Kanneen bultii Isaanin Ala Dhalchaniif Eeyyama Da’umsaa Argachuu Hin Qaban Jedhame


Zaambiyaatti Abbootin Daa’imman Bultii Isaanin Ala Dhalchaniif Eeyyama Da’umsaa Argachuu Hin Qaban Jedhame
Finfinnee, Bitootessa 24, 2011(Tolawaaq Waarii)-Waldaan hojjetootaa Zaambiyaa mootummaan eeyyama da’umsaa abbummaa dhiirotaaf kennu irratti daangaa akka itti godhu gaafateera.
Waldichi gaaffii isaa kana kan dhiyeesse dhiironni haadha manaa kiyya jedhanii dubartii galmeesisanin alarraa daa’imman dhalchaniif eeyyama akka hin arganneef yaadameeti jedhameera.

Federeeshiniin Hojjetootaa Zaambiyaa Kaayyoon gaaffii kana gaaffateef eeyyama da’umsaa dhiironni fudhatan daangeessuufi jedhameera.
Dura bu’aa waldichaa kan ta’an Hariingiteen Chibaand akka jedhanitti, dhiirri fuudhe tokko eeyyama abbummaa hammam fudhachuu akka qaburratti daangaan godhamuu akka qabus hubachiisaniiru.
Yaadni waldichaa fudhatama argatee yoo ragga’e dhiironni hin fuune eeyyama hin argatan jechuudha.
Maddi:BBC/Translated by FBCafanoromo

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman