Naannummaa farra ilma Namaa!

Rakkoon Naannummaafi ilaalcha ijoollee laga tokkoo jedhuun walfayyaduu Nama miidha.Rakkoon kun Namoota dhuunfaa miidhuu bira darbuudhaanis misoomaafi guddina biyyaa irratti gufuu uuma.


Kana wajjin wal qabatee sababa rakkoo Naannummaa,gosummaafi warra laga tokkoo jedhuun miidhaan ga’e ol’aanaadha jechuun nidanda’ama.Rakkoon badii geessisu kun isa dhiyeenya kanaa asitti rakkoo neetwoorkii faayidaadhaan quunnamtii cimaa qabaachuu jedhamaa ture waliin tokkumadha.

Neetwoorkiin rakkoon bulchiinsa gaarii akka babal’atu taasisuudhaan dararamni ummata keenyaa akka dabalu taasise.Namoonni dhuunfaan muraafni ammoo jireenya qananii akka jiraataniif haala mijeesse,sammuudhaan yeroo mara dhiphachaa jiraachuun jireenya qananii yoo ta’eef.

Hundumaafuu rakkoon naannummaa wayita hammaachaa deemu waraabeessi lagakootii nahaanyaatu jedhameellee wayita yaadamaa ture bira dabarree jirra.Waraabeessi waraabeessuma,Akkamitti ilmi Namaa waraabeessi lagakootii nahaanyaatu jechuun haala kanaan yaadaa?

Naannummaan,gosummaan,Amantaan walqooduun ilma laga tokkoo jechuun wal leelisuun irra keessa waliif gadduu,waliif yaaduu,walmararfachuu fakkaatus akkisaa akkana miti.Xummurrisaa balaa ol’aanaa hordofsiisa.Kankoo malee inni kaan dhimmasaa nama jechisiisa.Kanaan ammoo qaama gara biraa miidhuun waan hin oolle ta’a.Kun xumura irratti walgalaafachuutti nama geessa.

Rakkoon kun hammaachaa wayita deemu ilaalcha dhiphummaa dhuma hin qabnetti nama galchuus danda’a.Dhiphummaan ammoo farra guddinaafi misoomaati.Ilaanchi dhiphummaa gocha farra Demookraasii raawwachuufis kan Nama dirqamsiisudha.

Gochi farra Demookraasii kan jiru taanaan ammoo waa’ee misoomaafi guddinaa akkasumas abdii gara fuulduraa yaaduun gonkumaa waan danda’amu miti.

Mee fakkeenyaan haa ilaallu.Akkuma yaadatamu tibbana gareewwan gosa muleer jedhamaniifi Suudaan kibbaa irraa Daangaa Itiyoophiyaa ce’uudhaan gosa nyuweer Naannoo Gaambeellaa keessa jiraatu irratti miidhaa suukaneessaa geessisaniiru.

Haleellaa meeshaa waraanaatti fayyadamuudhaan gara jabummaadhaan gareewwan gosa eerame kanaan raawwatameenis lammiiwwan Itiyoophiyaa Naannoo Gaambeellaa jiraatan kan lakkoofsaan 208 ga’an ajjeefamaniiru.Gareen kun kana malees Dubartootaafi Daa’imman lakkoofsaan 108 ga’an dirqamaan ukkaamsee fudhateera.

Sababa gocha gara hammeenyummaan raawwatame kanaan nutis kunoo akka biyyaatti lammiiwwan keenya haala suukaneessaadhaan ajjeefamanif gaddaa jirra.

Egaa kun hundi kan mudachuu danda’e sababa rakkoo Naannummaa,ijoollee lagaa tokkoo jedhuufi quunnamtii kanaanis walfayyaduuf jecha sochii taasifameenidha.

Kanumaafi,Naannummaan,gosummaan,amantaan walqooduuniifi ijoollee laga tokkoo jechuun walbarbaaduun xummurrisaa hin miidhagu kan jedhamu.Miidhamni rakkoo kanaan ga’u ammoo xumura irratti isa abbummaadhaan socho’aa ture qofa utuu hin taane qaama hunda miidha.

Namoonni rakkoo kana geessisaa turan xumura irratti gobamuun isaaniis waan hin oolle ta’a.Isa kana garee Suudaan kibbaa daangaa ce’uun lammiiwwan keenya ajjeeseefi wayita ammaa raayyaa Itiyoophiyaatiin adamsamee gobamaa jiru irraa hubachuun ni danda’ama.

Fagoo utuu hin deeminis fakkeenyuma asuma dhiyeenyatti jiru kaasuudhaan ilaaluun barbaachisaadha.

Hooggantoonni sadarkaa gara garaa irra jiraniifi dhiyeenyatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummata wajjin erga mari’atee booda tarkaanfii irratti fudhates kanaaf fakkeenyadha.Hooggantoonni kun ummanni rakkoolee bulchiinsa gaariitiin akka dararamu waan taasisaniifidha kutannoodhaan tarkaanfiin kan irratti fudhatame.Kun ammoo ummata Oromoo rakkoo bulchiinsa gaariitiin tajaajila damee kamiinuu kennamuun itti quufiinsa dhabee tureef abdii guddaa uuma.


Qaamonni rakkoo Naannummaafi quunnamtii ta’uu hin malleen harkasaanii wakkeessa naquudhaan ofii fayyadamuudhaan hawaasa miidhan gara fuulduratatis eessumayyuu ga’uu akka hin dandeenye baruumsi argameera.Baruumsa kanatti kan fayyadamuu danda’u ammoo gamnadha!

አስተያየቶች

ከዚህ ጦማር ታዋቂ ልጥፎች

Ministiroota Itiyoophiyaa har'a muudaman

Ibsa Dhaabbatummaa Dh.D.U.O

Eessa turre,Maalirra Geenyeerra? Kutaa 4ffaa