Sabdaneessummaan bu'uura Federaalizimii dimokiraatawaa dhugaati




Sadaasni 29 guyyaa Ayyaanni Saboota, Sab-lammootaafi Uummattoota Itoophiyaa itti kabajamudha. Bu'uurri kabaja Ayyaana kanaa guyyaa heerri mootummaa FDRI walqixxummaa sabootaa, sablammootaafi uummattoota Itopphiyaa mirkaneesse itti labsamedha.
Gaaffiiwwan 1960moota keessa Sochii Barattoota Itoophiyaan gaafatamaa turan gaaffii Lafaafi gaaffii dimokiraasii dabalatee gaaffiin 'Walqixxummaa Sabootaa" tokkodha. Sirni Dargii gaaffii Lafaa deebisuuf yaalus gaaffiin walqixxummaa sabootaafi gaaffiin dimokiraasii deebi'uu hin dandeenye. Kunis uummattoonni Itoophiyaa qabsoo marsaa biraa akka gaggeessan taasise.
"Gaaffiin walqixxummaa" saboonni, sablammoonniifi uummattoonni biyyattii mirga walqixxummaan biyya isaanii keessa jiraachuu, afaaniifi aadaa isaanii guddisuufi dagaagfachuu, seenaa isaanii barreeffachuufi qorachuu akkasumas walqixxummaan amantaa akka kabajamu kan akeeku ture. Haata'u malee, gaaffiin kun sirna yeroo sana tureen fudhatama argachuun deebi'uu waan hin dandeenyeef saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itoophiyaa qabsoo taasisaniin sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun heerri "walqixxummaa" sabootaa mirkaneesse Sadaasa 29/1987 raggaasifamuu danda'ee jira.
Guyyaan heerri mootummaa FDRI itti raggaasifame kunis "Guyyaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa" ta'uun waggaa waggaan kabajamaa jira. Kunis walqixxummaa sabootaa qabatamaan hojiitti hiikuuf yaadamee yoo ta'u saboonni, sablammoonniifi uummattoonni tokkummaa biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru carraa kanatti fayyadamanii akka cimsataniifi dha.
Guyyaa kana Naannoleefi Bulchiinsi Magaalotaa lamaan dabareedhaan walharkaa fudhachuun abbummaan qopheessuun sirnoota garaa garaa aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaa sabootaa, sablammootaafi uummattootaa calaqqisiisaniin kabajamaa tureera. Bara kanas marsaa 17ffaaf Naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti sirna ho'aan kabajama.
Haata'u malee, sirna ADWUI jalatti walqixxummaan sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasiin waan hin utubamneef bifa guutuufi walqixxummaa sabootaa, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa qabatamaan mirkaneessuu danda'uun hojiirra hin oolle.
Bu'uurri walqixxummaan sabootaa ofiin of bulchuu ykn dhimma ofii irratti ofiin murteeffachuu, afaan, aadaafi seenaa ofii dagaagsuufi kunuunsuudha. Kun ammoo sirna federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuun mirkanaa'a. Federaalizimii dhugaan ammoo dimokiraasii dhugaan alatti dhugoomuu hin danda'u. Kanaaf, walqixxummaa, federaalizimii sab-daneessaafi dimokiraasii adda baasanii ilaaluun hin danda'amu.
Heerri mootummaa FDRI bu'aa qabsoo uummattoota Itoophiyaa ta'eefi Sadaasa 29/1987 ragga'es waantota kana of keessatti hammatus qabatamaan hojiirra ooluu hin dandeenye. Qaamni olaantummaan aangoo biyyattii dhuunfatee ture sirna federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubameefi walqixxummaan sabootaa keessatti kabajame diriirsuu irra sirna olaantummaa saba tokkoo, abbaa irrummaafi federaalizimii fakkeessaa dantaafi olaantummaan murna tokkoo ittiin tikfamu hojiirra oolchaa ture. Kunis hariiroo mootummaaf uummataa, walitti dhufeenya sabootaa irratti dhiibbaa uumuun nageenya uummataafi tokkummaa biyyaalessaa miidhaa hamaaf saaxile.
Sirna federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuun walqixxummaa sabootaa mirkaneessuuf dhagaan bu'uuraa sirna dimokiraasii ijaaruu waan ta'een uummattoonni Itoophiyaa daangaa hanga daangaatti qabsoo taasisuun waggoota afuriin dura jijjiiramni akka dhufu ta'ee jira. Jijjiiramni qabsoo uummataafi hooggantoota jijjiiramaan dhalate kunis dimokiraasii dhugaa ijaaruun walqixxummaafi hariiroo sabootaa mirkaneessuun biyya waloo jabduu taate uumuu galma kan godhate dha.
Jijjiirama kanaan asitti naannoleen duraan turan giddu seentummaa tokko malee ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummattootaa irratti hundaa'uun naannoleen haaraan lama uumamanii jiru. Kunis federaaliziifi dimokiraasii dhugaan qabatamaan hojiirra oolaa jiraachuu kan agarsiisedha.
Naannoon Sidaamaa Ayyaanni Sabaafi Sablammootaa marsaa 17ffaan keessatti kabajamuuf jirus naannoo haaraa jijjiiramaan asitti hundaa'edha.
Gama biraan yeroo dhihoo asitti Ayyaana kanatti sonaafi miidhagina kan dabale, mallattoo tokkummaa, milkaa'inaafi injifannoo uummattoota Itoophiyaa kan ta'e Waancaan Hidha Haaromsaa Ayyaana kanarratti naannolee jidduutti wal harkaa fuudhinsi taasifamuu isaati. Waancaa Hidha Haaromsaa Sadaasa 29 waggaa waggaan naannoleen akka simatan taasisuun tooftaalee ijaarsa Hidhichaaf galiin ittiin sassaabamu keessaa tokko yoo ta'u kunis karaa biraan walitti dhufeenya sabootaa, sablammootaafi uummattootaa cimsuu kan kaayyefatedha. Dhagaa tokkoon Simbira lama isa jedhamu jechuudha. Kanaanis hojiin guddaa hojjetameera.
Naannoon Oromiyaas Guyyaa sabaaf sab-lammootaa qopheessuun walitti dhufeenya sabootaafi sablammootaa cimsuu keessatti akkasumas Waancaa Hidha Haaromsaa yeroo lamaaf simattee galii guddaa sassaabuun milkaa'inaafi muuxannoo guddaa qabdi.
Bara kanas Waancaan Hidha Haaromsaa Naannoo Oromiyaa keessa naanna'uun Hidhichaaf galiin ittiin sassaabamaa ture Ayyaana Sabootaaf sab-lammootaa marsaa 17ffaa Magaalaa Hawaasaatti kabajamu irratti naannoo biraaf dabarsitee kan kennitu yoo ta'u waggaa tokko keessattis galii hanga karoorfamee ol sassaabuun milkaa'ina guddaa gonfattee jirti.
Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf!

Maddi:OPP

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa