Waliigaltee nageenyaa mallattaa’een kan injifatte Ityoophiyaadha- Pireezidaanti Saahilawarq Zawudee




Waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallattaa’een kan injifatte Ityoophiyaadha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawudeen.
Pireezidaanti Saahilawarq waliigaltee nageenyaa mallatteeffame ilaalchisee ergaa dabarsaniin, marii nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa tureen waliigalteen nageenyaa taasifamuu yaadachiisaniiru.
Waliigaltichi Itiyoophiyaafi uummatasheef oduu gaarii ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltee nageenyaa mallatteeffameen kan injifatte Ityoophiyaa ta’uu ibsuun, waliigalticha hojiitti hiikuun, hojiin deebisanii ijaaruu hojii salphaa akka hin taane nan hubadha jedhan.
Itiyoophiyaan kana hundarraa dandamattee sadarkaa guddinaa isheef madaalurra geessisuun nurraa eegama jedhan.
Qaamolee nageenyaafi lammiilee biyyattii tokkummaafi nageenya biyyattii kabachiisuuf wareegama kaffalan seenaan kan yaadatu ta’uu ibsaniiru.
Ergamaa Addaa Gamtaa Afrikaafi Pireezidaantii duraanii Naayijeeriyaa Oluuseegoon Obbaasaanjoofi Pireezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa akkasumas qaamolee waliigalticharratti ga’ee isaanii ba’atan biroo galateeffataniiru.

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Obbo Muktaar Kadir pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uun lammata filataman