kan qabate akka ta’eefi garee shororkeessituu wayyaanee wajjinis mariin nagaa kan adeemsifamu yoo ta’es karaa Gamtaa Afrikaa qofa ta’uu qaba jechuun ejjennoo cimaa akka qabate ni beekama.
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ