Rakkoon meedaaltuu hawaasa darare furamuu qaba!

Biiroon daldalaa rakkoon medaaltuu/Miizaana hawaasa darare furuudhaaf kan hojjechaa jiru akka ta'e himeera.Biiroon daldalaa Oromiyaa rakkoon madaallii wajjin wal qabatee mudatu furmaata waaraa akka argatuuf hojjechaan jira jedheera.Rakkon safartuu hawaasa miidhamaaf saaxile furmaata waaraa argachuu kan danda'an meeshaaleen meedaallii guutumuudhaan aanaalee hunda yoo dhaqabuu danda'e akka ta'e ogeessi hojii biirichaa tokko himaniiru.

Keessumattuu qonnaan bulaan sababa miizanaatiin bu'aa dadhabbiisaa akka hin dhabneef of eeggannoodhaan hojjetamuu qaba.Dallaalaan saamicha bare burjaajessuudhaan qonnaan bulaan akka miidhamu gochuu irraa duubatti hin deebi'u waan ta'eef too'annnoofi hordoffii barbaachisaan taasifamuu qaba.

Rakkoon giraama hir'isuudhaan uumamu hawaasa akka hin miine taasisuun kan danda'amu hawaasni fayyadamus waajjiraalee daldalaatiif eeruu kennuudhaaniifi hirmaannaa barbaachisaa taasisuudhaan waan ta'eef  hawaasni faayidaa ofii kabajisiisuuf carraaquu qaba.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman