Paartiiwwan ummataaf hojjenna jedhan waa’ee Nagaa irratti maalif callisan?

(Tolawaaq Waarii-Finfinnee Muddee 11/2011)-Biyya keenya keessatti Nagaan bu’uu qaba.Yoo Nagaan bu’e hundatu fayyadama.Nagaan hin jiru taanaan manaa ba’anii galuun hojjetanii buufachuun,waa’ee gara fuulduraa yaaduufi karoorfachuun akkasumas jireenya gaarii jiraachuun gonkumaa hin danda’amu.
Paartiin ummatan bakka bu’ee hojjechaa jira jedhee socho’u hundumtuu dhimma Ummata bakkan bu’a jedhu sanaaf halkanii guyyaa socho’uu qaba.Dhimma ummataa hordofee bakka rakkoon jirutti falli akka argamuuf hin socho’u taanaan paartiin kamiyyuu ummatan bakka bu’ee qabsaa’aa jira jechuun dubbachuun soba.
Haalli mijaawaan yoo jiraatu qofa bookisuun,yoo rakkoon jiru dhokachuun,riphuun maalif? jennee gaafachuu qabna.Maddi riphanii ilaaluufi yeroo haalli mijaawaan jiru qofa miidiyaatti ba’anii dubbachuun ibsa kennuun ummata miidhamaa jiruuf bu’aan argamsiisuu danda’u tokkollee hin jiru.
Mee haala qabatamaa Oromiyaa keessa jiru haa ilaallu.Dhiyeenya kana akka ibsamaa turetti paartiiwwan maqaa Saba Oromootiin qabsoofna jedhan lakkoofsisaanii 14 ga’eera.Yeroo darbe Ummanni tokko ta’aa nuun jechaa jira,kanaaf gara tokkummaatti deemuu qabna jedhanii mari’ataniiru.kun waan gaariifi deeggaramudha,kan tarkaanfii  fudhatanis jiru.Saba isaanii biraa galata qabu Kanayyuu gochuun kan danda’ame  carraaqqii hooggansi ODP taasiseeni.
Barreessaan yaada kanaa deeggaraa ODP ykn miseensa ODP ta’uu danda’a.Miseensa ABO’s ta’uu danda’a Kun mirgasaati.Asirratti yaada dhiyaate xiinxalanii ilaaluu mannaa kun kana waan ta’eef kana jechaa jira jedhamee waan gadi qicamuufin kana jedhe.Eenyuyyuu haa ta’u kan ilaalamuu qabuufi medaalliin yaadni dhiyaate sirriidha moo miti kan jedhu ta’uu qaba.

Dhimma rakkoo Oromootiif fala kennuu irratti hundumtuu kutannoodhaan hojjechuu qaba.Anis qoodakoo waanan danda’uun ba’aa jira.Wal tuffiifi inaaffaan akka jiru itti aanaan dura taa’aa ODP fi pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa dhoosanii dhugaa qabatamaan jiru dubbataniiru.Dhuguma jedhan.Haqa qabatamaan jiru ibsan.Kanaaf wal tuffachuufi inaaffaa keessaa ba’uudhaan ummataaf hojjechuun dhimma murteessaadha.
Paartiiwwan kamiyyuu filannoodhaan moo’atanii biyya bulchuu kan danda’an yoo ummanni jiraate qofadha.Kanaaf akka ummanni Nagaan jiraatuuf hojjechuun,shoora ofii gumaachuun aantummaa ummata bal’aaf qaban qabatamaan mul’isuun dirqama paartii hundaati.Dirqamasaa kana garuu paartii meeqatu beekee ba’aa jiraa?
Paartiin yeroo jalqabaatiif maqaa saba Oromootiin bosonatti galee qabsaa’eefi mirgaafi faayidaan Oromoo akka kabajamuuf ifaajaa waggoota 40 ol lakkoofsise ABO’n har’a maal hojjechaa jira?Addi Bilisummaa Oromoo(ABO’n) diinni taayitaan harkaa baate taayitaatti deebi’uuf wayita wixiffachaa jirutti i ABO’n maal gochaa jira? Diinaaf loogee hojjechaa akka jiru himamaa jira.Akkuma kanaan dura Dh.D.U.O akka saamicha warra TPLF’f tolutti hundaa’ee waggoota 27’f maqaadhaaf dhaaba Oromoo ta’ee socho’aa ture jedhame sanaa ta’aa jira dubbiin.Yaa Oromoo kan beeki.
Akkuma hawaasa keessatti keessa keessa gungumamaafi dubbatamaa jiru ABO’n taayitaa argachuuf qofa TPLF wajjin wal ta’aa jira taanaan kun Adda bilisummaa Oromootiifis ta’ee Saba Oromoo bal’aadhaaf du’a.

ABO”n kanaan dura TPLF’n Wayyaanee jechuun abaaraa ture.Har’a sababa maaliitiin TPLF wajjin qindoomee socho’aa?Ummata Oromootiif yaadeeti moo taayitaa dhuunfoonni barbaadan argachuufi laata? Shaneen ABO sababa maaliitiin mormitoota jijjiiramaa waliin qindoomee hojjetaa? Miidiyaan ONN jedhamuufi dhiyeenya tamsaasa eegale eenyuuf looguudhaan hojjechaa jiraa?aantummaan isaa TPLF’f moo Ummata Oromootiif?
Shaneen dura taa’aa ABO Obbo Daawud Ibsaa ajjeesuuf karoorfatee socho’aa akka jirus hawaasa keessatti bal’inaan himamaa jira.Kun maalif ta’a?Oromoo fayyaduufimoo jeeqamsi akka babal’atu taasisuufi? Shira kana warra shanee wajjin qindaa’ee kan hojjechaa jiran gootummaa erga qabaatanii ifatti maalif hin dubbatan?Maalif qarqara deeman?
Dura taa’aan ABO obbo Daawud Ibsaa dhimma kana quba qabuu laata? Dhaaba kana yeroo ammaa isaantu hoogganaa jiramoo eenyu? Waan isaan irratti odeeffamaa jiruhoo maalif ifa hin baasan?Obbo Daawud miidiyaawwan adda addaa irratti dhiyaatanii waa’ee dhimma dhuunfaa isaaniifi adeemsa qabsoo dabarsan irratti yoo dubbatan hordofuuf carraa argadheera.Haala qabatamaa qabsoon Oromoo irra ga’e irratti ifatti hin dubbanne jijjiirama argame hooggansa haarawaa wajjin itti fufsiisuu irrattis afaan qaqqabachaa dubbatan,yaadni isaan kennan hundi of eeggannoodhaan kan guutameedha.
Obbo Daawud Shaneenis ta’e hoggansi haarawaan biyya hooganaa jiru akka isaan hin komanneef of eeggannoo cimaa taasisaa waan jiran fakkaatu.Hooggantoonni dhaabbatichaa naannawa isaanii jiranis yeroo gaafatamanitti irra dibaan dubbatu.
Waliigaltee Mootummaa wajjin taasisanii gara biyyaatti ittiin deebi’an akkaataa kamiin akka hojiirra oolchaa jiran irratti wayita gaafatamanitti "itti deemamaa jira" jechuudhaan ala wanti qabatamaan hanga ammaatti himan tokkollee  hin jiru.Kun hundumtuu shirri cimaan akka jiru mul’isa.Jaarsoliin TPLF maallaqa kuufatanitti fayyadamuun ABO meeshaa taasifatanii Saba Oromoo gabrummaa jibbisiisaa barame jalatti deebisuuf kutannoofi qindoominaan hojjechaa akka jiran waanuma guyyuutti gochaa jiraniin hubachuun rakkisaa hin ta’u.
Shira kana dura dhaabbachuun yeroonsaa ammadha.Qeerroon dhiignikee dhangala’e,Hayyuun Oromoo eessumayyuu jirtu,Abbootiin Gadaa Oromoo,Manguddoonni Oromoo  seenaa darbe hunda beektan walumaa galatti Sabni Oromoo bal’aan hooggansa Dr.Abiy Ahmadiifi Lammaa Magrsaa maddii hiriiruu qaba.kana malee falli biraa hin jiru.Kanuma.Dammaqi Oromoo! Barreessaa yaada kanaatiif deebii kennuu kan barbaadu yoo jiraate e-mail kanaan naaf haa ergu=> dhugaamootii@yahoo.com
Horaa bulaa-deebanaa


አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman