Oromoodhaaf kunis injifannoo guddaadha!


Paartileen siyaasaa Oromoo maqaa saba Oromootiin qabsoofna jechuun socho’an waltajjii tokko irratti wal arganii mari’achuu jalqabaniiru.Kaleessa galma Aadaa Oromoo Finfinnee jirutti ODP dabalatee paartileen lakkoofsaan 14 ga’u jedhaman dhimma waloo irratti mari’ataniiru.
Mariin taasifame bu’a qabeessa ta’uusaa wantoonni mul’isan utuu hin turin ammuma mul’achaa jira.Dhaabbileen sababa tooftaa qoqqooduu diinaatiin gamaa gamana taa’anii wal gaarreffachaa turaniifi Ummata bal’aa Oromoos yaaddoodhaaf saaxilanii turan amma gara waltajjii tokko irratti walitti dhufanii mari’achuu jalqabaniiru.
Paartiileen Oromoo haala kanaan walitti dhufanii mari’achuu eegaluun tokkummaa Oromoo  daran jabeessuudhaan roorroo diinaa kallattii kamirraayyuu dhufu fashaleessuuf gargaara.

Keessumattuu Paartileen Oromoo amma haala kanaan dhimma Saba Oromoo irratti mari’achuu eegaluun isaanii shira diinaatiin rakkoo iddoo jireenyaa irraa buqqa’uu ummata keenyaatiifis furmaata waaraa fiduu danda’a.Diinni Oromoon akka miidhamuuf tooftaawwan adda addaatti fayyadamuudhaan socho’u gamtoomuu paartilee Oromoo kana yoo argu mataa gadi qabata,abdii kutata.
Oromoon amma abbaa biyyaa ta’ee biyya bulchaa jira.Mirgi abbaa biyyummaasaa harkasaa jira.Kun ammoo ifaajii hedduudhaan argame.Injifannoo kana eeguun kunuunsuun dirqama Oromoo hundaa ta’uu qaba.Oromoon gamtoomee waan socho’eef injifannoo addunyyaa  ajaa’ibsiise galmeessiseera.
Mariin paarileen Oromoo eegalan kun daran cimee akka itti fufuuf ODP’n fedhii guddaa akka qabu itti aanaa dura taa’aan ODPfi pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob.Lammaa magarsaa waltajjii marii kaleessaa irratti yaada kennniin mirkaneessaniiru.Mariin paartilee Oromootiin eegalame injifannoo dabalataati.Injiffannoo kana eeggachuuf ilaafi ilaameen aadaa Keenya ta’ee itti haafufu.
Walatajjiin marii kaleessaa akkuma xummurameen Obbo Lammaa Magarsaa,Obbo Daawud Ibsaafi Dr.Mararaa guddinaa waloon ibsa kennaniiru.ibsa kennameen sadeen maal jedhan laata?Wantoonni isaan ibsa kennaniin kaasan kanneenidha dubbisaa.
Ibsa sadeen kennan keessaa
ODP, ABO fi KFO'n haala nageenyaa tibbannaa naannoo Oromiyaa ilaalchisuun marii jaarmiyaalee siyaasaa kaleessa taasifameen cinaatti ibsa waliinii kennaniiru.

Rakkoon naannoo Benishaangul Gumuziifi Lixa Oromiyaatti uumame uummata keenya baay'ee miidheera kan jedhan pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa miidhaan uummata irra ga'e isaan gaddisiisuu himan.
Pireezidaant Lammaa, komiin uummanni mootummaan yeroodhaan nuuf hin dhaqqabne jedhee dhiyeesse komii sirrii ta'uu isaatiin uummata keenya dhiifama gaafanna, hiriirri bahames hiriira sirriidha jennee amanna jechuunis dubbatan.
Yeroo dhaqqabuu qabnutti dhaqqabuu dhiisuu keenyaan uummatni miidhaa cimaaf saaxilameera kan jedhan Obbo Lammaa Magarsaa "Rakkinichi bal'aa ta'uusaa yeroo hubannetti gama gargaarsaatiinis ta'e gama nageenyaan uummata cinaa dhaabbachuuf yaalii guddaa taasisaa jirra" jedhaniiru.
Rakkoon kun dhimma naannoolee lamaa ta'uu isaatiin Mootummaa Federaalaa walin ta'uun qaamolee uummanni akka ajjeefamuufi buqqa'u taasisan, akkasumas kan qabeenya saaman seeratti akka dhiyaataniifi ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa'uuf hojjechaa akka jiran pireezidaantichi himaniiru.
Pirezedaanti Lammaan dhaabbileen siyaasaa marii waliin jalqabne dafnee waliin xumurachuun barbaachisaadha jedhanii, "Sababa rakkoo keenyaatiin Lixi Oromiyaa rakkoo keessa jira. Uummanni keenya kaleessas sodaa keessa ture har'as sodaa keessa jira jedhan.
Nageenyi boora'uu jaarmiyaa siyaasaa kamiyyu kan barbaadu hin jiru. Nutis akkuma amma marii jalqabanne kana dafnee akka xumurannu akkuma jirutti ta'ee, uummanni keenyas kana baree hubatee naannoon keenya nagaa akka ta'u, waanti hundumtuu gara seeraafi heeraatti akka dhufu taasisuuf uummanni keenya nu deggeruun barbaachisaadha,"jedhan.
"Gara fulduraattis uummata keenya walin mari'annee wantoonni ifa goonu baay'een ni jiru" jedhan.
Dura Taa'aan Kongirasii Federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa rakkoolee nageenyaa mul'atan furuuf uummanni Oromoo tokkummaan waliin dhaabbachuu akka qabu dubbatan.
Kana malees dhaabbileen siyaasaa Oromoo qabsoo uummata Oromoo afaaniin qofa osoo hin taanee hojiidhaan agarsiisuu danda'u qabu jedhan.
Bakka amma irra ga'ame kana kan ga'uu dandeenye- kan mana hidhaa jiru hidhaadhaa bahee, kan biyyaa bahe biyyatti deebi’ee, kan amma aangoorra jirus kan gara aangootti dhufe haarsaa gatii jabeessa Qeerroofi Qarreen Oromoo kaffalaniin jedhan Dr. Mararaan.
Laga amma irra jirru kana ce'uudhaaf waan sadii irratti walii galuun barbaachisaa akka ta'e kaasanii sabni walhiree, waldiigeefi waliin dhaabbachuu dadhabe laga ce'uu waan hin dandeenyeef tokkummaa sabaa keenyaa barbaachisaadha.
Kanaaf, tokkummaa saba keenyaa irratti hundi keenya jabaannee hojjechuun hojii manaa keenyadha, jedhan Dr.Mararaan.
Itti dabalaanis humni haaraa Qeerroon miliyoonaan socho'ee kanaan nu ga'e kun tokkummaadhaan eeguudhaaf hundi keenya ga'ee qabnas jedhan.
keessumaa ammoo kanaan dura kan ture dhaabbileen siyaasaa Oromoo luka qabanii walharkisuudha, kan jedhan Dr.Mararaan, "Kun dhaabbachuu qaba," jedhan.
Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa gama isaaniitin mootummaan gaaffiiwwan hiriira tibbanaa irratti ka'aa turaniif beekkamtii kennuunsaa sirriidha jedhan.
Rakkoon nageenyaa karaa Baha, Lixa, Kibbaafi kibba bahaan mul'atu dhiibbaa maqaa daangaatin uummata Oromoo irratti taasifamaa jirudha jedhan. Kun daangaa ballifachuudhaaf halleellaa taasifamudha.
Daangaa ballifachuun alattis,sochii uummanni Oromoo yeroo ammaa kanattii diddaa garbummaa tokkummaadhaan dhaabbatanii morman kana duubbatti deebisuudhaaf kan taasifamaa jirudha jedhu Hayyu Dureen kun.
"Jiijiirama hafuura namaaf kenna kana, Oromoofis, jaarmiyaalee siyaasaafis, saboota biraatiifis, boodatti deebisuudhaaf yaalii taasifamu kan of keessatti qabatudha.
Warri jijjiirama dhufaa jiru duubatti deebisuu yaalan kan hin dandeenye ta'anillee nageenya keenya booressuuufi sodaachisuu hin dhiisan. Kaanaaf, "Isa kana haala mullatu kana keessatti adda baafannee waliin hiriiruudhaan akka maseensinu irratti mariyanneerra. Isa kana irratti walgargaarra," jedhan Obbo Daawud Ibsaa.
Gochaa kanas dhaaboleen Oromoo walin ta'uun ni maseensina jechuun dubbatan.
Gama biraatiin garuu rakkoon dhaabolee siyaasaa Oromoo gidduutti mul'atu dhimma dhaaboliin walin mari'achuun irratti walin hojjetanidha jedhaniiru.




አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman