Dubbii Ob.Lammaa Magarsaafi Nagaa keenya


Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamaa Ob Lammaa Magarsaa tibbana abbootii qabeenyaa walitti qabuudhaan waan baay’ee irratti dubbatan,dhaamsawwan gurguddoo dabarsan.
Hojii investimantii wajjin wal qabatee gufuuwwan jiraniifi abdii gara fuulduraa irratti xiyyeeffachuudhaan gaaffilee abbootiin qabeenyaa dhiyeessaniif Ob.Lammaan ibsa bal’aa kennaniiru.

Kana malees haala wayitaawaa Oromiyaafi biyyaa irratti ibsi bal’aan Obbo Lammaa Magarsaa kennan   baay’oota garaa ga’eera jechuun ni danda’ama.Waa’ee Finfinnee dabalatee dhimmoolta adda addaa irratti kan isaan iftoominaan dubbatan haala yaaddessaa ture hunda jijjiireera.
Sobdoonni miidiyaawwan hawaasummaa fayyadamuun sobaa oolanis qaana’aniiru.Lammiiwwan sobdootaan burjaaja’anis amma dhugaa qabatamaan jiru baraniiru.Sobdoota tuffataniiru.Sobdoonnis bakka seenan dhabanii akka rakkatan hubatameera.
Ummanni bal’aan haqa qabatamaan jiru bare amma tasagbbaa’eera.Kan sobdootaan burjaaja’aa tures amma qalbiisaatti deebi’aa waan jiru fakkaata.Hundumaafuu Obbo  Lammaa Magarsaa waan hundumarratti baga dubbatan,baga iftoomina uuman.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman