Deeggarsaafi waamicha Investimantii

Mootummaan Naannoo Oromiyaa abbootii qabeenyaa misoomowaa ta’an cinaa dhaabbachuun yeroo kamiiyyuu caalaa kan jajjabeessu ta’uu Prz. Lammaa Magarsaa himan

Abbootiin qabeenyaa qar. Mil. 29 ol lammiilee buqqa’aniif deeggarsa kennan
Mootummaan Naannoo Oromiyaa abbootii qabeenyaa misoomowaa ta’an cinaa dhaabbachuun yeroo kamiiyyuu caalaa kan jajjabeessu ta’uu Prz. Lammaa Magarsaa himan. Pirezidanti Lammaan kana kan ibsan kaleessa galgala wayita abbootiin qabeenyaa lammiilee qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’aniif deggarsa maallaqaa Waajjirasaanitti kennanitti.
Abbootiin qabeenyaa kubbaaniyyaa keke fi Easterni Industirial Zoonii, akkasumas Hawaasni Oromoo Magaalaa Dirree Dawaafi yunivarsiitii Siviil Sarviisii lmmiilee buqqa’aniif Qar. Mil. 29 ol deggarsa kennaniiru.
Abbaan Qabeenyaa Kubbaaniyyaan Keke Itti gaafatamnisaa murtaa’e obbo Katamaa Kabbadaa Lammiilee Oromoo Naannoo Sumaalee Itoophiyaarraa qabeenyaafi qe’eesaanirraa buqqa’aniif deeggarsa qar.miliyoona 15 arjoomaniiru. Abbaa qabeenyaafi hoji geggeessaan kubbaaniyyaa keke Obbo Katamaa Kabbadaa mana hidhaa Qaallitti keessa taa’aanii himannaasaanirratti hundaa’e hordofaa jiru.
Mootummaan Oromiyaa bu’uura waamicha deeggarsa dheheesseen dirqama lammummaa qaban bahuuf akkasumas dhiheenya kana nageenya biyyattiitti mul’achaa jiru waan isaan gammachiiseef deggarsa kana bakka jiranii kennuusaanii koreen maanaajimantii Kubbaaniyyichaa ibsaniiru.
Kana duras walitti bu’iinsa dogoggoraan jiraattota Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee keessatti uumameen abbootii Warraa14 jalaa manaafi qabeenyasaanii jalaa waan gubateef kubbaaniyyichi qar. Mil. tokkoo ol deeggaruusaa ibseera.
Bifuma wal fakkaatuun Naannoo Amaaraa Hara weerara Hombocii Xaanaarratti muudate balleessuuf qar. Mil. 15 deeggaruussaa bakka bu’aan kubbaaniyyichaa eereera.
Kubbaaniyyichi waggoota 40n darbaniif guutuu biyyattii sochii Invastimantii keessa galuun guddina biyyaa keessatti qoodasaa bahachaa ture cimsuun naannoo Oromiyaatti piroojektoota investimantii gurguddoo hojjechuuf fedhii akka qabus ibseera.
Keessumattuu Mootummaan Naannichaa xiyyeeffannoo carraa hojii dargaggootaaf uumuuf taasisu milkeessuuf kubbaaniyyichi muuxannoo kuufatee, humnaafi dandeettii raawwachiistummaa qabuun Piroojektoota gurguddoo ta’an diriirsuuf qophiidha jedhaniiru.
Bifuma walfakkaatuun Naannoo Oromiyaa Magaalaa Duukamitti kan argamu Kubbaaniyyaa Eastern Industirial zoonis lammiilee buqqa’aniif qar. Mil. 10 dabalataan deeggarsa kenneera. kana duras wayita lammiileen buqqa’anitti qar.Mil. 4 arjoomeera. Eastern Industirial Zooniin bara 2000 keessa Doolaara Amerikaa mil 200n abbaa Qabeenyaa biyya Chaayinaa M/r Luun kan dhaabbate yoo ta’u, hanga ammaatti Warshaalee garaagaraa 80 ta’an of jalatti qabatee hojjetaa akka jirus ibsameera. Namoota 14,000fis carraa hojii uumuusaa Itti aanaan Hoji geggeessaa kubbaaniyyichaa obbo Addunyaa Asnaaqaa himaniiru. M/r Luu Oromiyaa giddu gala Induustirii taasisuun carraa hojii bal’aa uumuuf fedhii guddaa akka qabanis ibasniiru.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiaa Obbo Lammaa Magarsaa deggarsa abbootiin qabeenyaa lammiilee buqqaatotaaf taasisan galateeffachuu Mootummaan naannoo Oromiyaa yoomiyyuu caalaa abbootii qabeenyaa kana duras turan dabalatee haaraa simachuuf xiyyeeffannoo kennuusaa mirkaneessaniiru. Naannichatti yeroo ammaa nageenyi mirkanaa’aa waan jiruuf fuula keenya gara misoomaatti deebisuun hojii Investimantii jajjabeessuun gahee irraa e
Hawaasni Oromoo Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatis lammiileensaanii wayita buqqa’anii eegalee hanga ammaatti qabeenya qaabanirraa deeggarsaa garaagaraa qar. Mil 37 olitti tilmaamamu deeggaruusaaniiibsaniiru. Ammas cheekii qar. Mil 4 sagantaa kanarratti karaa koree Hawaasa Oromoo Dirree Dawaatiin gumaachaniiru.
Hojjettoonni fi barattoonni Yuunivarsiitii Siviil Sarviisii Oromiyaatis qar. Kuma 100 sirna kanarratti karaa bakka bu’ootasaanitiin erganiiru.
 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman