Qondaaltoota wayyaanee lamaaniifi ibsa isaan kennan



Janaraalli wayyaanee Taaddasa Warrada ibsa dheengadda kenneen waan baay’ee hime.Iccitiisaanii gadi baasuu bira darbuudhaanis mootummaa Itiyoophiyaatiifis oduu himaa ta’e.Waraanni wayyaaneen marsaa sadaffaadhaan Hagayya 18 bara 2014 jalqabde deebi’uudhaan ishuma guggube.Magaalaan Shiraaroofi naannawaan ishii qabamuu kan nutti hime mootummaa Itiyoophiyaa utuu hin taane janaraal Taaddasa Warradaati.Janaraalichi dhugaa dubbate.Haqa jiru hime.Keessa olola hojjechuuf carraaqqii taasisus wantonni miliqanii ba’an baay’eedha.

Fakkeenyaaf weerara marsaa sadaffaa wayyaaneen akka jalqabde janaraal Taaddasa Warradaatu nutti himuudhaan wayyaanee waakkannaadhaan beekamtu saaxile.Cinqama cimaa keessa akka seenan namtichi mamii malee dubbate.

Guyyaa itti aanu ammoo Getaachoo Raddaa ibsa kenneen wantoota Taaddasa Warradaa jedhe hunda qabxii tokkollee utuu hin kaasin dhoksuudhaan bira darbe.Ol’aantummaa ololaa argachuu qofa irratti xiyyeeffachuudhaan dhugaa qabatamaan jiru humuu dadhabe.Gocha raawwate kanaanis kan isa amanu dhabe.

Jarri wayyaanee gamni numa qofa jettee yaaddi.Gamna ofiin jedhanii yaaduudhaan gowwummaa isaanii addunyaatti mul’isan.Guyyaa guyyaadhaan ibsa kennuun maal irraa akka maddu eenyutu shakka?Muddama haleellaa raayyaan Itiyoophiyaa gamaa gamanaan itti finiinseen dhiphachuudhaan erga waraanni jalqabamee booda mootummaan Itiyoophiyaa ibsa tokkollee utuu hin kenning qondaaltoonni wayyaanee al- kudhan miidiyaatti ba’uudhaan ibsa kennuuf dirqaman.Wayyaaneen dachee kana irraa ilaalcha qabdu wajjin baduu qabdi.Gobi dawwee! 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa