Muudama Obbo Lammaa Magarsaa ilaalchisuun…


Finfinnee Ebila 11/2011(Tolawaaq Waarii) Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Ob.Lammaa Magarsaa kaleessa ministira ittisaa Itiyoophiyaa ta’uun erga muudamanii booda qaamoleen hawaasaa adda addaa yaada gara garaa kennaa jiru.Yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuun waan gaarii ta’us haqa qabatamaan jiru ammoo qalbeeffachuun hubachuun barbaachisaadha.
Haqni qabatamaan jiru maali?Haala qabatamaa amma jiruun Itiyoophyaa hoogganaa kan jiru Oromoodha.Kana kan haalu jiraa laata?Oromoon biyya hoogganaa jiru ammoo gara fuulduraatt akkaataa biyya guddiittii tana Itiyoophiyaa ittiin hoogganu irratti wal tumsuu qaba.Mariidhaan wal deeggaruudhaan wal gorsuudhaan karaa walitti agarsiisuudhaan hoogganuutu bakka yaadnu biraan nuga’uu danda’a.
Adeemsa kana milkeessuuf ammoo jijjiirama biyya kanatti mul’ate wajjin wal qabatee muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiifi obbo Lammaa Magarsaa kan caalu jira jechuun hin danda’amu.Hooggantoonni lamaan beekkamtii argatan kun waan kana waa malee akka hin goone hubachuudhaan deeggaruutu filatamaadha.
Dhugaadha Obbo Lammaa Magarsaa rakkoolee Oromiyaa bal’oo keessa turanitti furmaata argamnsiisuuf tarkaanfii fudhataa turan wajjin wal qabatee utuu achuuma turanii wayya jechuun yaaduun hammina irraa ka’a jechuun hin danda’amu.Dhalataan Oromoo kamiyyuu jijjiirama Oromiyaatti mul’achaa tureefi jaalalaafi kabaja Obbo Lammaa Magarsaatiif qabu irraa ka’uudhaan pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’anii akka turaniif fedhii ol’aanaa qaba.Fedhiinkoos kanuma ture.

Haa ta’uutii haala qabatamaa biyya keessa jiruun Obbo Lammaan gara caasaa Federaalaatti jijjiiramanii dhufuun bu’aa caaluuf waan ta’eef balaaleeffatamuu hin qabu.Obbo Lammaan ga’uumsa hooggansaa qabaniin caasaa ittisaa keessatti jijjiirama qabatamaa eegalame amansiisaa taasisuufi rakkoo nagaa iddoo adda addaatti sababa gara baraatiin ummata mudatutti furmaata waaraa argamsiisuu danda’u.Muuaxannoon Kanaan dura damee tasgabbiitiin horataniifi baruumsa barataniin tooftaa adda addaatti fayyadamanii ummata nagaa dheebote dheebuu baasuu danda’u.Kanaaf jijjiiramuun Ob.Lammaa Magarsaa bu’aa caaluuf akka ta’e hubachuudhaan qeeqa sababa quubsaa hin qabne irraa of eeguun gaarii ta’a
Karaa birootiin amaleeffannaan hoogganaa tokko irratti rarra’uu utuu dhaabbatee wayya.Waan muummichi ministiraa Kanaan duraa du’aan boqotan obbo Mallas Zeenaawii uumanii darban yaadachuun barbaachisaadha.Obbo Mallas ana malee jechuudhaan waggoota 20 oliif taayitaarratti cichanii turuudhaan biyya tana keessatti rakkoon hooggansaa bal’aan akka uumamu taasisaniiru.Rakkoo hanqina hooggansaa kan uume Obbo Mallas bara taayitaarra turanitti hooggansa itti aanu yerootti horachuu dadhabuusaaniiti.Amma sun seenaa ta’ee darbeera godaannisa hooquun hin barbaachisu.Garuummoo irraa barachuudhaan adeemsa gara fuulduraa sirreessuun barbaachisaadha murteessaadha.Obbo Lammaan hooggatoota isaanitti aananii mamii malee Oromiyaa hoogganuu danda’an uumaniiru.Kun milkaa’ina ol’aanaa Obbo Lammaan ittiin galateeffamanidha.
Namini kamiyyuu keessa isaatti of qopheessinaan kutannoofi aantummaa ummata bal’aa kan qabu taanaan hoogganuu danda’a.Kaleessa miseensa Caffee Oromniyaa waan hin taaneef itti aanaa pireezidaantii ta’anii kan muudaman Obbo Shimallis Abdiisaas(bakka Ob.Lammaa bu’aniiti hojjetu) nama cimaadha.Hoogganaa dhaloota haarawaa keessaa argamanidha.Yeroon gabaabaa ta’us Obbo Shimallis iddoo hooggansaa adda addaatti ramadamuudhaan maalummaa hooggansaafi akka itti hoogganan horachuu danda’aniiru.Nama aarsaa barbaachisu hunda kaffaluuf of qopheessan akka ta’anis sirna muudama isaaniirratti haasawa dhageessisaniin mirkaneessaniiru.
Wal jijjiirraan hooggansaa iddoowwan kanneen biroo irrattis taasifame bu’aa dabalataa galmeessuuf yaadamee kan raawwatame akka hubachuudhaan deeggaruun tumsuun akka lammiitti dirqama ofii ba’uuf qophaa’uun barbaachisaadha.Waan hunda qeequun bu’aa siyaasaa argachuuf qofa mormuun gadi qicuun sababa addaa addaa uumuudhaan hiika ta’uu hin qabne itti kennuun biyya miidha malee hu’aa hin qabu.Mudamtoota hundaaf carraa gaarii haawwinee deeggaruutu filatamaadha.Horaa bulaa yoon dogongore yadaan nasirreessaa Nagaatti!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman