Muudama ministiroota sadii


Finfinnee Eebila 10/2011(Tolawaaq Waarii) Manni marii bakka bu’oota ummataa wal ga’iisaa idilee 34ffaa har’a adeemsiseen muudama ministiroota sadii raggaaseera.
Akkaatuma Kanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaa Inijnar Ayishaa Mahaammad bakka bu’uudhaan ministira ministeera ittisaa ta’uun muudamaniiru.
Iddoo Dr.Warqina Gabayyoo bakka bu’uudhaan ammoo pireezidaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa kan turan Obbo Gadduu Andaargaachaw ministira dhimma alaa ta’uudhaan muudamaniiru.
Ministira ittisaa kan turan Injinar Ayishaa Mahaammad ammoo iddoo Jaanxiraar Abbaay bakka bu’uudhaan idduma Kanaan dura turanitti deebi’uun ministira misooma Magaalaafi koontiraakshinii ta’anii muudamaniiru. 

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman