Haasawa pireezidaant Lammaa Magarsaa Ambootti tibbana dhageessisan


Sirna Simannaa Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad Muummicha Ministeera Mootummaa Rippaablika Dimokraatawaa Federaalaa Itoophiyaa Ilaalchisee
Haasaa Kabajamoo Obbo Lammaa Magarsaa Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatin Taasifame
Ebla 3/2010
Amboo
Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad
Muummicha Ministeera Mootummaa Rippaablika Dimokraatawaa Federaalaa Itoophiyaa,
Kabajamtoota Hoggantoota Ol’aanoo Federaalaa fi Naannoo,
Kabajamtoota Ummata Magaalaa Amboo fi Naannoo Ishee Sirna Kanaratti Argamtan
Hunda dura, guyyaa seenaa qabeessa kana guyyaa ummanni Oromoo fi Dhaabbanni keenya, Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo ergama ittigaafatamummaa biyya hogganuu hiree itti argatee fi seenaa biyya keenyaa nuusa jaarraa keessatti Muumicha Ministeera keenya sirna simannaa irratti argamee haasaa taasisuuf carraa argachuu kootiif gamachuun natti dhaga’amu dangaa hin qabu.
Itti aansuudhaan, Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad Dura Taa’aa Adda Waqqaaqsa Dimokraatawaa Ummattoota Itoophiyaa fi Muummicha Ministeera biyya keenyaa ta’uun filatamuun injifannoo saba Oromoo fi saboota, sablamootaa fi ummattoota Itoophiyaa hundaa waan ta’eef, ummata Oromoo, saboota, sablammootaa fi uummattoota Naannoo fi Itoophiyaa hundaan baga gammaddan jechuun barbaada.
Kabajamoo Dr.Abiy Ahimad Muummicha Ministeera Mootummaa Rippaablika Dimokraatawaa Federaalaa Itoophiyaa baga gara Naannoo keenya Oromiyaa, magaalaa seena qabeetti Ambootti nagaan dhuftan jechuun barbaada.
Kabajamtoota Hirmaattoota Sirna Kanaa
Dhaabbanni keenya, Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoo, bu’aa qabsoo bara dheeraa Ummatni Oromoo jaarraa tokkoof taasiseen kan dhalte, ummata Oromoo keessatti kan guddatee fi bu’aa cululuqaa ta’ee galmeessisaa jiru ta’uun isaa ifa galaadha.
Kanaanis, dhaabbanni keenya akkuma hundaa’een sirna abbaa irree Darguu akka barbaaduuf gahee isaa tapha’uun barbadaa’uu sirnichaa booda, waggootan 27 dabranitti Oromiyaa keessatti injifannoon gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi nageenyaatin akka galmaa’u gahee hogganummaa isaa taphateera.
Bu’aa argame kanarraayyis ummatni Oromoo fi sabaa fi sablammoonni naannoo keenyaa dhandhamataa jiru. Kanaanis, dhaabanni keenyaa yeroodha gara yerootti ummata Oromoo bal’aa biratti fudhatama argataa fi guddataa dhufuu danda’eera.
Haa ta’u malee, imaammata sirnoonni dabran hordofaa turaniin biyyi keenya boodatti kan hafte, waraana, hiyyummaa fi gadadoo kan saaxilamte waan turteef, rakkoolee kanneen keessaa yeroo gabaabaa keessatti furuun rakkiisaa akka ta’u eenyuyyuu kan haaluu miti.
Kanarraa ka’uudhaan, fedhii hawasaa dabalaa fi guddachaa deemuu guutuu dhabuun, rakkoon bulchiinsa gaarii hundeerraa hiikuu dhabuun, malaammaltummaan dagaaguu fi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkanneessuu irratti rakkoon waan tureef ummanni keenya dhaaba fi mootummaa isaa irratti mufii fi komii qabu waggoottan sadeen dabre ifatti ibsee jira.
Kabajamtoota Hirmaattoota Sirna Kanaa
Dhaabbanni keenya, Dhaabbanni Dimokraatawaa Ummata Oromoos mufii fi komii ummata bal’aa irraa ka’aa jiran kanneen karaa bilchina qabuun xiinxaluudhaan tarkaanffii adda addaa fudhataa tureera.
Kanaanis, dhaaba fedhii fi gaaffii ummata Oromoo deebisuu fi imaanaa ummataa baachuu akkaa danda’uuf of-haaromsuun dhaabbata kallacha ummataa ta’ee akka ba’uuf xaarii fi ifaajjjiin taasifame akka laayyootti kan ilaalamuu miti.
Har’a dhaabbanni keenya, Dh.D.U.On dhaaba mootummaa Naannichaa hogganu qofaa osoo hin taane, dhaaba AWDUI fi biyya gaggeessuuf ga’uumsa horateen yeroo gabaabaa keessatti fudhatamaa fi beekamtii ol’aanaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa irraa argachuu danda’eera.
Yeroo ammaa kanatti, kaabaa hanga kibbaa, bahaa hanga lixaatti nageenyi bu’ee jira. Hawaasin fuula isaa hojii isaa idileetti deebifatee jira. Dhaabbileen siyaasaa morkattootaallee osoo hin hafin, abdii isaa dhaabaa keenya akka ta’e ibsuurratti argamu.
Walumaa galatti, dhaabbanni keenya, AWDUI fi biyya gaggeessuuf hireen argame kun, gama tokkoon ummanni Oromoo gaaffii yeroo dheeraa gaggeessummaa biyyaa nuuf haa kennamu jedhu kan deebii itti argate yoo ta’u, gama biraatiin amantaan saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyya keenyaa Dh.D.U.On biyya gaggeessuuf ga’uumsa akka qabu ifatti mirkaneessee jira.
Kabajamoo Keessummaa Kabajaa,
Kabajamtoota Hirmaattoota Sirna Kanaa,
Masaraan Daalattii (Arat Kilo) Oromoorraa fagaatee ture, aangoon biyyichaa Oromoof dugda gara-glfatee ture, kan kalee kuunnoo jechaa turre har’a, qabsoo Ummata Oromoo fi qabsoo saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyya keenyaa taasisaniin nu harkatti galee jira.
Imaanaa fi ittigaafatamummaan saboonni, sablammoonni fi ummattoonni Itoophiyaa nutti laatan kun baayyee ulfaataa fi halkanii guyyaa kan irriiba nama dhoowu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.
Gama tokkoon, biyya keenya irratti fayyadamummaa wal-qixxummaan haqaa akka mirkanaa’u gochuun, gama biraatin immoo, guddina dinagdee fiduun jiruuf jireenya lammii biyya keenyaa fooyyeessun hojii manaa guddaa fuul dura keenya dhaabbatee jiruudha.
Seenaan biyyoota addunyaa kanaa akka dhugoomsutti, tumsaa fi deeggarsa lammiilee biyyaatin alatti namni tokko masaraa galuudhaan biyyi badhaaadhee fi guddate hin jiru. Mootummaan Imaammataa fi tarsimoo misoomaa baasuu ni danda’a. Garuu, kan hojiirra oolchu lammii biyyaa hundaati.
Waan kana ta’eef, dhimmi biyya keenyaa kan hunda keenyaa waan ta’eef ummatni Oromoo, saboonni, sablammoonni fi ummattoonni biyya keenyaa akkasumas dhimmi biyya keenyaa kan nu ilaallata jedhan hundi Muummicha Ministeera keenya fi dhaaba keenya cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachsu hunda akka taasistan dhaamsa koo dabarsuun barbaada.
Ummanni Oromoos akkuma aadaa fi duudhaa isaa Sirna Gadaatin gonfate ummattoota Naannoo keenya keessa jiraatani fi ollaa keenya jiran waliin nagaa, tokkummaa fi jaalalaan wal-wajjiin jiraachudhaan jijjiirama bu’uuraa gama misoomaa, dimokraasii fi nageenyaatin akka dhufuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun tumsa isini irraa eegamu akka taasisu waamicha koon dabarsa.
Mootummaa Naannoo keenyaa Dh.D.U.On hogganamus, nageenyi naannoo fi biyya keenyaa iddootti akka deebi’uu, rakkoon bulchiinsa gaarii akka hiikkatuu fi ol’aantummaan seeraa akka kabajamu waan irraa eegamu hunda akka bahu carraa kanaan irra deebi’ee waadaa isini galuun barbaada.
Dhumarratti, irra deebi’ee baga gammaddan, baga gammadne jechaa, Kabajamoo Dr.Abiy Ahimad Muummichi Ministeera biyya keenya ummata sirna simannaa kanarratti argamaniif haasaa akka taasisan kabaja guddaan nan affeera.
Injifannoon Ummata Oromoo fi Ummattoota Biyya Keenyaatiif!!
Kabajin Bara Baraa Wareegamtoota Qabsoo Keenyaatiif!!
Galatoomaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman