Haasawa dhama qabuufi hundaan deeggaramee jajame


Muummichi ministiraa haarawaan kabajamaa Dr.Abyi Ahmad har’a mana maree bakka bu’oota Ummataatiin erga muudamanii booda haasaan dhageessisan lammiiwwan biyyattiifi qaamolee adda addaatiin deeggaramee jajamaa jira.
Bottom of FormFayyadamtummaa fi walqixxummaa lammiileef ni hojjenna  jedhaniiru muummichi ministiraa Dr. Abiy Ahmad.
Dr.Abiy muummicha ministiraa biyyattii ta’uun tajaajiluuf waadaa erga seenaniin booda haasawa seena qabeessa dhageessisan kanaan taayitaa walii dabarsuun karaa nagayaatiin gaggeeffamuu isaatiif muummicha ministiraa duraanii obbo Haaylamaariyaam Dassaalany galateeffataniiru.

Addunyaan jijjiirrama biyyattii takkaa shakkiin takkammoo abdiidhaan ilaalaa turuu kan dubbatan Dooktar Abiy, dogoggora keenyarraa barannee egeree biyyattiirratti waliin hojjechuun walooma Ityoophiyummaa cimsuun murteessaadha jedhaniiru.
Rakkoolee nu mudachaa turan carraatti jijjiirree fayyadamuu abbootii keenyarraa barreerra kan jedhan Matammaa, Adwaa, Maayicawuu fi Kaarramaarraarratti abbootiin keenya injifannoon galmeessisan injifachuu akka dandeenyu ragaadha jedhan.
Tokkummaa fi jaalalaan rakkoo biyyattii ni hiikna; Ityoophiyaaf demokraasiin Gadaadhaan aadaa keenya.Jaarraa addunyaan demokraasii hin beeknetti demokraasii addunyaa barsiisaa turre.
Waloomaan hojjennee aadaa demokraasii gabbataa uumuuf ni hojjennas jedhan.
Tokkummaa fi demokraasii keenyaan garaagartee bareedaa keenya walii kabajnee tumsaan biyya teenya ni ijaarraan dhaamaniiru.
Ijaarsi sirna demokraasii waldhageettii barbaada.Ummannis mootummaadhaan dhaga’amuu barbaada. Kanaaf mootummaanis ummannis waldhageettiin, biyya waliin qabnu hirmaachisummaan ijaarsa demokraasii keenya itti fufna.
Mootummaan sochii fi yaada ofii ibsachuun karaa nagayaan akka ta’u ni hojjeta. Mootummaan obsuu barbaada, seera kabajuus, kabachiisunis dirqama jedhaniiru.
Ummanni seerri jiraachuu qofa osoo hin taane, haqni kabajamuufii barbaada. Seerri hunda kan walqixa kabaju ta’uutu irra jiraata.
Kanarratti fooyyessa taasisuuf waliigaltee fiduuf ni hojjetama jedhanii, gaanfi Afrikaa gaaffii fi fedhii addaa keessa jira kan dubbaatan muummichi ministiraa  Dooktar Abiy, Ityoophiyaanonni naannichatti tokkummaa isaanii eegsisanii akkuma turan ammas sanaaf ni hojjenna jedhan.
Ityoophiyaatti tokko saamee itti badhaadhee kaan hiyyummaatti akka hin kufne herreega durii buusurraa of qusachuu qabnas jedhan.
Diinagdee biyyattiirratti daldalli kallattii alaa amma yaadamu guddachuu dhabuu, idaan alaa fi qusannaan walgituu dhabuun biyyattiif rakkoolee jajjaboo turan jedhaniiru muummichi ministiraa kabajamoo Dr.Abiy Ahmad.
Oomishtummaan qonnaa sadarkaa ol’aanaatti ce’ee induustirii akka utubuuf hojjechuu, qulqullinni barnootaa akka fooyya’u, fayyadamtummaan lammiilee akka fooyya’u ni hojjetamas jedhaniiru.
Ijaarsa biyyattii keessatti dargaggeessaaf haalli mijataan kan uumamu ta’uu ibsanii, ga’eesaa akka ba’atuufis ni hojjetama jedhan.
Fayyadamtummaan Dargaggootaa fi Dubartootaa akka mirkanaa’uuf ni hojjennaanis waadaa galaniiru.

Muummichi Ministiraa Dr. Abiy Ahimad hirmaannaa paartilee siyaasaa cimsuun, ijaarsa sirna demokraasii keessatti gumaacha ol’aanaa akka qabaataniif akka hojjetamus waadaa galaniiru.
Mootummaa Eertiraa waliinis rakkoon jiru hiikkatee biyyoonni lamaan ollummaa fi ummanni biyyoota lamaaniis waliin jireenya isaanii akka cimsan ni hojjenna kan jedhan Dr. Abiy, mootummaan Eertiraas hariiroo gaarii nu waliin uumuuf akka hojjetu ni barbaanna jedhaniiru.Dr.Abiy kana malees dhimmoolee ittisa malaammaltummaafi kanneen biroo irratti xiyyeeffachuudhaan ergaawwan gurguddaa daabarsaniiru.
Egaa haasaan haala kanaan muummichi ministiraa haarawaan Dr.Abiy Ahmad dhimmoota hedduu irratti xiyyeefachuudhaan taasisan dhimma qaamolee hundaa kan tuqe waan ta’eef jajamaafi dinqisiifatamaa jira.Dhugumatti haasawa dhama qabuufi hunda biratti dhaga’amtummaa argatedha.
Haasawa seena qabeessa kana booda kan eegamu hojiirra oolma ergaa haasawa bal’aa kanaan darbedha.Lammiiwwan biyyattii hundi keessumattuu Oromoonni itti gaafatamaafi dirqama ol’aanaa qabu.Drqamaafi itti gaafatama keenya kan baanu akkuma Dr.Abiy hundan boonsan nus biyya keenyaafi Naannoo Oromiyaa boonsuuf xiiqiidhaan hojjechuutu nurraa eegama.
Kutannoodhaan yoo hojjenne malee jijjiiramni barbaadamu argamuu hin danda’u.Kanaaf kutannoodhaan hojjechuu qabna.Kan halaala dhaabbatee nutti kolfuufi quba nutti qabu akka jiru hubannoo xiiqaadhaan hojjechuun yeroonsaa  ammadha.Ilaalcha siyaasaatiin garaa garummaa qabaannus waa’ee Ummata Oromoofi biyya keenyaa irratti tokko taanee akka kanniisaatti hojjechuu qabna.Tokkommaan Saba Oromoo hooggansa haaromsaatiin uumames finiinee itti fufuu qaba.Yoo tokko taanee sochoonu wanti dhabnu akka hin jirre kunoo bu’aansaa yeroo gabaabaa keessatti mul’ateera.Fakkeenyi kana caalu hin jiru.


Hub:Barreeffamoota fuula kana irratti argaman hunda dubbisuuf gubbaa irraa"Diinni diina caalu hiyyummaadha" mata duree jedhu cuqaasaa.
Hirmaannaa taasiftaniifi barreeffamakoo irratti yaada kennitaniif akkasumas like waan jettaniif galatoomaa,hirmaannaan keessan cimee itti haafufu.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman