Hiriira Nagaa tokkumaa Saba Oromoo lammata mul’isuun dhaamsa dabarse


Abbootiin irree waggoota hedduuf biyya teenya humnaan bulchaa turan tooftaan umurii taayitaa ittiin dheereeffatan hedduudha.Tooftaa abbootii irree keessaa adda durummaadhaan ka’uu kan danda’u Saboota Sab-lammootaafi ummattoota jidduutti garaa garummaan akka uumamu taasisuudha.Tooftaan ummattoota jidduutti garaa garummaa uumuu kun waggoota hedduuf abbootii irree fayyadeera,roorrisaa akka jiraatan isaan taasiseera.Tooftaan kun wayita ammaa hojjechuu hin danda’u,dulloomeera.
Kan biraa dhiifnee garaa garummaan Saba Oromoo godinaaleedhaan adda qoqqooduudhaan shirri abbootiin irree dhufanii darban xaxaa turan hedduudha,.Shirri warra shira xaxanii lakkaawwamee kan dhumuu danda’u ta’uu baatus yaadachuun barbaachisaadha.
Oromoo Arsii Oromoo Wallaggaa Oromoo Shawaa Oromoo Booranaa Oromoo Baalee…. Jechuudhaan Sabni Oromoo tokkichi adda qoqqoodamee olola adda addaa afarfamuun akka hin tokkoomneefi roorroo isaanii ofirraa ittisuu akka hin dandeenye taasifamaa tureera.Sababa kanaan Sabni Oromoo guddichi rakkoo isa mudatu keessaa ba’uuf waggoota hedduuf waliif birmachuu hin dandeenye.Amma kun hin jiru,seenaa ta’ee darbeera.
Har’a Oromoon waldhaggeeffatee waliif birmachaa akka jiru haaluma qabatamaan jirutu ragaadha.Oromoon walmararfachaa jira.Kun ammoo diinatti bowwuu mataa uumeera.
Lammiiwwan keenya kumaatamaan lakkaa’an shira diinaatiin Naannoo sumaaleefi daangaarraa akka buqqa’an wayita taasifametti Oromoon hundi kan biyya keessas ta’e biyya alaa jiraatu tokkummaadhaan dhaabbachuudhaan lammiisaa buqqa’ee hurufatti hafe jireenya idileetti deebisuuf deeggarsa himamee dhumuu hin dandeenye taasiseera.kanneen rakkoolee hedduudhaan dararamanitti abdii horeera,
Deeggarsa sabni xiiqiidhaan kaka’ee taasise kanaan dhimma Oromoo wajjin walqabatee seenaatu jijjiirame,Oromoota manaafi qa’ee jiraatan irraa buqqaafamaniif dhaqqabuun danda’ameera.Lammiiwwan haala suukaneessaa ta’een iddoo jiraatan irraa buqqaafaman kun wayita ammaa itti tolee jiraachaa jiru jedhamuu baatus rakkoo isaan mudachaa ture irraa hanga tokko dandamachuu danda’aniiru.Qaawwi jiru ammoo dhawaataan cufamaa deema.
Birmannaan Oromoon waliif taasisu rakkoo tibbana Oromiyaa lixaatti mudate irrattis lammata bal’anaan mul’ateera.Kanaanis akkuma kanaan duraa diinni riifaatu cimaa keessa seeneera.Tokkummaa cimaa Sabni Oromoo uumeen diinni abdii kutateera.
Oromoon godinaaleefi magaalota adda addaa keessa jiraatu tarkaanfii diinni abdii kutachuudhaan Oromiyaa lixaafi naannoo daangaatti Ummata Nagaadhaan jiraatu irratti fudhate daangaa tokko malee hiriira nagaa ba’uudhaan balaaleeffateera,kanaanis diinaaf ergaa dabarseera.Humni jijjiirama hoogganaa jirus akka oonnatee socho’uuf dhaamsa dabarseera.
Hiriirawwan karaa Nagaatiin iddoowwan adda addaatti adeemsifaman irratti gochaan ajjeechaa lammiiwwan irratti raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatuuf qaamoleen hawaasaa gara garaa gaafataniiru.Hiriirawwan magaalota adda addaatti adeemsifaman karaa Nagaatiin xummuraman.
keessumattuu barattoonni dhaabbilee barnoota ol’aanaa adda addaa keessatti barachaa jiran akkuma jiraattoonni magaalotaafi godinaalee adda addaa taasisan uffata gurraacha uffachuudhaan lammiiwwan lubbuun isaanii darbeef gaddasaanii kan ibsan yammuu ta’u gochi ajjeechaafi lammiiwwan buqqisuu akka dhaabbatuuf gaafataniiru.Hiriirawwan iddoo adda addaatti taasifaman irratti dhaadannoowwan dhaamsa adda addaa qaban dhiyaataniiru.

Tokkummaan Saba Oromoo qabatamaan lammata mul’ate kun daran cimee itti fufuu qaba.Paartileen siyaasaa maqaa Saba Oromootiin qabsaa’aa jiranis kana irraa barachuu qabu.Tokkummaa Sabni Oromoo haala ajaa’ibsiisaa ta’een uuame kana irraa barachuun gamnummaadha.Kanneen gamna ta’an haala ummatasaanii hubachuudhaan gara tokkummaatti deemaa jiru.Paartiiwwan mamiirra jiranis wanti tokkummaa caalu hin jiru waan ta’eef tokko ta’uudhaan socho’aa jechuun sabni bal’aan gaafachaa tureera,ammas gaafachaa jira.Akkuma Paartiin Demookraatawa Oromoo(PDO)fi Addi Demokraatawa Oromoo (ADO)’n taasisaniifi Koongransiin Biyyaalessaa Oromoo(KBO)’n taasisaa jiru paartiiwwan hafanis haala sabni burjaaja’uumsa keessa hin seenneen gara tokkoomuutti deemuutu irraa eegamaa jira.
Karaa birootiin dhimmi xiyyeffannoo ol’aanaa argachuu qabu tokkummaa Sabni Oromoo mamii malee uumeefi paartiiwwan Oromoos uumaa jiran kanatti humnoonni gufuu uumuu barbaadan akka jiran hubachuun barbaachisaadha.Dura dhaabbachuunis dhimma murteessaadha.
Hiriirawwan nagaa Ummanni tibbana taasise irra jiraadhaan yammuu ilaallu nagaa-qabeessa ta’us iddoowwan tokko tokkotti hiriira Nagaa kana gara jeeqamsaatti jijjjiiruuf carraaqqiin taasifameera.Kana qalbeeffachuun socho’uun barbaachisaadha.Gareen wanti barbaadu harkaa ba’ee mala kamittuu fayyadamuudhaan waan dhabe of harkatti deebisuuf malaafi tooftaa kamittuu fayyadamuu irraa duubatti akka hin deebine beekuudhaan of eeggannoo cimaa taasisuun barbaachisaadha.
Wanti kun erga hubatamee booda ammoo gadda lammiiwwan keenya miidhamniif qabnu kan ibsinu hiriira Nagaa qofaan waan hin taaneef maloota kanneen biroottis fayyadamuudhaan lammiiwwan keenya miidhaman dhaqqabuun ni danda’ama waan ta’eef ilaafi ilaameedhaan gufuu bira darbuu wayya jennee yaaduu qabna!Horaa bulaa

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman