Waa’ee Finfinnee seenaan hin dagatu-Kutaa 3ffaa

 


Hagayya 30, 2014 Finfinnee (TW) dhimma Finfinnee irratti xiyyeeffate kutaa 2ffaan kan xummurame dhimma Finfinnee ilaalchisuun waan hedduu barreeffamee dhalootaaf taa’uu qabutu jira jechuudhaan ture.Dhimma Finfinneefi dararama Oromoo naannawa Finfinnee jiraatu irra waggoota hedduuf ga’e barreeffama gaggabaabaa miti kitaaba guddaa barreessuudhaanuu fixuun hin danda’amu.

Rakkoofi dararamni Ummata Oromoo irra ga’u akka itti fufuuf humnoonni barbaadan murtee daangaa bulchiinsaa Finfinneefi godina addaa Naannawa Finfinnee yoo balaaleeffatan ija keenyaan aggarre,gurra keenyaanis dhageenye.Fireew Maashoo ykn.Daawud Ibsaa murtee seenaa qabeessa kana kan morman wayyaaneetti waan michoomeef,isaan wajjin firummaa cimaa waan qabuuf akka ta’e kutaa darbe keessatti bal’inaan isinitti himeen jira.

Humnoonni finxaaleeyyiin kanneen biroo Oromoo jibbanis murtee kana akka hin deeggarre ni beekama.Fakkeenyaaf finxaaleeyyiin Amaaraa maqaan Finfinnee ‘Bararaadha’jechaa turan murtee seenaa qabeessa kana akka hin deeggarre,inumaatuu murteen kun bilchina hooggansa jijjiiramaatiin darbuu isaatiin gadda cimaa keessa akka seenan inuma beekama.Isaan yeroo hunda gadda keessa haa jiraatan malee sababa miidhama namoota muraasaatiin ummanni bal’aan dararamuu hin qabu.

Utuu jennuu tibba kana sanadiin haarawaan wayyaaneen qopheessiteefi iccitiidhaan qabattee turte jalaa ba’eera.Sanda kana irratti akka ibsametti michummaan wayyaaneen ABO-Shanee wajjin qabdu daran cimuun akka hojjetamuuf qondaaltoonni wayyaanee waliigalaniiru.Waliigalteen isaanii kun maal mul’isa?

Dhimma Finfinnee wajjin wal qabsiisuudhaan ilaaluu dandeenya.Wayyaaneen michummaa ABO-Shanee wajjin qabdu cimsuu kan barbaadde Shaneen Farda wayyaaneen yaabbattee ittiin guluftu waan taateef akka ta’e ni beekama.Shaneen maqaa Saba Oromoo qabachuudhaan sochootu saamicha Wayyaaneen tooftaa adda addaatiin raawwattuuf haala mijeessiti.Akkuma kanaan dura Dh.D.U.O qabatanii qabeenya Oromoo saamaa turan amma ammoo ABO-Shanee qabatanii Oromiyaa saamuuf tooftaa haarawa fidatanii dhufan.

Qabeenyi lafaa Oromoon Finfinneetti qabu akkuma kanaan duraa sababa adda addaa uumuudhaan saamamuu kan danda’u wayyaaneen Shanee michuu taasifachuudhaan socho’uu yoo dandeessedha.Kanaaf akka haala mijeeffatte beekuun barbaachisaadha.Dhimma sanadichaafi ergaa guutuu sanadichi qabu ilaalchisuun barreeffama biraa qabadheen dhufa.Asirratti kaasuu kanin barbaade wayyaaneen akkuma barte weerara  marsaa 3ffaa eegalteen tarii taayitaa yoon qabadhe jechuudhaan ejjennoo qabattee jirtu akka hubachuu dandeessaniifidha.

Weerarri marsaa 3ffaa wayyaaneen jalqabde murteen seenaa qabeessi dhimma daangaa bulchiinsaa Finfinnee irratti murteeffame hatattamaan akka hojiirra hin oolleef gufuu akka hin taaneef of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu qaba.Wayyaaneen ajandaan guddaan Oromoon Finfinnee irratti qabu akka dagatamuuf fedhii ol’aanaa qabdi.

Wayyaaneen dhimmi daangaa bulchiinsaa Finfinnee addaan baasuus dagatameeu akka turu barbaaddi.Murtichi hojiirra utuu hin oolin yoo ture tarii yoo naaf milkaa’ee taayitaatti deebi’e akkuman baren qabeenya lafaa Finfinnee akkan barbaadetti dhorkaa tokko malee saameen kaanis saamsisa jettee yaaddi.Shiraan deemuuf muuxannoo bara dheeraa qabdi waan ta’eef gama kanaan kan dorgomuun hin jiru.

Hundumaafu wayyaaneen wanti yaaddeefi karoorfatte kan hojiirra ooluuf akka hin taane hubatamaa jira.Raayyaan ittisa Itiyoophiyaafi humni qindaa’aan Naannoo Amaaraafi Federaalaa wayyaaneen gatii ishiif malu akka argattu taasisuudhaan adabbii argachuu qabdu kennaafii jiru.Da’oon iddoowwan adda addaatti konkiriitiidhaan ijaarratte gootota Itiyoophiyaatiin jalaa caccabeera.Daakuun gargaarsaan goftoliin ishii erganiifis bool’a da’oo hidhattoonni wayyaanee qotan keessatti baay’inaan argamaa jira.Gargaarsa ummata Naannoo Tigraay beelaan miidhameef dhufe wayyaaneen hidhattoota ishii sooruudhaan taayitaatti deebi’uuf weerara marsaa 3ffaa bante.’Yaa gowwaa siduubaan bowwaa’jennaan.

Wayyaaneen caccabdee jirti.Akka lammata deebitee ka’uu hin dandeenyetti caccabaa jirti waan ta’eef haalli taayitaatti deebitee qabeenya lafaa Finfinnee saamuu ittiin dandeessu gonkumaa hin jiru.Ajandaan wayyaanee barbadeessuu yeroo gabaabaa keessatti erga xumura argatee booda murteen daangaa bulchiinsaa Finfinnee seenaa qabeessa ta’es mamii tokko malee hojiirra oolfamuudhaan ummanni bal’aan kan irraa fayyadamu ta’a.Kutaa itti aanuun walitti deebina.Fayyaa ta’aa!

 

 

 

 

 

 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa