Ministiroota haarawa muudaman


Muummee ministiraa Dr Abiy Ahimad muudama ministiroota 16 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessanii sagalee guutuudhaan raggaa’eef.


Ministiroota kanneen keessaa 6 kan bakki geeddarameef yoo ta’an 10 ammoo haarawaa akka ta’an beekameera.Akaatuma kanaan:
1.Obbo Shifarraaw Shugguxee Walaasaa; ministira Ministeera Qonnaa fi Qabeenya Beelladaa,
2.Obbo Siiraaj Fageessaa Sharafaa ministira Ministeera Geejibaa,
3.Dooktar Hiiruut W/maaryaam ministira Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa,
4.Ambaasaaddar Tashoomaa Togaa ministira Ministeera Dhaabbilee Misooma Mootummaa,
5/Obbo Umar Huseen sadarkaa ministiraatti daayreektara Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Guumruuka Itiyoophiyaa
6.Aadde Ubaah Mahaammad Huseen ministira Ministeera Qunnamtii fi Infoormeeshinii,
7.Dooktar Ambaachaw Makoonnan Sisaay ministira Ministeera Indaastirii,
8.Obbo Mootummaa Maqaasaa ministira Ministeera Ittisaa,
9.Aadde Fooziyaa Amiin Aliyyii ministira Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii,
10.Obbo Ahimad Shidee Mahaammad ministira itti gaafatamaa Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Federaalaa,
11.Obbo Jaanxilaa Abbaay Yigzaaw ministira Ministeera Misooma Magaalaa fi Manneenii,
12.Obbo Mallasa Alamuu Erbooroo ministira Ministeera Albuudaa fi Inarjii,
13.Obbo Birihaanuu Tsaggaayee Abbaa Alangee Federaalaa,
14.Aadde Yaalam Tsaggaayee Asfaaw ministira Ministeera Dubartootaa fi Daa’immanii,
15.Obbo Malaakuu Allabal Addis ministira Ministeera Daldalaa,
16.Dooktar Amiir Amaan ministira Ministeera Eegumsa Fayyaa ta’uudhaan akka tajaajilaniif mana maree bakka bu’oota ummataatiin sagalee guutuudhaan muudamaniiru

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman