Torban gammachuu keessa jirra!


Ummanni biyyattii hundi keessumattuu nuti Oromoonni gammachuu ol’aanaa keessa jirra.Gammachuu qabnu kana dhoksuun hin danda’amu mira gammachuu nutti uumames dhoksuun hin barbaachisu.Gammachuu kanaaf kan geenye maal keessa dabarree akka ta’e sirrtti beekna waan ta’eef,sadarkaa barbaachisaa ta’eefi naamusa gaarii hordofeen gammachuu keenya ibsachuun barbaachisaadha.Maalif gammanne?Muummicha ministiraa saba bal’aa Oromoo keessaa ba’etu hoogganaa biyya guddittii qabnu kanaa nuuf ta’ekaa!

Kabajamaa muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmad wiixata darbe Bitootessa 24 bara 2010 mana maree bakka bu’oota Ummataatti dhiyaatanii muudamuun waadaa erga seenanii booda haasawa seena qabeessa dhimmoolee biyyaafi qaamolee hedduu irratti xiyyeeffachuun taasisan irratti qaamoleen hawaasaa gara garaa yaada ijaarsaa kennaa jiru.
Lammiiwwan biyyattii hojiiwwan gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuudhaan bilisa ta’uudhaan yaadawwan kennaa jiran hooggansi bakka bu’e hojiiwwan itti aananiifi murtee dabarsuuf bu’ura ta’ee akka tajaajilu ni amanama.
Namni waa’ee biyyaa yaadu hundumtuu  torban kana maalif gammadde?maaltu sigammachiise jechuun utuu gaafatamee akkuma ilaalchasaatti yaadawwan gara garaa kennuu akka danda’u tilmaamuun ni danda’ama.Akka ani amanutti lammiiwwan Itiyoophiyaa biyya keessas ta’e biyya alaa jiraatan mira gammachuutiin dubbachaa kan jiran Nagaan waan hundumaafuu bu’ura ta’e waan bu’eefi.Gara fuulduraattis Nagaan nuuf haa baay’atu!
Waggoota sadeen darban keessumattuu baatiiwwan muraasa darban keessa biyya keenyatti Naannoo keenya Oromiyaatti Nagaan waan boora’eef yaaddoon nutti uumame maqfamee akka Naannoofi akka biyyaatti waa’ee tokkummaa,waa’ee abdiifi carraa gara fuulduraa dubbachuufi yaada wal jijjiiruu eegallee jirra.Kun waan gaariidha.Wanti gaariin kamiyyuu nun hanqatin!Wanti gaariin nuhundumaaf haa baay’atu!
Akka lammiitti wanti hawwinu hundumtuu milkaa’ee galmasaa ga’ee gammachuun arganne itti fufuu kan danda’u hooggansa haarawaa maddii hiriiruudhaan damee hojii itti bobbaane hunda irratti dirqamaafi itti gaafatama qabnu yoo ba’annu qofa akka ta’e hubachuun dhimma yeroon kennamuuf miti.
Ammaan booda sababoota adda addaa tarreessuudhaan adeemsa gara duubaatti wal harkisuu maqsuutu nurraa eeggama.Maalifan akkana jedhe seetan? Gabaasa sab-quunnamtiilee tokko tokkoo irratti wantoonnin taajjabe waan jiraniifi.Yeroon kan mufattoota itti keessummeessinuufi mirasaanii ittiin eeganu miti.
“Muummichi ministiraa haarawaan hooggansa waloomaatiin ala dhimma kamirrattuu murteessuu hin danda’an”Kana jechuun maal jechuudhaa? Dhimmooleen hooggansa waliiniitiin murtee argatan akkuma jiran muummichi ministiraa haarawaan akkaataa taayitaa Ummattoota Itiyoophiyaafi heera mootummaatiin kennameefiin dhimma fayyadamtummaa ummataa kamirrattuu murtee dabarsuu akka danda’an amanamuu qaba.
Lammiin,namoonni dhuunfaaniifi qaamoleen kana amananii  fudhachuu dadhaban hundi jijjiirama hooggansaa argame fudhachuu kan hin barbaanneefi gufuu jijjiiramaa waan ta’aniif lammiiwwan maqaa gaariin biyya keenyaa akka deebi’u feenuufi hawwinu hundi qaamni dogongore gara kallattii sirriitti akka deebi’u taasisuutu nurraa eegama.
“Kan beekaa rafe dammaqsan hin dadhaga’u”akkuma jedhamu nama beekaa ejjennoodhaan jijjiirama mula’te gufachiisuuf socho’u seera malee gorsi dhaabuu hin danda’u waan ta’eef gama kanaanis ol’aantuummaan seeraa akka kabajamuuf hojjechuu qabna.
Yoo haala kanaan dirqama qabnu baane mirri gammachuu torban kana mul’ifne dachaa ta’ee itti nuufufa.Muummichi ministiraa haarawaan kabajamaa Dr.Abiy Ahmad haasawa seena qabeessa taasisaniin akka mirkaneessanitti dhimma biyya keenyaa kamirrattuu gamtoofnee tokko ta’uudhaan waliin yoo dhaabbannu rakkoon nuti hinfurre hin jiru.

Hub:Barreeffamoota fuula kana irratti argaman hunda dubbisuuf gubbaa irraa"Diinni diina caalu hiyyummaadha" mata duree jedhu cuqaasaa.
Hirmaannaa taasiftaniifi barreeffamakoo irratti yaada kennitaniif akkasumas like waan jettaniif galatoomaa,hirmaannaan keessan cimee itti haafufu.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman