Naannummaa farra ilma Namaa!
Rakkoon Naannummaafi ilaalcha ijoollee laga tokkoo jedhuun walfayyaduu Nama miidha.Rakkoon kun Namoota dhuunfaa miidhuu bira darbuudhaanis misoomaafi guddina biyyaa irratti gufuu uuma. Kana wajjin wal qabatee sababa rakkoo Naannummaa,gosummaafi warra laga tokkoo jedhuun miidhaan ga’e ol’aanaadha jechuun nidanda’ama.Rakkoon badii geessisu kun isa dhiyeenya kanaa asitti rakkoo neetwoorkii faayidaadhaan quunnamtii cimaa qabaachuu jedhamaa ture waliin tokkumadha. Neetwoorkiin rakkoon bulchiinsa gaarii akka babal’atu taasisuudhaan dararamni ummata keenyaa akka dabalu taasise.Namoonni dhuunfaan muraafni ammoo jireenya qananii akka jiraataniif haala mijeesse,sammuudhaan yeroo mara dhiphachaa jiraachuun jireenya qananii yoo ta’eef. Hundumaafuu rakkoon naannummaa wayita hammaachaa deemu waraabeessi lagakootii nahaanyaatu jedhameellee wayita yaadamaa ture bira dabarree jirra.Waraabeessi waraabeessuma,Akkamitti ilmi Namaa waraabeessi lagakootii nahaanyaatu jechuun haala kanaan ya...