Waltajjii tibbana Maqaleetti adeemsifameefi hiikasaa


(Tolawaaq Waarii-Finfinnee Muddee 09/2011)-Yuuniivarsitiin Maqalee tibbana waltajjii marii tokko haala yeroo irratti qopheessuudhaan akka mari’atamu taasiseera.Waltajjii marii kana irratti bakka bu’oota paartiiwwan gara garaa dabalatee qaamolee hawaasaa adda addaatu irratti hirmaate.Waltajjii kana irratti qondaalli waahiyyaadnee kanaan duraa Obbo Barakat Simoon maqaa waraqaa qorannoo jedhuun waanuma barame dhiyeessaniiru.Kana booda maaltu ta’e?

Hirmaattoonni waltajjii marii kanaa kan gorsa fudhatanii seenan waan jedhaa jedhaman sirrumatti jedhaniiru,Ergama itti kenname ba’aniiru.Kaayyoon ol’aanaan waltajjii kanaa Mootummaan humna qabu hin jiru,kanaaf waan barbaaddan gochuu dandeessu dhaamsa jedhu dabarsuudha.Obbo Barakat dabalatee hirmaattonni waltajjii kanaa dhaamsa Ummata Itiyoophiyaatiif dabarfachuu barbaadan Televizyinii waahin yaadneetiiniifi miidiyaawwan kanneen birootiin dabarfachuu danda’aniiru.
Mootummaan Dr.Abiy Ahmadiin hoogganamaa jiru waan feetanillee gootan homaa gochuu hin danda’u.Kanaaf akka barbaaddan ta’aa,seera cabsaa,hooggansa jijjiiramaa taayitaa irraa fonqolchaa dhaamsa jedhutu darbe.Wanti kun kallattiidhaan jedhamuu baatullee kan jechuun barbaadame isa kana jechuu akka ta’e nuti waardiyoonni jijjiiramaa hubachuu qabna.
Jijjiirama Qeerrroo dabalatee qaamoleen gara garaa fidan kana gufachiisuuf daba hedduutu xaxamaa ture ammas xaxamaa jira.Gareewwan jijjiirama gufachiisuuf socho’an adda durummaadhaan kanneen faayidaan isaanii jalaa tuqamedha.Garaachoowwan keenya tokko tokkos shoora keessaa qabu.Kanaaf nufakkaatanii socho’u garuu ammoo qabatamaan isaan tumsu.
Garaachoowwan keenyas ta’ee sabaafi sablammoota kanneen biroo garaa isaanii qofaan yaaduudhaan socho’an of eeggannoodhaan hordofuun,saaxiluun,afaan qabachiisuun, akka yaadda’an taasisuun ga’ee  keenyadha.Nuti warri  jijjiirama amma dhufe kana jaalannee fudhanne waardiyoota jijjiirama kana eegan taanee socho’uu qabna.
Dr.Aby Ahmad,Obbo Lammaa Magarsaafi hooggantoonni haaromsaa isaan waliin jiran qofaasaanii jijjiirama kana itti fufsiisuu hin danda’an.Jijjiiramni eegalme galmasaa ga’uu kan danda’u tumsa nu hundaatiin akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.Gufachiiftoonni jijjiiramaa Abiy fi Lammaan akkasumas hooggansi naannawa isaanii jiru qofaatti homaa gochuu akka hin dandeenye hubachuudhaan ummata irraa adda isaan baasuuf kutannoodhaan hojjechaa jiru.Xiiqii cimaadhaan socho’aa jiru.
Yoo tumsinee tokkummaadhaan dhaabbannu shira warra shiraa hunda fashaleessuu dandeenya.Gufachiiftoonni jijjiiramaa hanga ammaatti waan danda’an hundummaa yaalaniiru.Kan milkaa’eef jira,kan karaatti jalaa fashalaa’ee hafes baay’eedha.
Kan Boba’aa dabalatee hanqinni omishawwan adda addaa akka mudatuufi hawaasni komii keessa akka galu taasisaniiru.Shira hedduu dhimma diinagdee irratti xiyyeeffate xaxaniiru.Yaalii ajjeechaa taasisaniiru.Baqatanii Maqaleetti galuudhaan riphaniiru.Ergamtoonni isaanii ammoo Finfinneefi iddoo hunda akka jiran baramuu qaba!
Kanaaf yaa sabaa dammaqi! Gabrummaa jalatti akka deebituuf sirritti hojjetamaa jira.Booda gaabbuurra har’a sochii jiru qalbeeffachuudhaan carraaquutu gamnummaadha.Iddoo jirru hundatti of eeggannaadhaan socho’uun,roorroo qolachuun mataa ol qabannee dubbachuudhaan isaan ammoo akka mataa gadi qabatan taasisuutu nurraa eegama. Yaada kennuu yoo feetan dhugaamootii@yahoo.com fayyadamaa

Horaa bulaa-deebanaa





አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman