ABO Shaneen Bakka Sadiitti Walqooddee Jirti!

Gandummaa fi barcumaaf gocha suukanneessaa namarratti raawwachaa akka qaccee dura iyyuu aadaaf kan qaban warri shanee walqooduun aadaadhuma shaneeti.
Shaneen adeemsa kanaan hayyoota fi qabsaa'ota qaqqaalii Oromoo kan akka Obbo Leencoo Lataa, Dr. Diimaa Noogoo, Galaasa Dilboo, Leencoo Baatii, Dr. Hasan, general kamaal Galchuu fi general hayiluu Gonfaa faa of keessa ariitee bakka hedduuttii ABO qiricite, qabsoo bilisummaa Oromoo laamsheesite.
Shaneen ammaas aadaa isuu tortoraa gandaan namoota wal qoqqooduufi kan faayiddaa keenya gufachiisa jedhanii amanan ammoo maqa balleessiifii ajjeesuun kan beekkamtu ammaas bakka sadiitti wal hirtee ija shakkii guddaadhaan wal ilalaa gandummaadhaan walirratti ijaaramtee jirti. 
Garee shaneen ittii qoqqoodamte kan armaan gadiiti

1. Garee Jaal Daawud Ibsaa;
Gareen tun Toleeraa Adabaa, Jaal Kumsaa, Yaasoo Kabbabaa fi namoota faayiddaa sabaarra faayiddaa dhunfaa durfatan of keessatti kan qabatedha. Gareen kun Garee Horroo jedhamees beekama. Gareen kun TPLF waliin hariiroo jabduu akka qabu hamatama. Bizinasa gurguddaa biyyoota Ugandaa, Eertiraa fi Ruwaandaa keessa ni qabu jedhama. 
Fedhiin garee kanaa Jaal daawud Ibsaa angoorra tursuun faayidaa isaanii itti fufsiisuudha. Kanaaf ammo yaa’iin koraa sabaa shanee akka hingeggeefamne barbaadu.

2. Garee Jaal Maroo; 
Gareen Jaal maroo bal’inaan dargaggoota tarkaanfatoo ta’an of keessatti kan hammatedha. Namoota naqamtee, W/lixaa fi Qellam Wallaggaa ballinaan kan keessaatti hammatedha. Fedhiin garee kanaa hatattamaan yaa’ii kora sabaa paartichaa yaamuun Jaal Maroo Hayyu duree ABO shanee taasisuudha. 
Gareen kun qabsoo karaa nagaa jedhamu gonkumaa kan hin fudhannee fi qabsoo hidhannootiin aangotti bahuu fedhuudha. Jaal daawud faan garee kana akkaataa waliigaltee eritiraatiin kaamppitti galchu kan dadhabee waan isaaf hin abboomamneefi.
Yeroo ammaas Lixa Oromiyaatti namoota nagaa maqaa abbaa torbeetiin ajjeesisaa kan jiraniidha.
Eenyu ajjeechaa abbaa torbeerratti hirmaachaa akka jiru raga dabalataa itti fufiinsaan baafna.

3.Garee jaal Kamaal Qalbeessaati;
Jaal daawud Ibsaa waliin waliigaltee hin qabani. Nama kana dudduuba namicha biyya kaanaadaa jiraatu Abbaa biyyaa jedhamutu dudduubaan sochoosa. Miseensota Shanee dhalattoota Jimmaa, I/Aboor, shawaa fi kan biro of jalatti hiriirsuun socho’aa jiru. Gareen kun Hoogansi team lammaa gargaaramuu qaba jedhanii amanu. ODPtti makamuufis fedhii guddaa qabu.
Hicitiin Shaneen maqaa qabsootiin ummata Oromoorratti gidiraan raawwataa jiran dhuma hin qabu tokko tokkoon baafnee ummanni keenya dhugaa jiru akka baru goona
Faayiddaa dhunfaaf nama nagaa ajjeesuun, maqaa balleessuufii saamuun fafa, Duudhaa Ummata Oromoo kan bakka bu’uu miti.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman