Simannaa Maqaleetti muummicha ministiraa haarawaaf taasifame

Muummiichi ministiraa haarawaan Dr. Abiy Ahmad har'a ganamadha xiyaaraan gara Maqaleetti kan qajeelan.Kaayyoon imalasaanii maree dhimma nagaa irratti xiyyeefachuun tibbana Jijigaafi Ambootti qaamolee hawaasaa gara garaa waliin taasisan haaluma walfakaatuun qaamolee hawaasaa gara garaa Magaalaa Maqaleefi naannawashee waliin taasisuudha.
Maarree buufata xiyaaraa Maqalee Aluulaa Abbaa Naggaatti kunoo haala kanaan simataman.
Itti aanaa pireezidaantii Naannoo Tigraay ta'uun dhiyeenya kan filataman Dr.Dabratsiyoon Gabramikaa'eel daraboota isaanii waliin ta'uun haala kanaan muummicha ministiraa haarawa Dr.Abiy Ahmad simataniiru.Yeroon badii darbee yeroon gaariin yoo dhufu kunoo akkana.
Muummicha ministiraa haarawaan turtii Maqaleetti taasisaniin dhimma waliin wajjinii irratti yaada bal'aa kennu.Qaawwii koontiroobandiistoonni faayidaa ofii eegsifachuuf jecha Ummata Tigraayiifi ummattoota biyyattii biroo walitti ittiin buusaa turanis haasawa Dr.Abiy taasisaniin qullaatti hafa.Dr.Abiy haasawa Maqaleetti taasisaniin Itiyoophiyaa Tigraay malee Tigraay ammoo Itiyoophiyaa malee yaaduun gonkumaa hin danda'amu jedhaniiru.
Haasawaan Dr.Abiy Ahmad Afaan Tigraawaayiin dhageessisan dinqisiifatamaa jira.Oromoo hunduma keessaa qabna maal keessaa nudhabanii?


Hub:Barreeffamoota fuula kana irratti argaman hunda dubbisuuf gubbaa irraa"Diinni diina caalu hiyyummaadha" mata duree jedhu cuqaasaa.
Hirmaannaa taasiftaniifi barreeffamakoo irratti yaada kennitaniif akkasumas like waan jettaniif galatoomaa,hirmaannaan keessan cimee itti haafufu.



አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman