Tambeen guutummaatti too’atamte

 


Gammoojjiin Tambeen qondaaltoonni waayyaannee kanaan dura keessa dhokataniifi iddoo hojii jireenyaa taasisuun itti fayyadamaa turan guutumaafi guutuutti raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin too’annoo jala oolfameera.

Tambeen holqa shirtoonni keessa dhokachuu danda’an qabdi.Waayyaanneen sirna Darguu fonqolchuuf wayita fincilaa turtetti iddoo Tambeen jedhamu kana teessoo taasifachuudhaan itti fayyadamaa turte.Obbo Malas Zeenaawii dabalatee koreen jiddu galeessa TPLF wayita qabsoo hidhannoo iddoo kanatti waajjira keessatti hojjetan holqa keessa taasisuudhaan itti fayyadamaa turan.

Waggaa tokkoon dura Raayyaa ittisaa ajaja kaabaa irratti miidhaa suukaneessaa erga geessisanii boodas qondaaltoonni Waayyaanee fiiganii dhaquudhaan holqa kana keessa dhokatan.Ammaan booda garuu holqa kana keessa dhokachuun waan danda’amuuf miti.

Amma iddoon kuniifi naannawaan isaa too’annoo raayyaa ittisa Itiyoophiyaa jala galeera.Waayyaanneen gara itti baqattu dhabuudhaan raakamuudhaan burjaajoftee jirti.Lubbuun keessaa ba’uuf wixiffachaa jirti kan jedhamaa jiru sababa qabatamaan kanaan akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Tambeen moggaasa maqaa gara garaa qabdi.’Hagara salaam’jedhamuudhaanis beekamti.’Dagaa Tambeen’ jedhamuudhaanis waamamti.Haala qilleensaa baddaa waan qabduu akkana jedhamte ta’a.Akkaataa odeeffannoo ‘Wikipedia’irraa argameen Lakkoofsa manaafi ummataa kanaan dura taasifameen lakkoofsi jiraattotaa kuma kudhanuu kan ga’e miti. ‘Based on figures from the census in 2007, Hagere Selam had a total population of 8130, of whom 3702 were men and 4428 were women’

Waayyaanneen iddoo itti abdattu kana waan dhabdeef maraachaa jirti.Ibsi Getaachoo Raddaa kaleessa kenne Arrabsoofi  abaarsaan kan guutame kanaan ta’uu danda’a jedheen shake.’Shakkan Marqaa keessaa huuba hin dhaban’

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa