Amboo gara galgalaa……


Ummanni Amboo jaalala.Jaalala maaltu jibbaa?kanaaf Amboon jaallatamaadha.Jaalatamummaan Ummata Aboofi naannawashee kaleessa ifatti dirree irratti mul’ateera.
Amboon jiddu gala godina Shawaa lixaati.Ummanni godina Shawaa lixaa ammoo goota.Gootummaan Ummata kanaa yeroo adda addaatti qabatamaan mul’ateera.Amboofi naannawaanshee yeroo tokkollee cunqursitootaaf akka hin jilbiinfanne diddaadhaan mul’ateera.
Diddaan Amboofi naannawashee Oromiyaa maratti faca’ee Oromoo hunda qabsoodhaaf kakaasuudhaan gama hundaan jijjiiramni akka argamu taasiseera.Gaaffiin biyya hoogganuu Oromoo hundaan kanaan dura ka’aa ture amma deebii quubsaa argateera.Bu’aan kun kan galmeeffame qabsoo obsa fixachiisaa yeroo adda addaatti taasifameen akka ta’e ni beekama.Qabsoo kana keessatti kan Amboofi naannawashee dabalatee ummanni Oromoo hundi hirmaateera,Sabaafi sab-lammoonni hedduunis qooda keessaa qabu.
Qabsoo amma bu’aa galmeessiseef shoorri ummanni Amboofi naannawashee galmeessise ammoo asii hanga asiitti jedhamee kan himamuu danda’u miti,daran ol’aanaadha,kana ammoo jechaan ibsuun rakkisaa ta’a.

Hundumaafuu injifannoo qabsoo booda galmaa’eef jiraattoonni Amboofi naannawashee kaleessa haala ho’aa ta’een gammachuusaanii ibsataniiru.Dinqisiifannaa hooggansa haarawaaf qabanis dirreetti ibsaniiru,Kabaja guddaa qabanis naamusa ol’aanaadhaan mul’isaniiru.Amboofi naannawaanshee ashuu baga gammaddan!
Gammachuun keessan gammachuu Oromoota hundaati!Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa haarawaan Dr.Abiy Ahmad qondaaltoota mootummaa Naannoo Oromiyaafi Federaalaa wajjin ta’uudhaan kaleessa gara Amboo’tti imaluudhaan dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.Adeemsa gara fuulduraa ummanni hordofuu qabu irrattis kallattii sirrii kaa’aniiru.Gara duubaa yaaduu dhiifnee madaa hooquu dhiifnee fuulduratti haa deemnu injifannoo itti aanuuf imala keenya haa cimsinu jedhaniiru Dr. Abiy dhaamsa dabarsaniin.
Imalli Dr.Abiy gara Ambootti taasisan kan Jigjigaatti aanee isa lammaffaadha.Waltajjiiwwan Jijigaafi Amboo irratti ajandaan ol’aanaan muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad Nagaadha.Nagaan bu’ura waan hundaa waan ta’eef kan Nagaa dursu  jiraaree?Kan Nagaa dursu gonkumaa hin jiru.
Akka himamaa jirutti Jimaata boruu ammoo Dr. Abiy Maqaleetti argamuudhaan ummata naannoo Tigraay waliin mari’atu, kanaanis shira koontroobandistootaatti bishaan dhngalaasu.Itti aansuudhaanis gara Naannoo Amaaraa deemu jedhameera.Sochiin kun hundi taasifamaa kan jiru Nagaa buusuudhaafi.Mufattoonni karoorri badii jalaa fashalaa’e nagaan akka boora’u taasisuuf carraaqqii gochuu irraa duubatti waan hin jenneef dura Nagaa buusuuf socho’uun murtee sirriidha.Nagaan amansiisaa erga ta’ee booda tarkaanfiiwwan fudhataman ammoo walumaan kan ilaallu ta’a.Dhimmi misoomaafi Demokraasii ajandaa itti aanu akka ta’u tilmaamuun ni danda’ama.Nagaa,Misoomaafi Demokraasiin utubaawwan gurguddoo sirna keenyaa akka ta’an dagatamuu hin qabu!

Hub:Barreeffamoota fuula kana irratti argaman hunda dubbisuuf gubbaa irraa"Diinni diina caalu hiyyummaadha" mata duree jedhu cuqaasaa.
Hirmaannaa taasiftaniifi barreeffamakoo irratti yaada kennitaniif akkasumas like waan jettaniif galatoomaa,hirmaannaan keessan cimee itti haafufu.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman