Maal jedhe lammiin? Fedhiinsaahoo maali?


Ummanni Oromoo maal jechaa  akka jiruufi maalfa’i akka barbaadu sirritti caqasuun dirqama paartiiwwan maqaa Ummata Oromootiin qabsaa’aa jiran hundaati.
Paartiiwwan ummataaf qabsoofna jedhan hundi fedhii ummataa hin guutan taanaan  fudhatama qabaachuu hin danda’an.Paartiin ummataafan qabsaa’a jedhu kamiyyuu ummanni maal akka barbaadu hubatee fedhii ummanni barbaadu guutuuf yoo socho’e malee umuriinsaa dheeraa ta’uu hin danda’u,kichuutti citee hafa.
Ummanni Nagaa barbaada.Ummanni nagaan ba’ee nagaan galuu barbaada.Ummanni misooma barbaada.Ummanni hojjetee carraaqqatee nyaatee buluu barbaada.ummanni ijoolleessaa barsiifatee guddifachuu barbaada.Ummanni jireenya hiyyummaa keessaa ba’uu barbaada.
Fedhiiwwan ummataa gubbaatti eeraman kanaafi kanneen biroos guutuuf paartiin kamiyyuu halkanii guyyaa hojjechuutu irraa eegama.Paartiin ummataafan hojjedha jedhu kamiyyuu fedhii ummanni qabu hunda guutuuf saganteeffatee,karoorfatee,ifa ta’ee, shira irraa fagaatee hojjetu irraa eegama.

Waan ummanni barbaadu gara cinaatti dhiisuudhaan fedhii dhuunfaa guuttachuu qofaaf socho’uun,tokkummaa Sabaa cimaa jiruufi hunda bilisa baasetti bishaan naquun,gadi qicuun,humna biyyaafi ummata saamaa turetti michoomuun socho’uun akka paartiitti of ajjeesuu irraa adda ba’ee kan ilaalamuu danda’u miti.
Qabsoo ummanni bal’aan finiinsee asiin ha’e gara duubaatti deebisuuf socho’uunis mormatti funyoo hidhachuudhaan ofumaan of hudhanii of ajjeesuu irraa adda ba’ee kan ilaalamuu danda’u miti.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman