Ergamtuun diina alaa wayyaaneen gatii ishii argachaa jirti
Fulbaana 05,2015 Finfinnee,(TW)Humnoonni
alaa keessumattuu kanneen Itiyoophiyaan misooma diinagdeetiin akka hin
guddanneefi akka quucartee haftu barbaadan yoomillee ta’u Itiyoophiyaan
tasgabbiidhaan akka jiraattuuf gonkumaa hin barbaadan.Fedhiin isaan Itiyoophiyaa
jeequuf qaban akka galma ga’uuf tooftaa kamittiyyuu fayyadamuudhaan Nagaan Itiyoophiyaa
akka boora’u ummanni Itiyoophiyaa Nagaadhaan jiraatee hojii misoomaafi guddinaa
irratti akka hin xiyyeeffanne taasisu.
Biyyi
Misir ykn.Gibtsi jedhamtu Itiyoophiyaan guddina diinagdee akka hin
galmeessifneef shiroota hedduu shiruudhaan hojiirra oolfachuu dandeessee jirti.Adda
durummaadhaan kan ka’uu danda’us kallattiidhaan dhufuu utuu hin taane egamtoota
baandaa ta’uudhaan biyya gananitti fayyadamuun badii lakkaa’amee dhuma hin
qabne geessiftee jirti.
Itiyoophiyaan
guddina diinagdee galmeessuu yoo dandeesse qabeenya uumamaa Lageen qabdu
hidhuudhaan Bishaan Laga Abbayyaa gara ishiitti akka hin yaane taasisuudhaan numiidhu
dandeessi jechuun qondaaltoonni biyyattii rakkoo of ittummaa ol’aanaa keessa
waan jiraniif sochii guddinaa Itiyoophiyaan taasiftutti gufuu ta’aa turaniiru.Gufuun
isaan uuman ammas akkuma itti fufetti kan jiru ta’uunsaa ni beekama.
Dhiibbaan
Gibtsi Itiyoophiyaa irratti taasiftu waggoota kudhanii asitti daran dabalee
jira.Sababiin guddaan hidha guddicha haaroomsa Itiyoophiyaati.Ijaarsi hidha
kanaa gufatee akka hafuuf qondaaltoonni Gibtsi waan danda’an hunda
raawwataniiru,gadi bu’aniiru, ol ba’aniiru.Hojiiwwan diippiloomaasii bu’aa
argamsiisuuf hedduu hojjetaniiru.
Gibtsi
keessumattuu waggoota afurii asitti diigumsa Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffachuudhaan
sochii bal’aa taasiftee jirti.Garee shororkeessaa TPLF taayitaa Itiyoophiyaa
bulchuu irraa qabsoo ummataatiin waggoota afuriin dura fonqolfamuuf dirqametti
fayyadamuudhaan Itiyoophiyaan Nagaa waaraa akka dhabdu,hojiiwwan misoomaafi
guddinaa irratti xiyyeeffachuu akka hin dandeenyeef gufuu taatee jirti.
Garuu
qondaaltoonni Gibtsi kanaan duraas ta’an kanneen amma jiran hammeentaa
barbaadaniin bu’aa garaa isaan ga’u galmeessisuu hin dandeenye.Amma gara abdii
kutachuutti waan dhiyaatan fakkaata.Keessumattuu guutiinsi Bishaanii marsaa 3ffaa Hidha Guddicha Haaromsa
Itiyoophiyaa milkaa’inaan erga xumuramee booda xiqqoo adabachuu hin ooltu.Shirri
karaa ergamtoota ishiitiin raawwattu garuu sochii gareewwan shororkisitoonni
taasisaniin akkuma itti fufetti kan jiru ta’uunsaa ni beekama.
Diinoonni
Itiyoophiyaa dhiyoofi fagoo irra jiran wayita kanatti biyya keenya Itiyoophiyaa
irratti maalif akka xiyyeeffatan hubachuun barbaachisaadha.Itiyoophiyaan teenya
kanaan dura bittaa koloneeffannoo humnoonni alaa barbaadan gootummaadhaan
ofirraa qolachuudhaan ardii Argrikaatiif fakkeenya taate.Ummata
gadaantummaadhaan humna alaatiif bulu hin qabdu.Ummanni Itiyoophiyaa hooggansa
cimaa yoo argate ammoo biyyasaa tajaajiluuf wanti qusatu tokkollee hin jiru.Haqa
kana diinoonni Itiyoophiyaa sirritti xiinxaluudhaan beeku.
Waggoota
afuriin duratti wayita wayyaaneen Itiyoophiyaa bulchaa turte Nagaan Itiyoophiyaa
akka hin boorofneef biyyaaleen lixaa deeggarsa ol’aanaa taasisaa turan.Keessumattuu
gochoota shororkeessitootaa ittisuuf deeggarsa qabatamaa akka taasisaan turan
beekamaadha.Waggoota afran darban keessahoo maaltu taanaan warri lixaa harka
deeggarsaa hiixachuu didan?
Hooggansa
biyyaaf hojjetutu qabsoo cimaadhaan dhufe.Muummichi Ministiraa Dr.Abiy Ahmad
taayitaa biyya bulchuu qabatan.Taayitaa erga qabatanii booda caasaan saamichaa
wayyaaneen diriirsite akka kukkutamu taasisan.Caasaan saamichaa akka kukkutamu
taasisuun ammoo daandiin saamichaa akka cufamuuf haala mijeesse.Sababa kanaan
humnoonni alaa qabeenya Itiyoophiyaa saamuu baran xiiqii keessa seenan.Xiiqauudhaanis
mala Dr.Abiy taayitaa irraa ittiin bu’u barbaadan.Fagoo hin deemne.Ergamaan
isaanii wayyaaneen utuu jiruu maalif dhiphatuu?
Wayyaaneen
keessa beekettiidha.Waggoota 27’f abbaa irree ta’uun Itiyoophiyaa bulchite.Waan
hundumaa gochuu akka dandeessu beeku waan ta’eef wayyaanee abdatanii ergamtuu
taasifachuun itti fayyadaman.Qondaaltoonni wayyaanee duruu baandaa waan ta’aniif
akkaataa biyya ittiin gurguran beeku.Karoorfatanii ka’an.Kallattii adda
addaatiin Nagaan akka boora’u taasisan.Ergamtoonni Gibtsiifi warra lixaa
ergamtoota biyya keessaa qopheeffatan.Kanaaf ammoo adda durummaadhaan ABO-Shanee
argatan.Yaabbatanii Oromiyaa keessa ittiin gulufuuf ABO Shanee kan caalu akka
hin jirre duruu sirritti beeku.
Ergmaatu
ergamaa argate.ABO-Shaneen ergamtuu wayyaanee ta’uudhaan Nagaan Oromiyaa akka
boora’u hojiin misoomaa akka dhaabbatu taasifte.Qindoomina Shaneen wayyaanee
wajjin uumteen qonnaan bultoonni Oromiyaa godinaalee gara garaa keessa jiraatan
qotatanii jiraachuu dadhaban.Namni biyyum isaa keessatti nagaadhaan ba’ee
nagaadhaan galuu dadhabe.Shitaan dhokattee miidhaa geessiftu iddoo adda
addaatti bosona keessa dhokachuudhaan ummata bal’aa miite.
Miidhamni
ummataa kun akka dhaabbatuuf hooggansi Itiyoophiyaa amma jiru carraaqqii hin
qusatamne taasiseera.Ummata shiftoonni iddoo jireenyaa irraa buqqisan qayee
jireenyaatti deebisuu dabalatee rakkooleen mudatan hundumtuu fala akka argataniif
sochiin bal’aan taasifameera.Kanaanis jiraattoonni kumaatamaan lakkaa’aman
qayee diinni irraa buqqisetti deebi’uudhaan jiraachuu jalqabaniiru.
Amma ergamtuun
diina alaa wayyaaneen gatii ishii argachaa jirti.Shira shirtuun hanga tokko bu’aa
waan argatte itti fakkaatee irra deddeebiidhaan Naannoo Amaaraafi Affaar
weerarte.Fulbaana 18 bara 2014 weerara marsaa 3ffaa erga raawwattee booda waan
ta’aa jirtu,miidhaa irra ga’e dhaloonni Naannoo Tigraay waraana kaayyoo hin
qabneen akka dhumaa jiru qabatamaan mul’ateera.Kana ammoo ibsa Getaachoo Raddaafi
Taaddasa Warrada yeroo adda addaatti kennan irraa tilmaamuun haala qabatamaan
jiru hubachuun waan nama rakkisu miti.
Ergamtuun
diina keessaa ABO-Shaneenis barbadooftee jirti.Wixiffannaan bakka-bakkaa mul’ifu
jira hin duune jechumaafi malee erga duutee turtee jirti.Shaneen kan duute
wayyaanee diina ummata Oromoo ta’etti akka michoofte erga beeksifattee
boodadha.
Reebicha
cimaa Raayyaan Ittisa Itiyoophiyaa irraan ga’een Shaneen maqaa Oromoo
balleessiteefi Saba Oromoo irratti miidhaawwan suukaneessaa ta’an geessifte
amma gatii hin qabdu.Silaayyuu shitaan bosona keessa dhokachuudhaan riphxee
miidhaa geessiftu gatii maal qabdii?Kanneen bosona keessa luuxuudhaan waan
jiran of fakkeessanis qulqulleeffamaa jiru waan ta’eef ergamtuun diina alaafi ergamtuun
diina keessaa ammaan booda bu’aan galmeessifachuu danda’an hin jiru.
Ergamtoonni
lamaan Itiyoophiyaa diiguu akka dhadhaban wanti qabatamaan mul’isu shororkeessaan
alaa al-Shabaab karaa Naannoo Sumaaleetiin gara Itiyoophiyaa akka seenuuf
carraaqqii taasifamedha. al.Shababis gatii isaaf malu argachuudhaan akka deebi’e
ni beekama.
Amma
diinoota alaatiif maaltu wayyakaa?Akkam ta’uudhaan Itiyoophiyaa
jilbiinfachiisuu danda’uu?Wayyaaneen itti abdatan jalaa rukutamaa jira.Inumaatuu
lubbuun keessaa ba’uuf wixiffachaa akka jirtu kunoo qabatamaan mul’ateera.Watwaata
qondaaltoota wayyaaneetu haala qabatamaan jiru mul’ise.Mootummaan Itiyoophiyaa
birmadummaa biyyaa irratti qoosaan hin jiru adabadhaa jechuun tarkaanfii duuba deebii
hin qabne fudhachaa jira.Gobi dawwee!Waan dubbiftaniif fayyaa ta’aa! Yaada kennuuf email:brehuri1@gmail.com
አስተያየቶች
አስተያየት ይለጥፉ